Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Namoonni hedduun haadholii warraa gaggeessitoota biyyaa jibbuu jaalatu
Oggantoota biyyaatti heerumuun dubartii yoo xinnaate waan lamaaf: haala jireenyaa qusannaa maleefi maqaa gaarii argachuu.
Ija hawaasaatiin giiftileen duraa kunneen ni balaaleffatamu. Amala isaanii itti fakkeessun hagugameen alattis, abbootiin warraa isaanii dimookiraasiitti karra cufan, diinagdee biyya isaanii dadhabsiisan, lammilee fixaanii fi morkattoota isaanii godaansaaf saaxilaman cinaa dhabatu.
Garuu, gaaffii gaafachuun sirrii dha: Dubartoota waan ta'aniif caalaa saaxilamtoota ta'anii laata?
'Ishiitu Dogongorse!'
Zimbaabuweetti, haatii warraa pirezidaantii dhiheenya aangoorraa buufamanii, Girees Mugaabeen tarii Afrikaa keessatti dubartii baay'ee jibbamtu ta'uu hin ooltu.
Abbaan Warraa ishee nama waggoota 37'f biyyattii erga bulcheen booda, isheen aangoo isaa akka dhaaltu fedhe. Haata'u malee humni waraanaa biyyattii yaada kana hin fudhanne.
Lammiiin Zimbaabuwee hedduun wantoota Mugaabeen hojjetanitti mufii guddaa qabu. Haata'u malee partii isaanii bilisummaa biyyaatiif qabsaa'eef kabajni qaban hin jijjiiramne.
Gireesiis abbaa warraa ishee waan dogoggorsiifteef baay'ee akka komatamtu taate.
Koleejii Kiingis Landanitti barsiistuu muummee Misooma Idila addunyaa kan taate, Alise Ivaans dhimmichi ilaalcha ofii cimsuuf ragaalee kan barbaaduu dha jetti.
''Dhimmichi dhimma waan itti amanan tokkotti ciichuudha''. ''Yoo Mugaabee akka goota tokkootti dinqisiifanna ta'e (fakkeenyaaf)... odeefannoon wal-jijjiirru hundi ilaalcha keenya akka deeggaru barbaanna.
Osuma odeeffannoon badaan nu bira gahees waan itti amanne sana akka hin faallessinee nama biraatti qabanna'' jetti.
Girees Mugaabeen nama dhiibbaa olaanaa gochuu dandeessu dha. Isheen wayita haati warraa duraanii Mugaabee Saalii Hayifroon dhukkubsattu Pirezidaanticha wajjin hariiroo dhoksaa qabdi ture.
Boodas aangawoota siyaasaa salphisuun Hongi koongii fi Afrikaa Kibbaatti miidhaa qaamaa geessisuun himatamteetti.
Bara 1980 yammu Zimbaabuween birmaduu baatee obbo Mugaabeen muummee ministirotaa ta'an, Girees shamarree waggaa 15 turte.
Bara 1983 yeroo loltoonni naannoo Maatabeele laand jedhamutti shamarran gudeedaniifi namoota kumaatamaan lakkawaman ajjeesanitti Girees umurii mirga filachuu ishee dandeessisu irra turte.
Himannaan aadde Girees irratti ka'aa jiru kan giiftii duree duraanii Iyivoorikoost, siimoon Gibaagibootti hin madaalamu.
Bara 2010 wayita abbaan warraa isaanii filannoon ijnifatamanii aangoo gadi-dhiisuu didanitti, Siimoon qaama hidhannoo waraanaa addaa qabu qindeessuutti turan.
Maqaan masoo Girees Mugaabee ''Guchi Girees'' jedhama. Qisaastu maallaqaa ta'uushee agarsiisuuf baheef.
Gara Eezhiyaatii ammoo waggoota 20'f giiftii duree Filippiinsi kan turte Imeeldaa Maarkoos waggoota kana gidduutti kopheewwan cimdii 1,000 bitatteetti.
Bara 1986tti wayita Abbaan warraa ishee Ferdinaandi Maarkoos fincilaan aangoo gadi lakkisutti, lammiin biyyitti gadadoorraa kan ka'e miila duwwaa deeman gara hin qaban.
Haati warraan Nikolaay Seyasesko waggoota 24 Roomaaniyaa irreen bulche, Eleena Seyasesko, ammoo baay'inaa fi bareedina kopheen osoo hin taane, kootii hanfaarroo bineensootaa maallaqa baay'een bitamuun beekamti.
Hanfaarroo fi gogaa harree diidoo, gosa qeerransootaa garaagaraa fi jeedalaa jaallatti.
Bara 1989tti wayita fincilli hammatee hilikooptaraan biyya gadhiisanii bahuuf yaalanittillee geeggeessa baasii guddaatu raawatameef.
Baha Afriikaatti haati warraa pirezidaantii duraanii Keeniyaa, Mu'ayi Kibaaki, Luusii Kibaakiis erga bara 2005 mata duree midiyaalee ta'uun qeeqaaf saxilamanii turan.
Sababni kanaaf isaan saaxile ammoo, dippiloomaatotaa fi gaazexeessitooti kabaja naaf malu naa hin kennine jechuun dubbachuu isaaniiti.
Amaloota isaan agarsiisan irraa kan ka'ees, mormitoonni Mu'ayi Kibaakii osoo haadha warraa isaanii seeraan bulchuu hin danda'iin akkamiin biyya bulchu jechuun isaan qeeqaa turan.
Haadha Biyyaa
Maddi jibbaa haadholii warraa angawoota biyyaaf qabnu maalii laata? Waan hin taane ta'anii mul'achuuf yaaluu isaanitu amantaa akka irraa dhabnu taasisee tarii.
''Ani siyaasa hin borcu. Ani dubartii uummata kanaaf of kenne'' jechuun of ibsaa kan turte haati warraa pireezidentii Tuniziyaa duraanii La'ilaa Been Alii takka turtee maallaqa mootummaa qisaasessuun hidhaan waggaa 35 itti murtaayera.
La'ilaan kitaaba Dhugaa koo (my Truth) jedhu maxxansifteetti.
Eleenaa Seyaaseskoo paartii koominiistii biyyattiin ''haadha gaarii Roomaaniyaa'' jedhamuun jajamaniis, isaan garuu haadha ijoollee isaanii qofa akka turan himama.
Abban warraa fi haati warraa lameeniis guyyaa ayyaan qillee bara 1989 dhadacha ta'ameen badii dalaganiif murten du'aa irratti murtaayeera.
Yunivarsiiti Eksiteritti qorattu xiinsammuu hawaasaa fi dhaabbilee kan taate Dr. Teeklaa Morganrooz dubartoonni dhumaatii namoota hedduuf akka sababaatti yeroo maqaan isaanii ka'u nama rifaasisa jetti.
''Dhimmich dhimma dubartummaa miti dubartoonni madaalli yaadaa gaarii, saala gaarii fi namummaa gaarii akka ta'an qorannooleen kan agarsiisan.''
Mudde bara 2012 dhabbata biyyoota gamtoomaniitti haadholiin warraa Ambaasadaroota Jarmanii fi Briiteen hadhi warraa Bashiir Al Asaad waaraan Siiriyaa dhaabsisuuf akka hojjettu yuutiyuub irratti ergaalee dabarsaniin kakaasaa turan.
Vidiyoowwan da'imman madaawanii fi du'aa jiran ergaa ''daa'imman kun da'imman kee ta'uu dandau'' jedhu waliin maxxansaa turan.
Ragaaleen imeelii obbo Asaad jalaa hatamanii bahan magaala hooms keessatti wayita waraanni hamaan turellee Al Asaad kopheewwan doolaara kuma shananii omishaman intarneetaan sakkata'aa turan.
Barnoota amantaa kaatolikii keessatti Maariyaam haati Iyasuus rabbii fi nama gidduutti araarsituu taatee argamti. Amantoonni giddugalumman Maariyaam lubbu isaanii akka oolchu amanu.
Haadholiin warraa abbooti irrees gahee akkasi qabaachuu akka qaban abdatama. yoo kun ta'uu dhabu, kan komatamu isa gidduu jiru malee waaqa miti.