Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Misiriin daangaa Gaazaa soomaafi bante
Pireezidantiin Misirii Abdul Fattah al-Sisi daangaa Gaazaa bana jedhee murteesse akka warri Paalestaayin jiha soomaa kana gama Misiriii muruu danda'u.
Tuni murtii yeroo baay'ee hin mul'anne. Akka Sisiin jedhuutti, seerri kuni rakkoo uummatii Gaazaa keessa jiru laaffisa.
Dangaan Rafah balbala tokkotti Gaazaan addunyaatti ba'u dandeettuun ta Isra'eeliin hin to'anne, ammoo eegii ganna 2013 cufa qabdi waan nagaa dhabiisa lafa gula.
Misiriin daangaa tana yeroo tokko tokko banti, ammoo tuni marroo qaraa ta isiin guyyaa hedduu banaa dhiifte.
Torban kana, Isra'eeliin nama 60 ka paaleestaayin ijjeefte, walumatti torban jaha keessa nama 100tti ibiddaa Isra'eeliitiin du'e jedhan.