Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
US marii K.Kaabaa kamuu niwukilaraan walqabsiisti
Mariin Kooriyaan Kaabaa taasistu kamiyyuu niwukilararraa walaba ta'uu dursitee kan gaafattu akka ta'e Yunaayitid Isteetis beeksiste.
Sirna Olompikii gannaa Kooriyaan Kibbaa qopheessiterratti Kooriyaan Kaabaa marii nagaa kamiifuu qophii ta'uu mallattoowwan agarsiisan turaniiru.
Kooriyaan Kaabaa dursitee marii nageenyaa kamiifuu haldureen biroo akka hin barbaachisne beeksistee turte.
''Piyoongi yaangi mariif qophiii ta'uu wayita beeksistu niwukilarraa walaba ta'uushee kan agarsiisu ta'u kan ilaallu ta'a,'' jetti US.
Kooriyaan Kaabaa Ameerkaa waliin mari'achuuf qophii ta'uushee kan beeksiste erga qondaalli gameessonni ishee warra kibbaa waliin sirna cufiinsa olompikii gannaarratti walarguun mari'ataniiti.
Intala Pirezidaanti Doonaldi Tiraampi Ivaankaan sirna cufiinsa olompikii gannaa Kooriyaa Kibbaarratti qondaala gameessa Kooriyaa Kaabaa Generaal Kim Yoong-Chool waliin walcinaa teessee hirmaattetti,garuu qaama Kooriyaa Kaabaarraa dhufe kamuu waliin mariin taasiste hin jiru ,ni mari'atti jedhamees hin eegamu.
Kooriyaan Kaabaa Kooriyaa Kibbaa walinis ta'e Ameerkaa waliin akkasumas biyyoota addunyaa biroo waliin dhimma nageenyaarratti mari'achuuf yeroo kamuu caalaa qophii ta'uu waajjirri pirezidaantii Kooriyaa Kibbaa beeksiseera. Kanas yaada qondaaltonni Kooriyaa Kaabaa olompikii gannaarratti kennaa turan irraa hubanneerra jedhu qondaaltonni Kooriyaa Kibbaa. Hanga ammaatti walargeen sadarkaa qondaaltota mootummaa Kooriyaa Kaabaa fi Ameerkaatti taasifame hin jiru.