Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Manni murtii Israa'el karoora baqattoota Afrikaa deebisuuf qabame dhorke
Manni murtii olaanaa Israa'el karoora mootummaan biyyattii baqattoota Afrikaa seeraan ala biyyattii seenan kumaatama hedduun lakkaawwaman biyyaa baasuuf qabatee ture dhorkee jira.
Mootummaan hanga Bitootessa 26'tti karooricha irratti odeeffannoo akka dhiheessuuf ajaja dabarsee jira.
Amajjii darbe baqattoonni - bayyinaan lammiilee Eertiraa - dolaara 3,500 fi tikkeeta xayyaaraa fudhatanii xumura Bitootessaa akka ba'aniif gaffiin dhiyaateefi ture.
Ta'uu baannaan, hidhamanii dirqamaan ni baafamu. Eejansiin baqattootaa 'UN' garuu karoora kana qeeqee ture.
Manni murtii Israa'eel Kamisa murtee kana kan dabarse erga falmiin seeraa garee baqattoota Eertiraa fi Sudaaniin geggeeffamee booda.
Mootummaan hanga odeeffannoo dabalataa mana murtichaaf dhiheessutti, Afrikaanota kanneen ari'uu hin danda'u.
Baqattoonni Afrikaa 40,000 ol ta'an Israa'eel keessa jiru kan jedhan anga'oonni biyyattii, baqattoota kanneeniin ''daangaa cabsanii kan seenan'' jechuun ibsaniiru.
Baayyinni baqattoota kanneenii waggoota hedduu dura karaa Masiriitiin dallaan haaraa osoo hin ijaaramin dura kan seenan yoo ta'u, dallaan haaraa kun guutummaatti haala jedhamuun isa seeraan alaa daangaa ce'an hambiseera.
Karoora mootummaa kanaan kan miidhaman ammoo dhiirota gaa'ila hin qabne qofaadha.
Dubartoonni, daa'imman, maatiin hirkattoota sab-xiqqaa fi miidhamtoonni gabrummaa fi daddabarsa seeraan alaa bilisadha.
Haalli baqattoonni kunneen itti deebi'an fedhiirratti kan hundaa'e fi naga qabeessa akka ta'e anga'oonni ni dubbatu.
Ministirri muummee Israa'eel Beeniyaamiin Netaaniyaahuu, inni lammiileen Afrikaa daangaa seeraan ala qaxxaamuran, duudhaa Aayihuudotaa balaaf saaxila jedhanii turani.