Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Joorj Wiihaan pirezidantii Laayibeeriyaa ta'un filame
Taphataan cimaa kubbaa miilaa Joorj Wiihaa pirezidaantii Laayibeeriyaa ta'un filame.
Filannoo guyyaa Kibxataa taasifameen Wiihaan dorgomaa isaa Joseef Boyaakaayi sagalee dhibbantaa 60 argachuun dursee jira.
Akkuma filannoo marsaa lammataaf taasifame irra aanuun isaa dhagahameen deeggartoonni isaa daandii Monoroviyaatti bahani dhichisuu eegalaniiru.
Joorj Wiihaan pirezidaantii dubartii Afrikaa yeroo jalqabaaf filatamte, Eelan Joonsan Sarliif bakka bu'un aangoo qabata.
''Lammiiwwan koo Laayibeeriyaa, miirri isin keessa jiru nabiras jira,'' jechuun ture wayita bu'aan sagalee ibsameetti tiwitarii isaa irratti kan barreesse.
Filannoo baatii Onkololeessaa taasifameen Wiihaan sagalee dhiibbeentaa 38.4 yoo argatu dorgoomaan isaa Bowaakaayin immoo dhibbeentaa 28.8 argatanii turan.
Lamaan isaanii keessaa sagalee caalmaa dhiibbantaa 50 oli kan argate waan dhabameef lammata akka dorgoman taasifamee ture.
Komishiniin Filannoo Biyyaalessaa (NEC) Laayibeeriyaa Kamisa akka jedhanitti, sagalee dhibbeentaa 98.1 lakka'aman keessaa taphataan duraanii dhiibbeentaa 61.5 yoo argatan, Bowaakaayin immoo dhiibbeentaa 38.5'n duuba jiru.
Taajjabdoonnis akkaataa filannoon itti taasifame dinqisiifataniiru.
Biyya Laayibeeriyaa lammiilee miiliyoona 4.6 qabdu keessaa, isaan miiliyoona lama caalan bahuun filaniiru.
Joorj Wiihaan eenyu?
Wiihaan kilaboota Awurooppaa kanneen akka Pi Es Ji (PSG), Eesi Miilaan akkasumas Ingilizii keessatti Chelsii fi Maanchistar Siitiif taphateera.
Joorj Wiihaan taphataa Afrikaa tokkicha badhaasa FIFA Taphataa addunyaa waggaa kanaa jedhuufi kan Baalond'or fudhatedha.
Bara 2002 kubbaa taphachuu erga dhaabee booda gara siyaasaa kan dhaqe. Senaatara paarlaamaa Laayibeeriyaa ta'un tajaajilaa turuus ammammoo biyyattii bulchuuf filatameera.
Kilabiin isaa duraanii PSG baga gammadde ittiin jedheera.
Akkamin addana geenye?
Laayibeeriyaan namoota garboota irraa Ameerikaatii bilisaomaniin jaarraa 19ffaa keessa kan hundooftedha. Erga bara 1944 asiitii namni karaa nagaan aangoo walharkaa fuudhe hin jiru.
Fiannoo bara 2005tti gaggeefamee tureen Aaddee Sirliif Mr Waahiin mo'achuun waggan booda erga ajjeechaa cimaan kan pirezidaant Charlis Taaylariin akka rebe loltummaa eegalu taasiseen booda, taayitaa qabatte.
Chaarlis Teeylar wayita ammaa kanatti wal waraansa biyya ollaa Siraaliyiin waliin tureen himatamee, yakka waraanaatiin himatamanii Uk keessa hidhaa waggaa 50 irratti argamu.
Dhaadannoon duula na filadhaa Joorj Wiihaa taasisan qalbii dargaggootaa harkiseera. Kan Boyaakaayi garuu akka kan yeroon itti darbetti fudhatan
Filatamuun Mr Joorj Wiihaas haaffii irraa bilisa hinturre. Sababni isaas, dorgomtuun biraa Jiwel Teeylar haadha warraa pirezidaantii duraanii hidhaarratti argaman Chaarlis Teeylariidha.
Waancaa bara jireenya isaa isa guddaa
Laayibeeriyaadhaa: Umaaruu Fofaanaa, Oduu BBC, Monorooviyaa
Dura taa'aan komishinii filannoo bu'aa filannoo ibsani baay'ee hin turre deeggartoonni Joorj Wiihaa gammachuu ibsachuuf daandiitti kan bahan.
Taajjabdoonni filannoo biyya keessaa fi alaa akkaataa filannoon itti taasifame kan leellisan yoo ta'u filannoo baatii Onkololeessaa irraa fooyyee qaba jedhaniiru.
Taphataa waancaa kubbaa miilaa ol fuudhuu hin rakkanneef biyya bulchuun garuu itti cimee ture. Amma garuu waancaa guddicha jjireenya isaa argateera.
Laayibeeriyaan walwaraansa waliini booda amma tasgabboofteetti. Garuu, malaanmaltummaa fi hiyyuummaa hamaa keessa jirti.
Biyyattiin pirezidantii dubartii Afrikaa jalqabaa filachiiste turte. Ammammoo taphataa duraanii biyya akka bulchu filatte.