Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Walgahiin Tiraamp fi Putin biyyoota lameeniin fudhatameera
Moskoo fi Waashingitan walgahii yeroo dheeraaf daddarbaa ture xumura itti gochuuf Pirezidant Donaald Tiraamp fi kan Raashiyaa Vilaadmir Putin akka walgahan wali galan.
Gorsaan tika biyyaalessaa Yunaayitid Isteet Pirezidantii Raashiyaa waliin erga mari'atanii booda kuni kan dhagahame.
Obbo Tiraamp ji'a dhufu walgahuu akka danda'an himaniiru. Bakki mariis tarii magaalaa guddoo Finlaand Helsinkiitti ta'u danda'a jedhaniiru.
Dhimmoota akka waraana Siiriyaa keessaa akkasumas haala Yukreenii ni mari'atu jedhame eegama.
Obbo Tiraamp yeroo xumuraaf pirezidantii Raashiyaa Sadaasa darbe ture kan waliin mari'atan.
Gorsaan tika biyyaalessaa Yunaayitid Isteet Jon Boltan karaatti Putin waliin mari'achuu dandeenyu mijeessi jedhani Obbo Tiramap Moskootti na ergani jedhan.
Pirezidantiin Raashiyaa Putin illee Obbo Boltan waliin mari'achuu isaaniin biyyoota lamaan gidduu nagaan akka bu'u abdii akka horatan himaniiru.
Biyyoonni lamaanuu walitti dhufeenya qaban foyyessuu barbaadu.