Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Siyaasa Zimbaabwee: Mugaabeen pirezidaantii itti-aanaa biyyattii 'hinamanamne'' jedhe aangoorraa buuse
Pirezidaantiin itti-aanaa Zimbaabwee Emarsan Minaangagwaa aangoo irraa kaafamuu isaanii mootummaan biyyattii beeksise.
Obbo Minaangagwaan ''amala ajajamuu dhabuu'' agarsiisaniiru jechuun ture ministirrii odeeffannoo biyyattii Kaayaa Mooyoo kan dubbatan.
Isaan aangoo irraa kaafamuu isaaniin haati warraa Mugaabee, Girees Mugaabee, teessoo pirezidaantii abbaa warraa ishee bakka bu'u dandeessi.
Durumaa pirezidaantii itti-aanaa aangoo irraa akka kaasan abbaa warraa isaanitti himani ture.
''Wanti obbo Minaangagwaan hojjetan aangoo fi itti-gaafatamummaa qabanin wal darba,'' jechuun ministirri odeeffannoo kan dubbatan.
Hogganaan nageenyaa duraanii, Emarsan Minaangagwaa, Mugaabee bakka bu'u jedhame eegamu ture.
Isaan aangoo irraa ari'aman jechuun aadde Girees Mugaabeen yaa'ii walii galaa dhaaba siyaasaa Zaanuu ji'a dhufu taasifamuun teessuma pirezidantii itti-aanaa irratti muudamu jedhame eegama.
Roobart Mugaabeen gareewwan amantii biyyatti duratti torban darbe yeroo dubbatanitti, ''Bofni mataa keessa rukutamu qaba.'' jedhani ture.
Haati warraa prezidantii Mugaabee ji'a darbees deeggartoonni pirezidantii itti-aaanaa Emarsan Minaangagwaa mootummaa fonqolchuuf yaadaniiru jedhani quba itti qabani ture.