Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni kitaabaa Zaambiyaa barattoota shamarree uffata 'gar-tokkee qullaa' uffatan akeekkachiise
Yunivarsitiin Zambiyaa maqaa qabu tokko, barattoota dhiiraa waan dogoggorsuuf 'gar-tokkee qullaa' ta'uun mana kitaabaa akka hin seenne jechuun barattoota shamarree hubachiise.
Yunivarsitiin magaalaa guddittii Lusaakaa jiru, hubachiisa of-qussanaan akka uffatan himu manneen kitaabaa irratti maxxanseera.
Biyyii kibba Afrikaa kun gama aadaatin harbessuun beekamti.
Barattoonni yunivarsitii kanaa garuu karaa ammayyaa ta'een uffatu jedheera, gazeexessaan BBC, KenedIi Gondiwe Zambiyaa irraa.
Beeksisicha irratti kan barreefamee jiru,"Barattonni shamarreen tokko tokko yeroo mana kitaabaa fayyadaman, gar-tokkee qullaa akka uffataniifi kunimmo barattoota dhiiraa akka jeeqa jiru hubannaa keenya keessa galchineerra," jedha.
"Kanaaf barattoonni shamarree yeroo bakka tajaajila yunivarsitii fayaddaman karaa of-qusataa ta'een akka uffatan hubachiisna. Of-qusannan karaa sirriidha."
'Luka dhiisaa, kitaaba ilaalaa'
Barattoonni shamarree tokko tokko garuu qajeelfama kanaa ni mormu.
"Ergamni kee yeroo mana kitaabaa galtu qayyabachuuf yoo ta'e, maaliif waan biraa, fakkenyaaf luka shamarree ilaalta?" jechuun barattuun waggaa 3ffaa Dikinaa Muzaya BBC'tti himti.
"Kitaaba kee irratti xiyyeefadhu, kanuma," jetti.
Garuu, barataan dhiiraa Kiliyoon Piiri qajeelfama kana deeggara.
"Qaamni shamarree hammam akka nama hawwatu beekta," jedhee BBC'tti yeroo dubbate.
"Yeroo shamarreen tokko huccuu gabaabaafi dhiphaa uffattee fuulakee dura deemtu akkamiin qayyabannaa irratti xiyyeefatta? Yaadnikee waan biraa yaduu jalqabee hin xiyyeeffattu."