Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Dureessi Afrikaa beekamaa Daangooteen haadha warraa barbaadaa jiru
Erga gaazexaan UK, Faayinaanshaal Taayims jedhamu dureessi Afrikaa Aliikoo Daangooteen haadha warraa akka barbaadan gabaaseen booda, fayyadamtoonni miidiyaa hawaasaa tiwiitarii 'ana na fuudhaa' jechuun harka baasaa jiru.
Egatanaa ijoollee miti. Waggaan 60 qoosaa miti. Yoo yeroo hin qabdu tahe garuu nama qabaachuun faayidaa maleessa dha jechuun gaazexichatti himan.
''Wantooti baayyee na ko'omsan jiru. Warshaan keenyi jiraa, xaa'oo oomishnaa, peetirookeemikaalas qabna, ujummoo gaazii illee akkasuma.'' Haa ta'utii jedhan '' amma boqochuun qaba'' jedhan.
Haadha warraa nan barbaada ergan jedhee namoonni galmeen eessatti jechuun bilbilaan na rakkisaa turanis jedhaniiru miidiya hawaasummaa isaanii irratti.
''Erga Daangotee haadha warraan barbaada jedhee, jaalalleen koo na gatteetti. Ani nama kanatii hin bu'uu.''
''Bilcheessuu, mana qabachuufaa qixeesseen beeka 'na fudhaa''' fa'i kan jedhan keessa jiru.