Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Herreegdoonni addunyaa kanaa jalqabaa akkamiin hojiisaanii eegalan?
Qaroomni durii maaliif barreeffama akka kalaqan yeroo dheeraaf wanti beekamu hinturre. Dhimma amantaatiif moo,ykn dhimmi aartiif? Yookaas loltoota fageenya irratti argaman waliin walqunnamuuf?
Arkiyooloojistiin biyya Jarmanii Juuliyees Joordaan, ALA bara 1929tti meeshaalee battee (diriiraa) supheerraa tolfaman hedduu qotee yoo baasuu, icciitiin kun irra caalaa cime. Supheen batteen kunniinis kan umurii isaanii waggoota 5,000 ta'ee dha.
Isaan kunis, barreeffamoota Chaayinaa, Masiriifi Mesoo-Ameerikaatti argaman irra iyyuu caala umuriin dheeratu. Argannoon katabaman kunniinis 'kiyuunifoorm' (cuneiform) jedhamuun beekamu.
Batteewwan kunniin iddoo Uruk jedhamtu, qarqara laga Ifraaxas irraa dhufan. Uruk, Mesooppotaamiyaa durii, wayita ammaa kana Iraaq jennuun beekamu keessa turte.
Uruk ija har'aatiin ennaa ilaallu xiqqoo dha. Namoota kuma muraasaan lakkaawwamantu keessa qubatee ture. Garuu yeroo isheetti, guddoo turte. Magaalaawwan jalqabaa addunyaa keessaa ishee tokko turte.
Magaalaa kanatu barreeffama hedduu walxaxaa, saayintistoonni har'aa hiikuu dadhaban uume. Barreeffamni kun hoo maal jedha?
Magaalaan tun Uruk arkiyoolojistootaaf hiibboo biraas qabdi.
Hafteen Uruk fi magaalota Mesoppotaamiyaa biroo, meeshaalee suphee xixiqqoo kan boca adda addaa qaban hedduun keessatti argamu.
Odeeffannoo lakkaawuu
Juuliyees Joordaan garuu caalaatti beekuuf tattaafata. ''Bocni isaanii, meeshaalee guyyaa guyyaan itti fayyadamnu kan akka hubboo, daabboo akkasumas kan bineensoota fakkaata'' jechuun katabe. Tajaajilli isaanii maal? Haga arkiyoolojistiin biyya Firaansaay Deenis Shimaad Beseraa hiiktuuttis, eenyumti iyyuu beekuu hin dandeenye.
Akka yaada Shimaad Beseeraatti, bocoonni saantima fakkaatan kunneen waan salphaa taheef tajaajilu - ergaa yookaan odeeffannoo lakkaa'uuf. Bocoonni akka daabboo jiran daabboo lakkaa'uuf yoo tajaajilan, kanneen hubboo fakkaatan ammoo, hubboo lakkaa'uuf tajaajilaa turan.
Malli kun Urukillee kan dursuudha.
Lafeen 'Ishango Bone' umurii waggoota kuma 20 kan qabu yoo tahu, madda laga Abbayyaa Rippabliika Dimookraatawaa Koongootti argame. Kunis lafee sarbaa jaldeessaa irratti mallattoowwan kaa'uun, akka odeeffannoo lakkaa'uutti itti dhimmi bahu turan.
Bocoonni saantima fakkaatan Urukitti argaman garuu, akka isa kanaa waan laayyoo hinturre. Meeshaalee baay'ina adda addaa qaban, akkasumas kan ida'uufi hir'isuuf itti tajaajilamaa ture.
Diinagdee Magaalotaa
Uruk magaalaa guddoo akka turte yaadadhu. Dinagdeen magaalaa tokkoo ammoo: daldala, karooraafi gibira barbaada. Mee sammuu keetti, ogeeyyiin heerreegaa (accountants) isaan jalqabaa karra mankuusaa irra taa'anii, bocoota xixinnootti fayyadamuun yoo isaan midhaan kuntaalaan lakkaa'an yaadi.
Deenis Shimaad Beseraan wanta ajaa'ibsiisaa tahe ifa goodhe. Mallattooleen walxaxoo kiyuunifoormii battee kana, bocoota saantima fakkaatan kanneenii akka walfakkaatan.
Batteen suphee kunniin tajaajilli isaanii gurgurtaa bocoota saantima fakkaatan kanneenii galmeessuu ture. Isaan kunis daldala hoolotaa, midhaaniifi damma galmeessuuf fayyadu ture.
Tarii komputarri battee (tablet computers) har'a itti fayyadamnu kun, batteewwan suphee kanneen irraa fudhataman ta'a.
Herreegdoonni duriitiis tarii sarara tolchuuf yookaan bocuuf, waan qara qabu (qaramaa) waliin fo'aan (wadaroon) walitti hidhuun fayyadamaa turan.
Meeshaa mirkaneessuu
Batteen suphee kunneen hojii aartii suphee tolchuuf yookaan biyya fagootti ergaa erguuf kan itti fayyadaman hinturre. Galmee herreega addunyaa isa jalqabaa tolchuuf tajaajilan malee.
Waliigalteen barreeffama addunyaa jalqabaa illee akkasuma. Erga wanti kaffalamee fi wanti hin kaffalamiin galmaa'e, waliigalteedhuma.
Walitti dhufeenyi bocoota saantima fakkaatanii kanneeniifi meeshaan battee suphee, uumamuu meeshaa mirkaneeffannaa bullaa jedhamuuf karaa saaqe. Bullaan supheerraa kan hojjetamu yommuu tahu, kubbaa fakkaatas; qaawwas qaba.
Karaa alaatiin waliigalteen jara lamaanii irratti yoo barraa'uu, gama keessaatiin ammoo saantimoonni waliigaltee sana bakka bu'an keessa saamsamu. Barreeffamni ala jiruufi maallaqni keessa jiru, walsimuu qabu. Saantimoota keessa jiran baasanii fayyadamuuf, bullaan kun cabuu qaba.
Garuu waliigalteen sun eenyu jidduutti adeemsifamaa akka ture ilaalchisee wanti ifa tahe hinjiru. Gaggeessitoota amantaa yookaan namoota dhuunfaajidduutti tahuu danda'u. Haa tahu malee galmeen kunneen gurgurtaafi bittaan hawaasa magaalaa keessa jiraachaa ture kan mul'sanii dha.
Kun wanta guddaadha
Daddabarsi maallaqaa hedduun waliigaltee barreeffame irratti kan hundaa'ee dha. Inshuraansiin, galmeen baankii keessaa, boondiin mootummaa, sheeriin aksiyoonaa fi waliigalteen liqii, waliigaltee barreeffamaati. Kana ammoo 'bullaa' warra Mesooppotaamiyaa duriirraa hubachuun ni dandeenya.
Herreegdoonni Uruk waan biraas nuu kalaqaniiru.
Duraan hoolota shan galmeessuuf, wantoonni adda addaa shan nu barbaachisu turan. Kun garuu hedduu ulfaata. Kanarra garuu, mallattoowwan addaa lakkoofsota garaa garaaf - shaniif sarara shan, kudhaniif geengoo, 23f geengoo lamaa fi sarara lakkoofsa sadi.
Malli lakkoofsaa kun baay'ina ibsuf illee danda'eera - dhibbaa fi kumaatamallee.
Akkuma waliigalaatti gummaacha dansaa taasiseera.
Lammiilee Uruk rakkoolee hedduutu isaan mudate. Rakkoon dinagdee ammayyaa kamiyyuu mudachuu danda'u. Kunis, ittigaafatamummaa hedduu, akkasumas karoora namoota wal hinbeekne gidduutti ta'u malu.
Rakkoo kana hiikuu jecha ammoo, kalaqawwan heddutuu gumaacha jechuudha. Galmee herreegaa fi waliigaltee jalqabaa ta'u qofa miti. Herreegaa fi barreeffama isa jalqabaas ni taha.
Kanaafuu, barreeffamni meeshaa irraa kunneenis bohaartiif jedhame kan kalaqame miti. Caalaa dinagdee sochoosuuf kan kalqame malee.