Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirezedaantiin Filiippinsi shamarree "dirqamaan" dhungate
Pirezidaantiin Filiippiinsi waliin dha'uun beekamu kun Tiraampiin caalaa qalbii miidiyaa addunyaa hawwachuun beekamu.
Duula baala nama adoochu irratti taasisaniinis kan beekaman Duutereeteen, tibba kana waan biraatiin qalbii midiyaa adduunyaa keessa galan.
Kooriyaa Kibbaatti haasaa dubartoota biyya isaa achi hojjetan walitti qabuun taasisan irratti shamarree tokko gara waltajjiitti waamanii akka hidhii isaanii dhungattu irra deddeebiin kadhatan. Milkaa'eeraafis.
Pirezidaantichi yeroo jalqaba shamarran lama gara waltajjiitti kan hafeeran kitaaba badhaasuuf ture.
Shamarree ishee jalqabaa erga ofitti hammatanii booda maddii ishee dhudhungaatanii dhiisan. Shamarree ishee lammaffaa garuu "hidhiikoo dhungattu malee" jedhanii muddanii qaban.
Waanti raawwatame kun namoota bakka sana turaniif kan gamaachiise waan tureef hedduun arka rukkutaniiruuf. Miidiyaa hawwaasumarratti garuu mormii bal'aa irratti kaaseera.
Duraaniyyu Pirezedaantichi dubbii dubartoota ilaachisee dubbataniin namoota hedduu kan dheekkamsiisu yaadachuun shamarran biyya isaanii waltajjiitti waamee bifa qoosaatiin isaan dhungachuun isaanii warreen mirga dubartootaaf quuqamanirraa mormii cimaa irratti kaaseera.
"Gaggeessaa ijoollee durbaa tuffatanirraa karaa hin taaneen qalbii namaa arkisuuf diraamaa fokkisaa taasisanidha," jedhu mirga dubartootaaf falmuun Filiippinsi keessatti kan beekaman Gabreelat.
Shamarreen kun baayyee erga shakkitee booda dhiibbaa Pirezedaantichi taasiseen hidhii isaarra dhungatteetti.
Namoonni tokko tokko fuula Tiwuuterii isaaniirratti akka barreessanirratti: "Hidhii argachuuf aangoo isaanii da'oo godhataniiru" jechuun qeeqan.
Duutereeteen dubartoota waliin walqabatee komiin irratti ka'uun kun kan jalqabaa miri.
Bar 2016 yeroo duula na fildhaa irratti waa'ee dubartii gdirqaman gudeedamtee duutee tokkoo dubbatanii turan.
Waanti raawwatame akka isa haarse erga dubbatanii booda, "Dirqamaan gudeedamuun ishee waan tokkodha. Haata'u malee garuu baayyee bareedduu turte; dirqamaan gudeedamuun ishee erga hin hafnee kantiibaan magaalattii osoo dursaniiru ta'e gaarii ture," jechuun dubbatan.Yeroo sanatti Dutereeteen ofiisaa kantiibaa ture.
Dhuma bara kanaatti Pirezedaantichi loltoota Filiippiinsiif yeroo qajeelfama kennutti: "Dubartoota Komunistii mormitoota ta'an irratti yeroo dhukaastan qaama saalaa isaaniirratti alaammachuun dhukaasuu ta'uu qaba" waan jedhu dubbatanii turan.