Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Raawul Kaastiroo angoo Miiguweel Diyaazitti dabarsan
Miguweel Diyaaz, Raawul Kaastiroo bara 2006'tti angoo qabatan bakka bu'uun pirezidantii haaraa Kuubaa ta'anii kakuu raawwatanii jiru.
Warraaqsa 1950 booda yeroo jalqabaaf maatii Kaastiroo namni hin taane dursummaadhaan filatamuu isaati.
Miistar Diyaaz Kaanel waggoota shanan darbaniif pirezidantii itti aanaa jalqabaa ta'uun tajaajilaa turani.
Diyaaz warraaqsa booda kan dhalatan ta'us, deeggaraa Raawul Kaastiroo waan ta'aniif jijjiiramni addaa hin eegamu.
''Warreen Kuubaa keessatti sirna kaappitaaliizimii deebisuuf yaalaniif iddoon hin jiru'' jechuun sirna muudama isaaniirratti himaniiru.
'Warraaqsichi itti fufa'
Miseensota mana maree 605 Bitootessa darbe mormituu akka hin taane mirkanaa'uun filatamaniin ture Diyaaz kan filataman.
Miistar Kaastiroon ammas Paartii Koministii biyya bulchu keessatti dhiibbaa siyaasaa taasisaa akka turan ni eegama.
Jijjiiramoota murteessoo Raawul Kaastiroo jelatti:
2008: Tarsiimoon qonnaa haaraa qonnaan bultoota dhuunfaaf lafa heektaara miiliyoona heddu kennisiisu ba'eera
2010: Seerota ciccimoo hojiilee daldalaa to'atan laaffisu fi Kubaanonni hojiilee daldalaa xixiqqaa akka eegalan eeyyamuu.
2011: Lammiileen Kuubaa mana akka bitaniif akka gurguran eeyyamuu
2013: Tajaajilli intarneetaa funyoon alaa (wi-fi) yeroo jalqabaaf eyyamamuu
2014: Ameerikaa waliin walitti dhufeenya diippiloomaasii guutuu fiduuf hojjatamee ture
Rakkoo diinagdee michuu biyyattii kan taate Veenzuweelaa mudate dandamachuu fi bulchiinsa Tiraampi jelatti Ameerikaa jirtu waliin walitti dhufeenya akkamii qabaachuu akka qaban adda baasuun dursaa haaraa dhufaniif qormaata taa'edha.
Tiraampi, qoqqobbii Baaraak Obaamaadhaan laafee ture iddootti deebisanii akka turan kan yaadatamudha. Walitti dhufeenyi diippiloomaasii garuu akkuma itti fufettidha.