Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Itiyoophiyaa-Eertiraa: Battala maatiin waggoota dheeraaf gargar bahan wal argan
Xayyaarri Itoophiyaa balaliinsa daldala gara Eertiraatti taasisu waggoota 20f adda citee ture har'a eegalee jira.
Balaliinsa seena qabeessa jalqabaa kanaan lammiileen Itoophiyaafi Eertiraa maatii isaanii waliin waggoota dheeraaf gargar citanii turan gara Eertiraatti imaluun maatii isaanii waliin wal arganii jiru.
Battala maatiin gargar bahanii turan wal argan miirri jiru qalbii namoota hedduu hawwatee jira.
Namoonnis marsaalee hawaasaa irratti suuraalee waliif qoodaa jiru.