Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Qormaata dandeettii barnootaa barattootaaf of eeggannoo guddaan itti taasifamu
BBC'n Kooriyaa taateewwan qormaata dandeettii barnootaa koolleejii keessatti baramaa fakkaatan garuu adda ta'an qindeessee jira.
Kooriyaa kaabaatti waggaa waggaan, hojjattoonni imala ni tursiisu, gaabfi biiznasiiwwan barfatanii banamu, akkasumas xayyaaronni balali'uus ta'e qubachuu hin danda'ani.
Biyyi guutuun ni callisa - kun hundi ammoo sababa barattoonni qormaataa fudhachaa jiraniifi.
Guyyaa qormaataa dandeettii barnootaa koolleejiiti.
Qormaanni bara kanaas Sadaasa 16 taasifamuuf karorfamee turus, sababa kirkira lafaa Kibba Baha biyyattiitti fi magaalaa Poohaagaan keessatti mudateen torbee tokkoof akka hiiqu ta'e.
Sababa balaa uumamaatiin guyyaan qormaata kanaa yoo jijjiiramu kun kan jalqabaati.
Garuu yeroo rakkoon hin jirretti, adeemsi qormaataa gaarii akka jiraatuuf mootummaan Kooriyaa sirriitti hojjata.
Adduunyaa keessaa adeemsa qormaataa baay'ee qindaa'aa yoo ta'u firii barattoota Yunivarsiitii seenanii kan murteessu dha.
Balaliinsi dhorkaa dha.
Wantoota jabinaan dhorkaman keessaa tokko balaliinsa xiyyaaraa ariifachiisoo hin taane hunda dhaabuu dha.
Dhorkaan kun yeroo qormanni Ingiliffa dhaggeeffachuu jiraatu daqiiqaawwan 35'f kan turu dha.
Kunis barattoonni qormaata dhaggeeffachuu biyyattii guutuutti taasifamu irratti argaman akka hin jeeqamneefi.
Namoonni qoran balballi itti cufamee turu
Waggaa waggaatti, hojjattoonni kutaa qormaataa - warreen qormaata sana baasan fi ilaalan irraa kaasee hanga bulchiinsaatti warri jiran - iddoo hin beekamnetti manni itti cufama.
Kunis hanna qormaataa kamuu hambisuuf jedhameetu
Al tokko mooraa keessa seennaan, hawaasa alaa waliin qunnamuu irraa guutummaa guutuutti addan citu.
Yoo taateen ariifachiisaa kan akka du'iitii maatii yoo hin jiraannee tasa mooraa sana keessaa ba'uu hin danda'anu.
Kunis ta'ee kan gadhiifaman yeroo murtaa'eef yoo ta'u, namoota nageenyaatiin eegamaati.
Bara kana hojjattoonni 700 ol Onkoloolessa 13 iraa kaasee itti cufamee jira. kana jechuun ji'a tokkoof hawaasa adduunyaa waliin wal-qunnamtii hin qabanu ture jechuu dha.
Tajaajila yeroo ariifachiisaa
Qormaata kana irra deebiinis ta'e guyyaa biraatti fudhachuun tasa hin danda'amu, hatamuu danda'a waan jedhamuuf - kanaaf qoramtoonni balballi osoo hin cufamin dura ga'uu qabu.
Bara kanatti mootummaan Kooriyaa poolisoota 18,018 ta'an adeemsa kana akka to'ataniif, guutummaa biyyattiitti bobbaasee jira.
Kutaan ittisa balaa abiddaas konkolaataawwan fi mootaroota dhibbaan lakkaawwaman, yeoroo balaaf oolan fi tajaajila geejjibaa kennan bobbaaseera.
Taaksiiwwan baay'ee fi konkolaataawwan mootummaa fi dhuunfaa dhibbaan lakkaawwamanis tajaajila yeroo ariifachiisaa barattootaaf kennuuf iddoo qabatanii eegu.
Gabaa, baankii fi dhaabbileen dhuunfaa boqonnaa fudhatu.
Gabaan Kooriyaa barattoota qormaataaf deeman jeequu danda'a waan jedhamuuf, sa'aatii tokko barfatee banama.
Dhaabbileen dhuunfaa hedduunis hojjattoonni isaanii akka barffatan godhu.
Qormaata 'egeree barattootaa murteessu' jedhamee yaadamu kanarratti barattoonni carraa milkaa'inaa walqixaa akka argataniif qondaaltonni ni mirkaneessu.