Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Traamp imaammata maatii baqattootaa gargar baasuu hambisan
Pireezidentiin Ameerikaa Doonaald Traamp dhiibbaa hawaasa irraa irra gahaa jiruuf gurra kennuun imaammata baqattootaa, ijoollee fi maatii isaanii gargar baasu foyyeessun maatii waliin akka jiraatan murteessan.
Traamp imaammatuma isaanii maatii baqattoota hin galmoofneefi ijoollee isaanii gargar baasu dha amma kan fooyyessan.
Suuraa miira daa'imman maatiin isaanii seeraan ala daangaa biyyattii seenuu isaaniif yeroo hidhaman agarsiisuun yaada isaanii jijjiiruuf dirqamuus dubbataniiru.
Imaammatni foyya'e kun maatii imaammata duraan gargar bahe hin ilaallatu.
Qondaaltotni waajira baqattootaa akka jedhanitti caamsaa 5 fi waxabajjii 9 gidduutti daa'imman 2,342 maatii isaanii 2,206 irraa gargar bahaniiru.
''Dhimmichi dhimma maatii waliin jiraachisuuti'' jedhan Pireezident Traamp wayita Roobii darbe seera haaraa kana mallateessa.
''Maatiin yeroo gargar bahu haala jiru hin jaaladhu'' kan jedhan Traamp, bulchiinsi isaanii imaammata obsa hin qabne hordofuun namoota seeraan ala daangaa biyyattii seenaan himachuu itti fufa jedhaniiru.
Seerri haaraan bahe:
- maatiin baqataan dhimmi isaanii seeraan hanga ilaalamutti waliin akka turan
- Baqattoota maatiin jiran dhimmi isaanii akka ariifatuuf gochuu
- Ajajoonni man murtee turmaata daa'imman baqatii akka fooyya'u gaafachuu
Traamp Haati Warraan isaanii Melaaniyaa fi intalli isaanii, Ivaankaan imaammatichi akka jijjiiramuuf dhiibbaa isaaniratti gochuu isaanii fi dhimmi maatii baqattootaa gargar baasuu ''haalaan itti dhagaahamuu'' dubbataniiru.
''Namni sammuu qabu kamuu dhimmi kun itti dhagaahama, maatiin wayita gargar bahu arguu hin barbaannu'' jedhaniiru.