Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Cufiinsa TV Keeniyaa: Manni murtii ittisa 'kakuu' Odingaa irratti taasifame kaasee
Manni Murtii olaanaa Keeniyaa uggura motummaan biyyattii dhaabbilee TV dhuunfaa gurguddoo sadii irratti taasisee kaasee.
Dhaabbilee TV kunneenis kan cufaman Kibxata sirna kakuu ogganaa mormituu Raayilaa Odiingaa ''seera qabeessaa hintaanee'' waan gabaasuuf karoorfataniif ture.
Manni murtichaa ugguricha kan kaaseera osoo dhimmichi dhagahamaa jiruu guyyoota 14fiidha.
Manni murtii akka jedhetti dhowwuun kun guyyaa 14 haanga dhimmichi ilaalamutti hojiirraa hin oolu.
Odingaa filannoo bara darbee waan mo'ameef kakuun isaa kun akka qoosaa ta'etti ilaalama, anga'oon garuu akka hojii ganuutti fudhatu.
Gareen mormitootaa garuu mootummaan Keenyaa mirga lammiilee odeeffannoo sagantaa faayidaa qabeessa ta'e argachuu dhowwe jechuun himatan.
Manni murtii olaanaa motummaan tamsaasa ykn hojii dhaabbilee TV kan akka KTN, NTV fi Citizen TV jidduu galuu akka hinqabaannee ajajuun dhadhacha tursiiseera.
Dhaabbilee TV sadanis sirna kakuutiin dura guyyaa Kbxata gamana kaasee ture qilleensa irraa kan dhaabsifaman.
Ministirri haajaa biyyaa keessaa ibsa midiyaalee hawaasaa irraatti maxxanfameen akka jedhanitti, gochiichi akka yaalii ''motummaa fonqolchuu'' kan ''ajjeechaa lammiilee Keeniyaa qulqulluu kumaatama geessuudha'' jedhaniiru.