Suuraalee gurguddoo Afrikaa: Sadaasa 24-30, 2017

Filannoo suuraalee babbareedoo Afriikaa fi lammiilee Afriikaa ardiiwwan biroo keessaa dabalatee, kan torban kanaa

Yeroo yaa'iin Awurooppaafi Afirikaa Kamisa banametti magaalaa daldalaa guddittii Ayivorii Kosti kan taate Abijaanitti sirbitoonni yeroo shubbisan. ''Dargaggoota misoomsuu" kan jedhu xiyyeeffannaa yaa'ichaa ta'us garuu dubbiin waa'ee rakkoo baqattootaa marii ijoo ta'ee ture.

Habiibaa mucaan waggaa ja'aa Jimaatarra Tantaa magaalaa guddittii Masirii Kaayiroo Kaabaatti kurkuree (toy) ishee shukkaararraa hojjetame Aroseet Eel Mooliid (Bride of Mawlid) jedhamu kaasuutti hammattee. Waanti akkasii kun waggaa waggaadhaan yeroo kabaja dhaloota Nabiyyuu Mohaammad Moolidaaf hojjetamu.

Dilbatarra ture, Bareedduun Afirikaa Kibbaa, Demii-Liihii Nel-Ppeexiroos, yeroo sagantaan Laas Veegaas Ameerikaatti qophaa'erratti miidhagina Addunyaa gonfatte. Garuu Bareedduun Jamaayikaa kan dorgommii miidhaginaarratti dabbasaa uumamaasheetiin dorgomuusheetiin sagalaa miidiyaa hawwaasaatiin keessumaa fayyadamaan Twiiter tokko akka jedhetti: "Jamaayikaa qofa bakka buute osoo hin taane, gurraachota Addunyaa hunda bakka buutee qaanii tokko malee miidhagina afrioo agarsiiftee" mo'atteetti.

Lammiin Biriitish-Gaanaa artistiin qullinaa Istoormziin badhaasa Moboo baranaa mo'ataa cimaadha. hanaian grime artist Stormzy was the big winner at this year's Mobo awards. Gaafa Roobii badhaasa sadani - taatuu dhiiraan cimaa, taatuu qulqulleessa cimaafi albeemii filatamaaf osoo hin filatamiin sirbe.

Kaaba Yugaandaa buufata baqattootaa Bidiibidiitti guyyaa Sanbataa yeroo daawwi agarsiisan. Shubbistoonni - Maatii Adii - baqattoota Sudaan Kibbaa hedduu Biidiibiidii mo'achuun Pirojektii Taalenti jedhamu argachuun carraa artistoota beekamoo Yugaandaatiin leenji'uuf hawwan keessaati.

Gaafa Roobii, daawwataan yeroo ayyaana baniinsaa soolaarii guddichaa afirikaa Lixaa yeroo kaafatutti. Kampaaniin Biyaalessaa Annisaa Burkinaa faasoo bakki hektaara 55 maagaalaa guddittii Ogaaduuguu namoota kumaatamaan lakkaa'amaniif elektiriikii dhiyeessa.

Miseensi Johaanee Masoweee Vadzidzii VaJeesuu tokko, garee Kiristaanaa Zimbaabuwee, gaafa Jimaataa Istaadiyeemii Ispoortii Biyyaalessaatti yeroo eebbi Pirezidaanti Eemmerson Minaangaaguwaa jalqabuuf jedhu eegaa turan. '

Loltoonni yeroo muudama Pirezidaantii Emersan Minaangaagwaa itti kakatuuf yeroo qophaa'aa turanitti fuula gammachuu agarsiisan. Yeroo tokko itti aanaa Pirezedaanti Rooberti Mugaabee kan turan torbeewwan dura hojiirraa ariyamanii turan. Obbo Minaangaaguwaan erga loltuun biyyattii haangaa biyyattii to'atanii jennaan Pirezidaanti Mugaabeen hojii gadi lakkisanii booda gaggeessaa paartii Zanu-PF fi Pirezidaantii Zimbaabwee ta'an.

Gaafa Jimaataa, Morookootti ijoolleen akka bokkaan roobuuf sagaduuf yeroo gara Masgiida Guddicha Seel magaalaa Guddittii Raabaat cinaatti argamutti yeroo deeman. Mootichi lammiileen akka roobaaf kadhatanii rakkoon gogiinsaa sektera qonnaa Morookoo rakkisaa jiru akka dhaabatu labsii dabarse.

Galaana Mediteraaniyaan keessattti yeroo baqattoonni gaafa Roobii bidiruun isaanii yeroo jalaa cabetti gara bidiruu NGO warra badan barbaadee baraaruutti darbuuf wallaansoo qaban.

Guyyoota muraasa dura, magaalaa guddittii Liibiyaa, Tiriippooliitti giddu-gala keessatti hidhaman keessatti suurrii fudhatameera. waraabbii dhiyeenya kanaa gabaa garbootaa.

Namni Gola-Ambaa Kaayiroo Masirii daawwatu tokko gaafa Kibxataa awwaala Fariyoon Tutaankahmuun ilaalutti.

Magaalaa Bufaariq, Aljeeriyaa kan magaalaa Burtukaanaa jedhamuun beekamtu yeroo mandariinii ciratutti akka hin kufnetti of eeggatu.

Gaafa Jimaataa, ijoolleen Sumaalee qarqara galaana Jaazeeraa, kan bakka beekamaa qarqara magaalaa guddittii Moqaadishootti yeroo bololi'aa taphatan.

Fakiiwwan kanaaf kan galateeffataman AFP, EPA, Getty Images fi Reauters.