Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Obbo Andaargaachaw Tsigee har'a gadhiifamu jedhamee eegamaa jira
Barreessaa mummeen dhaabba shororkeessummaan tarreefamee Ginbooti 7 Obbo Andaargaachaw Tsigee dhiifama addaatiin hidhaarraa akka gadhiifaman Abbaan Alangaa Federaalaa Sanbata darbee beeksise ture. Haa ta'u malee maatiin isaanii hanga ammaatti hikamusaanii eegamaa jiru.
Har'a ganamas konkolaatoonni Imbaaasii Ingilizii naannawa mana sirreessaa Qaalitiitti mul'achu isaanii ragaaleen ni dubbatu.
Haaluma walfakkaatuunis mana abbaa isaanii kan Magaalaa Finfinnee naannawa Booletti argamuutti qophiin simannaa haala adda addaatiin taasifamaa jiraachuu riipportarri keenya gabaaseera.
Landoonitti kan argamtu haatii warraa Obbo Andaargaachaw Aaddee Yemii Haayilamaariyaam abbaan warraa ishee waan hiikamaniif baayyee gamadu ishee fi hanga amaatti waan umamee amanu akka hindandeenyee BBC'tti himte jirti.
''Jireenya nama tokkoo keessaa waggaa afruuf mana hidhaatti dabarsuun dhiibbaa hangamii akka qabaatu tilamaamuun hinrakisu. Garuu abbaan warraa koo kana booda gara ittigaafatamummaatti cimsa jedheen abdadha,'' jetti addee Yamiin.
Oduu kanas ijoolleetti yoo himtutti gammachuun bohaanii turan kan jeddhu Yamiin, hanga ammaattis abbaasaanii dubbisuuf eegachaa akka jiran dubbatti.
Ittigaafatamummaa abbaan warraa ishee Ginboot 7 keessatti qabuufi haala maatii isaa kan gaafatamte Yamiin, namoonni sochii akkanaa keessatti hirmaatanis walitti dhufeenyi motumaa waliin qabaatan beekamaadha. Kanaafuu, yeroo hundaa waanti ta'e umamuu akka danda'u nan tilmaama ture jette jirti.
Lamummaa Ingilizii kan qabaniifi dhalootaan lammii Itoophiyaa kan ta'an Obbo Indaargaachaw himannaa yakka shororkessummaa yeroo lama irratti banamuun hidhaa umurii gutuufi dutii itti murtaa'unsaa ni yaadatama.