Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namichi adurree 1000 qalee saambusaaf olche hidhame
Keeniyaatti namtichi osoo adurree ijeesee gogaa iraa baasaa jiru qabamee tokko mana murtiitti dhiyeefamuun hidhaan waggaa sadii itti murtaa'e.
Namichi tokko Keeniyaatti erga bara 2012 qabeea adurree 1000 ol qaluun foonsaa warra saambuusaa hojjataniitti gurguruusa akka dubbate midiyaan biyyatti gabaasan.
Jiraatoonni magaalaa Naakuru baha magaalaa Naayiroobiitti isaa adurree qaluutti jiru argan, dallanuun namtichatti umuriin jiddu galaa reebaniiru.
Poolisiin baraaramuun mana hidhaa geessee. Har'a mana murtiitti dhiyaata jedhamee eegama. Haa ta'u amlee aaddabbii attamii akk itti murtaa'u hinbarmne.
Garuu adurree qaluuf fi foon ishei gurguruun Keeniyaa keessatti dhowwadha, akka qondaala hakiima dhukkuna horii Gitu'i Kaabaatti.
''Akka seera to'annoo foonii biyyattiitti, foon hin too'atamiin nyaachuun balaafamaa taalleen foon horii nyaata namaatiif hin ajajiin dhowwadha.
Seerri sun foon adurree sooratta hin ta'u jedh.
Nyaanni Saambuusaas, nyaatabeekamaa foon daakamaa, ykn kuduuraa irraa tolfamuun bakkeewwan gabaa adda addaatti gurgurmuudha.