Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Naayijeeriyaa Kaduunaa: Saamtonni jiraattota ganda tokko 51 qalan
Kaaba Naajeeriyaatti gareen saamtotaa duraan loon saamuun beekaman ijoollee dabalatee yoo xiqqaate namoota 51 qaluun manootallee gubuun dhaga'ame.
Namoota saamtota kanaan mandara Gwaska, jedhamtu keessatti qalaman keessatti daa'imman waggaa 10 gadiillee ni argamu. Qaamonni damoota qalamanii kanaallee mummuramee argameera.
Warri hameenya kana jalaa oolan ijaan argan akka jedhanitti, saamtonni kun madara Gwaska Sanbata waaree boodarraa eegalanii marsan jedhu.
Battaluma saamtonni kun manneen gubanii dhukaasa eegalanitti namoonni sodaan liqimfamuun baqachuu eegalan. Namoonni baqachuu eegalan gariin garuu naasuun garuma warra hidhattoota kanaatti fiigaa turan jedhu.
Jiraattonni gana kanaa mootummaa Pirezedaanti Muhammaduu Buhaarii atattamaan akka poolisiifi loltuu bobbaasuun madara yaaddoo hamaa keessa galte qarqara kutaa Bulchiinsa Zamfaaraa keessatti argamtu kana akka eegumsa godhuuf iyyatan.
Ji'a darbe keessas namoonni albuuda baasuurra turan 14 hidhattootaan kutaa Birnii naannoo Gwari keessatti ajjeefamuun isaaniillee ni yaadtama.