Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Suraawwan ciccimoo Afriikaa: Onkololeessa 13-19, 2017
Suuraawwan gaarii torban kanaa Afriikaa gutuufi Afriikaanota biyyoota addunyaa gara garaa keessa jiraatan keessaa filataman.
Saandiraa Kowudi'oo magaalaa guddoo Iyivooriikoost Abijaan, keessatti akkaataa qabannaa rifeensa haarawaan yeroo yoo dabarsitu.
Simoon Nikeendooh Iveeriikoosti Abijaan, mana rifeensaa isaa keessatti wayita maamiltoota simmannaaf eegaa jiru.
Oggeessoonni dibata bareedina tokko tokkos moodeelittiin barreeddee akka mul'attu taasisuuf ibsaa mobaayilii isaaniitiin fayyadamu...
Booda moodelittiin wayita waltajjii irratti uffannaa dizaayinara lammii Kongoliziin hojjetame agarsiisaa jirtu.
Guyyaa Roobii, Namoonni kabajamtoonni Morookoo, agarsiisa gugsii fardaa magaalaa El-Jaadiidaa, Kibba Kaasaabilaankaatti yoo agarsiisan...
Namoonni agarsiisicha irratti hirmaatanis gootota warra fardaan garmaaman sarara qabatanii saffiisa walfakkaatuun adeemuun, dhumaratti abiidda asii ol samiittti ol kaasuun agarsiisu.
Guyyaa kamisaa, shubbiftoonni beekamoon osoo Diwaalii, ayyaana ibsaa Hindii hin agarsiisiin dura wayita dibata bareedinaa dibachaa turanitti. Kunis Afriikaa Kibbaa magaalaa Darbaanitti ture.
Kun osuma kanaan jiruu, shubbiftoonni kunneen konfaransiin giiftii dureewwan Afriikaa Lixaa qisaasa humna daa'immanii hambisuuf taasisan irratti shubbisa wayita agarsiisan.
Guyyaa itti aanuu ammoo, Magaalaa guddoo Laayibeeriyaa, Monrooviyaatti guyyaa ijoollee shamarranii irraati eergaa walqixummaa saalaa jedhu uffannaa mataa isaaniitti kaawwachuun wayita deeman...
Namoonni gaazeexaafi mobaayilii isaanitiif kaardii bitachuuf hin dandeenyee bu'aa filannoo pireezidaantummaa magaalaa namoonni itti baayyatu keessatti gabatee haasaa guyyaa irraa argatu. Erga xabataan kubbaa milaa beekamaan Joorji Wiihaa pireezidaantii itti aanaa Jooseef Boo'aakiyaa caalmaan mo'achuu dadhabeen booda, filannoon irra deebii baatii dhufu keessa gaggeefama.
Guyyaa Kibxataa Magaalaa gurraachotaa kan taate Johaansbargitti, namoonni mandara Maaboneengii karaa manneen konteenarootaan wali irratti ijaaramanii darbu.
Naannoon kunis kan akkasiin barreechifame erga irra deebiin misoomsuun qondaaltoota magaalaatiin labsameen booda ture.
Guyyaa Sanbataa ammoo, xabataan kubbaa miilaa Gaabonese, Pierre-Emerick Aubameyang kilabii Dortimundii diviziyoonii tokkooffaa jarmaniitiif faalla RB Leipiziig biyyuma isaanitti tabachuun erga goolii ittiiin mo'annaa galcheen booda akkasiin gammachuu isaa ibsatee ture.
Suuraawwanis kan kaafaman, AFP, EPA, PA and Reuters