Tilmaammmii Piriimer Liigii Laawurootiin

Madda suuraa, BBC Sport
Arsenaaliifi Maanchester Siitii guyyaa afur keessatti yeroo lamaaf waliin taphatanii Siitiin guutummaatti ol aantummaa fudhateera.
Dilabat dhufu Siitiin Chelsii waliin, Arsenaal ammoo Biraayiten waliin taphatu.
Arsenaaliifi Biraayiten
Tapha Arsenaaliif Biraayiteen taasisan akka walqixaan xumurama jechuun Laawuroon tilmaameera.
SANBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Barnileefi Everteen
Barnileen torban darbe mo'anneerra jedhanii yeroo eegaa turanitti saatii dhumaarratti goolii itti galeen Saawuuzhampiteen waliin walqixa ba'aniiru.
Everten dirree isaa ala qabxii inni qabu gadi aanaadha.
Tilmaama Laawuroo፡ 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Leesteriifi Barnimaawooz
Leester tapha torban darbe Istook waliin taphateen mo'uun isaanirra ture.
Barnimaawooz dhuma irratti Niiwuu Kasil waliin walqixa bahan.
Tilmaama Laawuroo፡ 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Saawuzhaampieeniifi Istook
Leenjisaan Istook taphoota shanan darban keessaa si'a tokko qofa mo'aman waan ta'eef taphi gareesaa gaariidha jedhama.
Gareen lamaanuu qaphxii argachuu barbaadanis inni dirree isaarratti taphatu carraa ni qaba.
Tilmaama Laawuroo፡ 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Siiwaansiifi Weestihaam
Tapha kanaan sadarkaa gadi bu'uurraa qaphxii sadiin qofa fagaatee waan jiruuf wari Weestihaam qaphxii argachuun barbaachisaadha.
Tilmaama Laawuroo፡ 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Tootinhaamiifi Haadersfiildi
Hadersfiildi yeroo dheeraa booda taphoota lama mo'atanis tapha kanaan ni mo'atu jechuun ni ulfaata.
Tootinhaam taphoota 16 darban keessa tokkollee hin mo'amne.
Tilmaama Laawuroo፡ 2-0

Madda suuraa, BBC Sport
Waatifoordiifi Westibirrom
Waatifoordi Everteeniin mo'atanii gadi bu'uurraa oolaniiru.
Westibiroom ammoo taphoota afran darbe mo'amaniiru.
Tilmaama Laawuroo፡ 2-1

Madda suuraa, BBC Sport
Liiverpuuliifi Niiwukasil
Hunduu waa'ee cimina Mohaammen Saalaafi Sa'idoo Maanee yeroo dubbatutti dandeettiin Roobertoo Firmiinoo waan dagatame fakkaata.
Tapha kanaan leenjisaan Niiwukasil Raafaa'el Beeniiteez gara garee isaanii duraan dhufanii kan taphatan ta'us mo'achuu garuu hin danda'an.
Tilmaama Laawuroo፡ 2-0
DILBATA

Madda suuraa, BBC Sport
Biraayiteeniifi Arsenaal
Arsenaaliif tarkaanfiin itti aanu maalidha? Arsen Wiinger akka gadi hin dhiisne dubbatanis osoo isaan jiranii gareen isaa jijjiirama guddaa hin fidu.
Torban darbe Biraayiten Siiwaansii erga mo'atanii Leenjisaan isaanii Kiriis Hiyuuten walqixa yoo ba'an kan fudhatan fakkaata. Tilmaama Laawuroo፡ 1-1

Madda suuraa, BBC Sport
Maanchester Siitiifi Chelsii
Maanchester Siitiin waancaa isaanii jalqabaa, waancaa Karabaa'ootiin milkaa'aniiru. Kunis mo'icha biroof isaan kakaasa jedheen yaada.
Tilmaama Laawuroo፡ 2-0
WIXATA

Madda suuraa, BBC Sport
Kiristaal Palaasiifi Maanchester Yunaayitid
Maanchester Yunaayitid tapha Chelsii waliin taphataniin boqonnaan booda sochii cimaa taasisaniiru. Ammas kana cimsanii itti fufuu qabu.
Kirsitaal Paalaasi kufaatiirraa fagaatanii kan jiran garaa garummaa goolii qofaan. Ji'a baayyee rakkisaa fuula keenya dura jiru kanaan Chelsiifi Liiverpuuliin keessumsiisu.
Tilmaama Laawuroo፡ 0-2













