Paariisiitti poolisiin namoota 200 guyyaa dafqaan bultootarratti jeeqan hidhe

Poolisiin Paariis namoota hiriiraa turan 200 dhihaataniifi fuulla isaanii haguuguun Caamsaa tokko (guyyaa hojjettootaarra) fooddaa suuqotaa caccabsanii fi konkoolaattota guban to'annoo jala oolche.

Gartuu gara bitaachaa fi Bilaak Bilooksi jedhamuun beekaman kun hojjettoota mootummaa ilaalchisee haaroomsa Pirezidaanti Imaanu'eel Maakrooniin mormuun hiriira nagaa geggeeffamaa ture kan dogoggorsaniidha.

Seera hojjettoota mootummaa isaanii akka haaromsaniif hiriira nagaa godhamaa ture dogoggorsaniiru.

Akka poolisiin jedhutti namoonni fuula fi mataa isaanii haguuggatan 1,200 ta'an hiriira tokkummaa hojjetootaa Caamsaa 1 irratti qooda fudhataniiru.

Poolisii tokko dabalatee namoonni afur miidhaa salphaan akka irra gahees beekameera.

Mormitoota kana bittimsuufis poolisiin aara imimmaanessuufi konkoolaataa bishaan facaasutti fayyadamaniiru.

Hiriirtonnis farra/golgaa aara imiimmaanessuu kaawwataniiru.

Mormitoonni huccuu gurraacha uffatan kunneen, fooddaalee suuqotaa caccabsuufi mana nyaataa Maak-Doonaald gubuun dura hirriiraan duratti deemuuf yaalaa turan.

Hiriira jeequmsatti jijjirame kanaanis konkolaattonni adda addaa fi bakki konkoolaata itti gurguran tokkos gubamaniiru.

Dubbi himaa mootummaa kan ta'an Beenjaamiin Giriivoo, gochaa fuulla haguuggachuu hiriirtootaa qeeqaniiru.

''Dhugaa gaafachuu maltu yoo qabaatte, fuullakee agarsiisa hiriirta. Warri fuulla isaanii haguugan farra dimokraasiti,'' jechuun dubbataniiru.