Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Nigusuu Xilaahuun: 'Waa'een alaabaa maree uummataa barbaachuunsaa hinoolu'
Dilbata Adooleessa 1, 2018 hiriira deggeersa mata-duree ''Jijjirama barbaanna, dimookraasii haajabeessinu'' jedhun magaalaa Baahir Daariifi bakkawwan biroo irraa uummatoota bahaniin magaalaattii faayanii oolaniiru.
Naannoo kuma 100tti tilmaamamu kan jedhaman hiriirtoonni kunneen, ministeera muummee Abiyyi Ahimadiifi tarkaanfiilee foyyaa'insaa isaan fudhachaa jiran kan degeran ta'u ibsuuf jecha kan gara waltajji kanaatti bahan.
Kanumaan walqabatee itti gafatamaan Waajjira Dhimmoota Kommunikeeshinii Mootummaa Naannoo Amhaaraa Obbo Nigusuu Xilaahuun BBC waliin turtii taasisaniiru.
Hiriirri Dilbata darbe gaggeeffame maal fakkaata ture?
Akka Obbo Nigusuun jedhanitti, waxabajjii 16 (ALI) irra eegalee hiiriira deggeersaa 43 magaaloota nannoo isaanii keessatti argaman keessatti geggeefameera. Toraban kana keessa kan gaggeessanis ni jiru kan jedhan Obbo Nigusuun, magaaloota hundaa keessatti, hiriiroota kanneen karoorsee kan raawwiin gahu uummaticha jedhu. Dargaggoonni ofuma isaanitiin koree dhabbanii, mootummaan nageenya akka eegsiisuuf gaafii dhiheessu. Hiriirri deggeersaa hanga ammaatti bakka hundaatti godhaman nagaan xumuramaniiru jedhan.
Hiriirri Baahir Daaritti gaggeeffame kan naannoo bakka bu'uudha. Namoota lakkoofsaan baayy'ee heddu ta'antu yeroo jalqabaaf istadiyoomii kanatti argaman. Akka tilmaama Bulchinsa Istadiyoomii kanaatti namoota kuma 100 oli ta'antu irratti argame. Hiriira kana irrattis ummaatichi ergaa isaa dabarfateera; akkasumas hiriirri kun nagaafi bifa barbaadameen kan galma gaheedha jedhan Obbo Nigusuun.
Alaabaa halluu sadanii kan hasxaa ofirraa hin qabnetu baayyinaan mullata
Hiriira Naannoo Amhaaraatti gaggeeffaman hundarratti namoonni hiriira ba'an alaabaa isa heera mootummaan eyyamu osoo hin taane abbaa halluu sadiifi haasxaa hin qabne fayyadaman.
Dhimma kana ilaalchisee Obbo Nigusuun akka jedhanitti, alaabaan kun, naannoo keenyatti yeroo adda addaatti keessattuu ayyana amantiirratti, guyyaa ayyana cuuphaa, daamaraa akkasumas guyyaa gamachuufi gaddaas, qabatanii ni bahu. Duraan ammoo bal'inaan itti fayyadama kan turameedha. Alaabaan inni asxaa qabu ammoo waltajji, wajjiraaleefi dhaabbilee mootummaa biratti fayyadaarra oola jechuun ibsan.
"Ummanni kun alaabaa kana barbaade qabatee bahuunsaa, alaabaa isa heeraan ka'amee sana ilaalchisee uummata naannoo keenyaa waliin akka gaariitti waliigalteerra gahu dhabuu keenya kan nuuf ibseedha. Tarii akka qajeelfamaafi danbiitti seeraan keenye waan jiraniif, seeraaf kan bulan ta'u isaani agarsiisuuf, garu ammoo garaagarummaa jiru haala akkanaan yeroo haalli itti miijatteetti bal'inaan ibsuuf danda'uu isaanii kan nu hubbachiiseedha," jedhu aanga'aan kun.
Akka Obbo Nigusuun hanga harra'aatti maaliif akkanatti qabate bahee hinbeeku isa jedhuuf, nutuu akka hawwasichi waan fedhe godhuuf hayyamoo hinturre, dhiibbaa irraan gaha turre jechuudha. Kanaafuu alaabaa heera qabeessa kanarratti wali hingallee, nurra hinfudhanne jechuudha jedhan.
"Kanaafu, ittansuun caalaatti waligalteerra gahuuf ummatichaa waliin dhimma kanarratti mari'achuu, murtee mataasaa ilaalee akka fudhatuufi waan itti amanu akka godhuu taasiisuun akka nurra jiru kan nu barsiiseedha," jedhan.
Naannoo sanatti murteefi fillannoo kana hojiirra oolchuuf kaka'umsi jiraa?
Heerichi kan naannoo Amaaraa qofa miti kan jedhan Obbo Nigusuun; kan uummata Itoophiyaa, sabaafi sablammiilee maraati. Alaabichis alaabaa heera qabeessa. "Kanaafuu nannoon Amaaraa, heera biyyaatti cabsuun qofaatti kan murteessu hinqabu. Haa ta'u malee uummatichi yaadasaa ibsateera; mallattoo barbaachisu agarsiiseera,".
Kanaafuu maal gochuu qabna jenne uumata keenya waliin mari'annas jedhan. Uummanni Amaaraa sabaafi sablamiilee biroo waliin walqixxummaan, karaa dimookraatawaan jiraanadha kan inni jedhes jedhan.
Dimookraasii jechuun ammoo, waantawwan jiran hundaarratti mari'achuun kan wayyabni ta'u qaba jedhe fudhachuudha. "Hundi kan wayyabaan murteesetu ta'aa jechuudha. Haa ta'u malee ergaan jiru uummanni Amaaraa alaabaa heera qabeessa sana qabatanii bahuu akka hinbarbaadine beekameera. Maaliif jenne xiinxaluu qabna."
Kun deeme deemee ajandaa uummatichaa waliin mari'achuufi yaada isaanii baruun barbaachisaa akka ta'e argineerra kan jedhan Obbo Nigussun, rakkoo kanaaf bu'ura kan natti fakkaatu, walabummaa uummataa, tokkummaafi heera, ajandaa alaabaatti gadi xiqqeessuun, atakaaroo alabaa keessa galuudha.
"Uummanni naanno keenyaas kana ni hubata. An kanan jedhu qofti haa ta'u kan jedhu miti. Haa ta'u malee, marii uumataa barbaaduunsaa kan oolu miti. Marii kanaaf haalli barbaachisu ni uumama.