Komishinarri duraanii To'annoo Balaa Tasaa Mitikkuu Kaasaa hidhaa waggaa 13n adabaman

Komishinira To'annoo Balaa Tasaa Itoophiyaa kan turan Mitikkuu Kaasaa yakka malaammaltummaa cimaa ittiin himatamaniin balleessaa ta'uunsaanii mirkanaa'uun hidhaan waggaa 13 itti murtaa'e.

Guduunfaa

Haguuggii Tamsaasa Kallattii

  1. Poolisiin Tiktookara Adonaay jedhamu to'annoo jala oolchuu beeksise

    Adonaay Birhaanee Hayilemikaa'el

    Madda suuraa, Instagram Adoonay

    Poolisiin Federaalaa Tiktookara Adonaay Birhaanee Hayilemikaa'el jedhamu shakkuun to'annoo jala oolchee qorannoo gaggeessaa jiraachuu ibse.

    Poolisiin akka miidiyaa hawaasarratti galgala kana baasetti, Adonaay to'annoo jala kan oolfameef dhimma shakkamtoota shan faallaa aadaa fi duudhaa ummata Itoophiyaa ta'een uffata ummata duratti fudhatama hin qabneefi qaanessaa ta'e uffatanii addabaabayyiifi tamsaasa TV kallattiirratti mul'atan waliin walqabateeti.

    Beekamtiifi maallaqa argachuuf qofa yaadanii namoota miidiyaa itti gaafatamummaa malee fayyadaman, keessumaa dhaloonni ol adeemaa naamusa gaariin qaramee gochawwan biyya fayyadan akka hin raawwanneef karaa faallaa ta'een aadaa fokkisaa dhalootarratti fe'uudhaaf gocha raawwataman ittisuudhaaf qorannoo taasisu akka itti fufu Poolisiinm Federaalaa ergaa isaa kanaan beeksiseera.

    Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa tiktookaroota akkaataa uffataa ''aadaafi safuu biyya keenyaa cabse'' uffatan jechuun shakke to'achuu beeksiseera.

    Namoonni kunneen uffata aadaa hawaasaa hin madaalle kan uffatan addabaabayiifi sagantaa televijinii kallattiin ummataaf tamsa'anirrattidha jedheera.

  2. Magaalaan Gambeellaa galgala sa'aa tokkoo booda sochii namaa dhorkitee

    Aanga'oota magaalaa Gambeellaa dhimma nageenyaarratti yeroo mariyatan

    Madda suuraa, Waajira Komunikeeshinii dhimmoota mootummaa magaalaa Gambeellaa

    Magaalaan Gambeellaa ergaa jiraattota magaalattiif dabarseen, sababa rakkoo nageenyaatiin galgala sa'aatii tokkoon booda sochiiin dhorkamuu beeksiseera.

    Waajirri Komunikeeshinii magaalaa Gambeellaa kaleessa akka ibsetti, qaamolee nageenyaatiin alatti konkolaataafi namni kamiyyuu halkan sa'aatii tokkoon booda socho'uu akka hin dandeenye hubachiiseera.

    Sa'aatiin dhorkaa daangeffame kun sababa haala nageenyaan jedhus, rakkoo nageneyaa akkamiitu akka mudate hin ibsine.

    Akkasumas, sochiin daangaa kaa'ame kun galgala sa'aatii tokkoo hanga meeqaatti, akkasumas guyyaa meeqaaf akka turu wanti ibsame hin jiru.

    Waajirri Kominikeeshinii dhimmoota mootummaa magaalattii ibsa har'a fuula miidiyaa hawaasaa isaarratti baaseen ammoo hoggantoonni magaalattii haala nageenyaa magaalattiirratti marii kan gaggeessan yoo ta'u, dhimma nageenyaarratti xiyyeeffachuun hojjechuun akka irra jiraatu ibsameera.

    Itti-gaafatamaan Paartii badhadhinaa damee magaalaa Gambeellaa Obbo Maarqos Guddataa, rakkoo nageenyaa magaalattii keessatti uumame tasgabbeessuun gara duraan turetti deebisuuf aanga'oonni xiyyeeffachuun hojjechuu qabu jedhe.

    "Aanga'oonni sadarkaa gandaatti gadi bu'anii hawaasa waliin marii gaggeessuun hojii tasgabbeessuu akka hojjetaniif qajeelfamni kennameera. Magaalaa keenya keessatti rakkoo uumaa kan jiran namoota muraasa waan ta'aniif, hawaasni bal'aa magaalaa Gambeellaa qaamolee nageenyaa waliin hojjechuu qabu."

    Har'a irraa kaasee hojjetoonni mootummaa hundi gara hojii idilee isaaniitti akka deebiyan, akkasumas dhaabbileen daldalaa magaalattii keessa jiran banamanii tajaajila kennuu akka qabanis ibsameera.

  3. Ameerikaan tuuristoota biyyashee daawwatan seenaa fayyadama miidiyaa hawaasaa waggaa shanii gaafachuuf

    Buufata xiyyaaraa US

    Madda suuraa, EPA/Shutterstock

    Tuuristootni biyyoota hedduu gara US wayita imalan seenaa fayyadama miidiyaa haawaasaa isaanii akka dhiyeessan wixineen gaafatu qophaaye.

    Wixineen aanga'oonni biyyattii ifa godhan kun namoota ji'a sadiif US daawwachuuf viizaa argachuu danda'anirra danqaa biraa kaaha jedhameera. Adeemsi haaraan kun daawwattoota UK dabalatee biyyoota hedduu ilaallata.

    Rogeeyyiin hamma daawwattoota UStti imalaniirra daangaa akka kaahuu maluufi mirgoota dijitaalaarrattis danqaa akka ta'u dubbatu.

    Yunaayitiid Isteets waancaa addunyaa bara dhufuu Kaanadaafi Meksikoo waliin kan keessummeessitu ta'uusheerraa kan ka'e imaltoota hedduu akka simattu eegama.

    Odeeffannoo miidiyaa hawaasaa daawwattootaa cinaatti bilbila, odeeffannoo maatiifi imeelii namni gara US imaluu dura waggaa 10f itti fayyadamaa turee ni gaafatama.

    Wixineen haaraa kun jalqaba bara kanaatti qajeelfama Doonaald Tiraamp US'n shororkeessitoota alaafi yaaddoowwan nageenya biyyaalessaa hambisuuf dabarsan irratti hundaa'e.

  4. Barri haaraa ummata Walaayitaa ‘Gifaataa’ UNESCOtti galmaa’e

    Ummata Walaayitaa uffata aadaa isaanii uffatanii

    Madda suuraa, Wolaita Zone Government Communication Affairs Department

    Barri haaraa ummata Walaayitaa ‘Gifaataa’ jedhamuun beekamu kilayyaa godambaa addunyaa ta’uun galmaa’uu UNESCOn beeksise.

    Dhaabbata Biyyoota Gamtoomaniitti Dhaabbanni Barnootaa, Saayinsiifi Aadaa (UNESCO) godambaawwan bara kana akka kilayyaa addunyaatti galmeesse keessaa tokko Gifaataa ta’uu odeeffannoo marsariitiisaarratti baaseen beeksiseera.

    Barri haaraa ‘Yooyyoo Gifaataa jedhamu waqtii Ganni darbee Birraan seenutti ayyaana kabajamudha.

    Ministirri Turiizimii Aadde Salaamaawwit Kaasaa, UNESCOn Gifaataa galmeessaa isaa keessa galchuuf galateeffattee, “ayyaanota ummata Walaayittaa jaallatamoo ta’an bara jijjiirraa Waliyaa Qoodoo kabajamudha,” jechuushee Faanaan gabaaseera.

    “Yeroo marsaan Addeessaa, Aduu fi Dachee waliin ta’anitti” kan kabajamu Gifaataan barri haaraa dhufuu kan ittiin labsamu ta’uu eerteetti.

    “Gifaataan namoota saalaan, umuriin, gulantaa hawaasummaafi amantaan osoo hin daangessiin kan walitti fidudha,” jette ministirri turiizimii kun.

    Bulchaa godina Walaayitaa, akkasumas kantiibaa magaalaa Walaayitaa Sooddoo dabalatee aanga’oonni godinichaa har’a ganama ergaa baga gammaddanii dabarsaniiru. Ummannis gammachuusaa ibsachuuf addabaabaayiitti baheera.

  5. 'Qarshiif itti heerumte'- Misirroo sababa biftisaa gurraacha ta'eef arrabsamte

    Misirroota

    Rishaab Raajpuut fi Sonaalii Chooksii waggaa 11 dura kooleejitti wal arganii, wal jaalatan. Baatii darbe ammoo wal-fuudhan.

    Suuraaleefi viidiyoowwan cidhasaaniirraa qoodaman gidduugala Hindii bulchiinsa Maadyaa Piraadeesh keessatti yeroo jarri sirna aadaa garagaraa raawwatan agarsiisu.

    Tahus gammachuu isaanii yeroo miidiyaa hawaasaa irratti qoodan baga gammaddaniidhaan hin dhaabbanne. Bifti misirrichaa ''qoosaa fi meme'' keessummeesse.

    Hindii keessatti nama bifa diimaa qabu caalsifachuun dhimma baramaa galmaa'ee jiru yoo tahu yeroo gariin miidhaa qabaachuus mala.

    Misirrichi onlaayinii irratti ''sababa bifa gurraacha qabuuf,'' akka qaana'u taasifameera.

    Ergaan aarsuufi qoccollaan misirrittiifis hin hille ''qarshiif isatti heerumte'' ishee jedhan.

  6. Gatii gurgurtaa boba’aarratti qarshii torba hanga saddetii dabalame

    Nama boba'aa buusaa jiru

    Madda suuraa, Getty Images

    Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Qaxanaa Itoophiyaa har'a irraa kaasee kan hojiirra oolu gatiin boba’aa akka dabalu ibseera.

    Akka gatii haaraa bahe kanaatti beenzilarratti qarshii torba, Keroosiniirratti ammoo hanga qarshii saddeetii daballii taasifameera.

    Daballii ministeerichi amma baase kun A L I 2018 keessa boba’aa xiyyaaraatiin ala daballii isa jalqabaati.

    Mootummaan beenzilaa, keerosiniifi naafxaa adirratti yeroo dhumaa daballii kan taasise A L I Caamsaa bara 2017 ture.

  7. Saalaa malee erga Inter Miilaaniin mo'atanii Arnee Isloot maal jedhan?

    Anee Siloot

    Madda suuraa, PA Media

    Osoo Doominik Sooboslaay rukuttaa peenaaliitii kennamte dhabee jiraate silaa yoona maaltu akka haasa'amu yaadaa.

    Yeroo hedduu rukuttaa peenaaliitii Liiverpuul kan dhahu Mohaammad Saalaadha.

    Osoo Sooboslaay dhabeera tahee silaa Mohaammad Saalaa waan hin jirreefidha jedhama ture.

    Hammuma Liiverpuul qabxii gataa deemu waci waa'ee Saalaa dabalaa deemuun isaa shakkii hinqabu jedhan xiinxaltoonni kubba miilaa.

    Taphattoonni dirree keessatti gammadoo turan. Deeggartoonni gara Xaaliyaanii deemanii kileba isaanii deeggaraa turan maqaa Arnee Isloot waamuun faarsaa turan.

    Leenjisaa isaanii duuba akka jiran kan himan deeggartoonni taphattoonnis akka leenjisicha deeggaran himan.

    Muddama torban kana keessa turaniin booda Islootii fi gaggeessitoonni kilebichaa waan itti gammadan argataniiru.

    Erga bara 2009 as Mohaammad Saalaa malee injifannoo jalqabaa dirree isaaniin ala argatanidha.

  8. Fedhiin gargaarsaa baayyee jiraatus, UN bara 2026 baajata gargaarsaa walakkaa gadi qofa argate

    Dubartii gargaarsa argacuuf hiixachaa jirtu

    Madda suuraa, Reuters

    Dhabbanni Biyyoota Gamtoomanii (UN) baajanni gargaarsaa bara 2026f qabu hanga barbaadame walakkaa qofa waan ta'eef Wixata Mudde 10 beeksisuu isaa Reuters gabaaseera. Gargaarsi barbaachisu wayita haalaa dabaletti, maalaqni gargaarsaaf jiru garuu akkaa hanqachuutu himame.

    UN akka jedhutti, maallaqa gargaarsaaf isa barbaachisu dolaara biliyoona 23 gaafatus hangi barbaachisu waan hin argamneef warra gargaarsa barbaadan hunda gahuu waan hin danda'amneef warra akkaan gargaarsi isaan barbaachisu qofaaf dursa kennuuf dirqamuuf ta'a.

    Hanqinni gargaarsa akn deeggarsi maallaqaa addaan cituun kun yeroo ejensiiwwan gargaarsaa rakkoowwn biroo akka rakkoo nageenyaa hojjetotaa bakka walitti buiinsi keessa jiranitti mudatuufi rakkoo bakka gargaarsi barbaachisu qaqqabuu dhabuun hammaatetti kan mudatedha.

    Ji'a Sadaasaa kessa dolaara biliyoona 12 qofa kan fudhate UN, kun ammoo waggaa 10 keessatti isa baayyee xiqqaa ta'edha. Hangi maallaqa deeggarsaan argamee kun ammoo gargaarsa barbaachisu harka sadii keessaa tokko qofa danda'a.

    Gaazaa, Sooriyaa fi Sudaan bara 2026 keessa bakka gargaarsi cimaan barbaachisu keessaati.

    Erguma baajata deeegarsaa dhiyeessitu hir'steeyyu US biyyoota addunyaarratti gargaarsa kennen keessaa ammallee ishee jalqabaati.

  9. Wanti Pir. Isaayaas ji'a lama keessatti biyyoota sadiitti isaan imalchiise maali?

    Pirezidant Isaayyaas Sa'udi Arabiyaa keessatti

    Madda suuraa, @hawelti

    Itoophiyaa waliin wal himachaa kan jiran Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii baatii lama keessatti daawwannaa yeroo sadaffaaf biyyaa bahaniiru.

    Pirezidant Isaayyaas Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee irra deddeebiin gara Itoophiyaa imalaa turan.

    Amma garuu dugdaafi garaa waliin erga ta'anii fuula isaanii gara biyyoota kaanitti garagalchaniiru.

    Imallii Pirezidant Isaayyaas tibbanaa gara Sa'udi Arabiyaa taasisan marii dhimma biyyoota lamaanirra kan darbe dhimma maal irratti akka xiyyeeffate hin ibsamne.

    Haa ta'u malee, michuu Ertiraas akkasumas kan Itoophiyaas kan taate Sa'udiin muddama biyyoota lamaan gidduu jiruurrati dhiibbaa ofii qabaaachuu malti.

  10. Komishinara Hooggansa Sodaa Balaa kan turan Mitikkuu Kaasaa yakka malaammaltummaan hidhaan waggaa 13 itti murtaa'e

    Obbo Mitikkuu Kaasaa

    Madda suuraa, Getty Images

    Komishinara Hoggansa Sodaa Balaa kan turan Mitikkuu Kaasaa haadha warraa fi mucayyoo isaanii waliin yakka malaammaltummaa cimaan shakkamanii himannaa irratti dhiyaateen badii raawwataniiru jedhamuun hidhaa waggaa 13n adabamaniiru.

    Dhaddachi Dhimmoota Malaammaltummaa ramaddii 5ffaa Mana Murtii Olaanaa Federaalaa Lidataa murtoo adabbii kana dabarseera.

    Obbo Mitikkuun Naannoo Amaaraa, Afaar, Oromiyaa fi Naannoo Kibbaatti meeshaalee nyaataa fi nyaataan alaa deeggarsaaf dhiyaatu qaama deeggarsa barbaaduun osoo hin gahin gurguruun dhimma dhuunfaaf oolchuu, deeggarsaa fi liqaa sababa jedhuun karaa seeraan alaa maallaqa komishinichaa Birrii miiliyoona 100 dhimma hin malleef oolchaan jechuun himatamanii turan.

    Haati warraa fi mucaan isaanii ammoo maallaqa karaa seeraan alaan argame seera qabeessa fakkeessuun dhiyeessuun yakkaan himatamaniiru.

    Himatamtoonni kunneen yakka himatamaniin badii raawwataniiru kan jedhaman yoo ta’u, manni murtii yaadota adabbii cimsanii fi salphisan erga dhaggeeffatee booda, obbo Mitikkuu Kaasaa Adabbii cimaa waggaa 13 fi Birrii kuma 50, haati warraa isaanii aadde Soofiyaa Jamaal adabbii cimaa waggaa 8 fi baatii 4 fi Birrii kuma 3, mucaan isaan aadde Milkaa Mitikkuu adabbii waggaa 5 fi Birrii kuma 3 akka adabaman itti murteesseera.

  11. Viidiyoo yeroo 'hidhattoonni Faannoo' harka namaa muran agarsiisu dhugaamoo AI'n kan hojjetame?

    Bakka yakki kun itti raawwatame suura saatelaayitiirraa argamu

    Madda suuraa, Miidiyaa hawwaasaa/ BBC Verify

    • Sa'aatii 6 dura

    Akeekkachisa: Qabiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.

    ''Kuti, irraa muri, aalbeekee baafadhuu irraa baddu baasi, akkasi kunoo....'' jedha hidhataan tokko yeroo harka namaa kutan.

    Tibbana miidiyaa hawaasaa irratti viidiyoo yeroo hidhataan 'Faannoo' tokko harka namaa tokkoo qottoon kutu agarsiisu qoodamuun ijoo dubbii tahee ture.

    Taateen kun naannoo Amaaraa keessatti raawwate jedhame. Kaan dhuguma taatee dhugaadha yoo jedhan kaan ammoo dandeettii nam-tolcheen 'AI'n' hojjetame jechuun maxxansaa turan.

    BBC'n dhugummaa viidiyoo kanaa qoratee adda baaseera.

    Viidiyoo kana irratti hidhattoonni lamaa fi namni harki isaa irraa muramu garuu maqaan isaa hin ibsamne mul'atu.

    Hidhataan tokko meeshaa waraanaa qawwee isnaayiperii qabatee bira dhaabbata.

    Hidhataan harka nama kanaa qottoon kutu uffata raayyaa ittisa biyyaa kan fakkaatu uffatee morma isaa irratti ammoo alaabaa Itoophiyaa durii kan halluu isaa [ Magariisa, Keelloo, Diimaa ] tahe hidhateera.

  12. Awustiraaliyaan ijoollee waggaa 16 gadii miidiyaa hawaasummaa akka hin fayyadamne dhrkuun jalqaba taate

    Daa'imman mobaayila fayyadaman

    Madda suuraa, Reuters/Hollie Adams

    Awustiraaliyaan ijoollee waggaa 16 gadii miidiyaa hawaasummaa akka hin fayyadamne cufuun addunyaarratti jalqaba taate.

    Daa'immaniifi ol adeemtonni miliyoonaan lakkaa'aman umuriin isaanii waggaa 16 gadi ta'an Awustraaliyaa keessatti miidiyaa hawaasummaa akka hin fayyadamne dhorkaman.

    Seerri haaraa addunyaarratti Awustiraaliyaa kan jalqabaa taasise kun miidiyaalee hawaasaa warra akka Instagram, Facebook, Threads, X, Snapchat, Kick, Twitch, TikTok, Reddit fi YouTube dbalata.

    Seera kana cabsuudhaan ijoolleefi maatiin isaanii hin adabaman, haata'u malee kampaaniiwwan dhorkaa kaa'ame kana yoo cabsan hanga dolaara miliyoona 49.5 adabamuu danda'u.

    Mooummaan akka jedhetti, dhorkaan kun qabiyyeewwan miidhaa geessisan akka ijoollee bira hin geenye eegmsa gochuudhaafidha.

    Qeeqxonni garuu dhorkaan kun daa'immaniifi ijoolleen akka adda bahan gocuun akka isaan dhoksaan to'annoon bakka hin jirretti fayyadaman gochuu mala jechuun yaada dhiyeessu.

    Kun tarkaanfii cimaa biyyoonni kaan xiyyeeffannoon hordofaa jiran yoo ta'u, milkaa'ina argamu mooummaan akkamiin akka magaalu garuu ifa miti.

  13. Masiriin baqattoota Ertiraa hedduu hiite, kaan ariite

    Kaayiroo

    Madda suuraa, Anton Aleksenko

    Masiriin dhiheenya kana sababa ''ammatti ifatti hin beekamneen'' baqattoota Ertiraa 150 caalan biyyasheetii ari'uu lammiileen Ertiraa biyyattii keessa jiran BBCtti himan.

    Tarkaanfiin kun baqattoonni Ertiraa bakka baay'inaan jiraatan, magaalaa guddoo Masirii, Kaayiroo, keessaa baafamuun manneen hidhaa keessa akka turan erga dirqamsiifamanii booda ta'uu lammiin Ertiraa Masirii jiraatu Adil (maqaan jijjiirameera) BBCtti hime.

    Lammiileen Ertiraa kaan ammoo baqattoota kunneen baasuu ilaalchisee duula eegalame akkaan yaaddessaa kan godhu, dubartootaa fi baqattoota eeyyama qabanirrattillee xiyyeeffachuusaati jedhan.

    Gariin iddoo hojiitii akka qabamanfaa Adil BBCtti hime.

    Adil akka jedhutti dubartiin tokko bakka hojiisheetii qabamtee daa'imashee dhiistee hidhamteetti.

  14. Pirezidant Isaayyaas Afawarqii Sa’ud Arabiyaa deeme

    Pirezidant Isaayyaas

    Madda suuraa, Yamaanee Gabremasqal

    Pirezidaniin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii hafeerraa Ilma Mootii Sa’udii Salmaan bin Abdulaaziiz Al Sa’udiin daawwannaa hojii guyyaa afuriif har’a gara Sa’ud Arabiyaatti qajeeluu ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabremasqal beeksiseera.

    Jilli pirezidant Isaayyaasiin dufamu kun yeroo Sa'udii daawwatanitti aanga'oota olaanoo Sa'udii waliin wal arguun michummaafi hariiroo gam-lamee cimsachuurratti, akkasumas dhimmoo idil-addunyaa faayidaa waloo ilaallaturratti akka dubbatan ministiri beeksisaa ertiraa Yamaanee Gabremasqala fuula X isaarratti barreesseera.

    Xiinxaltoonni akka jedhanitti, Sa'ud Arabiyaan naannoo Galaana Diimaa keessatti tasgabbiin jiraachuu mirkaneessuuf, akkasumas dhiibbaa Yunaayitid Arab Emireetis naannicha keessatti dabalaa jiru dura dhaabbachuuf fedhii dinagdeefi nageenyaa cimaa qabdi.

    Gaanfa Afrikaa keessatti, walwaraansa Sidaan keessa jiruufi muddama Itoophiyaafi Ertiraa gidduu jiruun, akkasumas tasgabbii dhabiinsa Somaaliyaa keessa jirurratti wal morkiin Riyaad fi Abu Daabii gidduu jiru dabalaa jira.

    Pirezidant Isaayyaas torban darbe Poort Sudaan deemuun hogganaa mana-maree Walabaa Sudaan Jeneraal Abdu Fattaah al-Burhaan, akkasumas aanga'oota Sudaan waliin marii taasisee ture.

    Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii jalqaba Sadaasaa keessas Masiriitti daawwannaa guyyoota shanii taasisee ture. Tursii isaa Masiriitiinis biyyoonni qarqara Galaana Diimaa jiran qarqara bishaanii isaanii akka tiksan akeekkachiisee ture.

  15. Filannoo 7ffaa: Guyyoota ijoo, yaaddoo paartilee, dhimma TPLF fi deebii Boordii

    Aanga'oota Boordii Filannoo

    Filannoon Biyyaalessaa Itoophiyaa marsaa 7ffaan paartileen mormituu gamanumaa yaaddoo isaanii irratti kaasaa jiran ALI Caamsaa 24, 2018 akka adeemsifamu Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa beeksise.

    Filannicha adeemsisuuf bara 2017 irraa eegalee qophii taasisaa turuu kan hime boordichi, ji'oota darban keessa hojii waajjiraalee damee akkasumas naannoleefi buufataalee filannoo hundeessuu hojjechaa turuu himeera.

    Boordichi qophii filannoo, gabatee yeroofi yaaddoo paartilee mormituu biraa ka'u ilaalchisee Boordiin Filannoo Biyyaalessaa Itoophiyaa miidiyaaleef ibsa laatera.

    Haaluma kanaan filannoo waliigalaa marsaa 7ffaa ji'oota muraasa booda adeemsifamuuf galmeen kaadhimamtootaa Amajjii 1 hanga Guraandhala 1, 2018 akka adeemsifamu himameera.

    Galmeen filattootaa immoo kunneen tekinoloojiitti fayyadamuun bilbilaan ofiif galmaa'an Amajjii 15 hanga Bitootessa 7, 2018, kunneen akka filannoowwan kana duraa buufataalee filannootti argamuun galmaa'anif immoo Guraandhala 7 hanga Bitootessa 7, 2018'titti adeemsifama.

    Duulli filannoo immoo Amajjii 1, 2018 kaasee hanga Caamsaa 19, 2018 kan adeemsifamu yemmuu ta'u, filannoon waliigalaa Caamsaa 24, 2018 adeemsifama.

    Bu'aan filannoo waliigalaas Waxabajjii 4, 2018 akka ibsamu boordiin filannoo beeksiseera.

  16. Itoophiyaa koorniyaa lamaanuu dorgommii CECAFA xumuraaf darbuun birrii miiliyoona 22 ol argachuu mirkaneeffatte

    Barattoonni shamarranii Itoophiyaa tapha xumuraa CECAFA'f darban

    Madda suuraa, Cecafa Football

    Biyyoota miseensa ta'an 12 kan of keessaa qabu Kaawunsiliin Waldaa Kubbaa Miillaa Bahaa fi Giddugaleessa Afrikaa- CECAFA jedhamuun beekamu dorgommii Chaampiyoonaa manneen barnootaa gaggeessaa jira.

    Dorgommii waggaa afraffaaf Yugaandaatti gaggeeffamaa jiru kanarratti gareen Itoophiyaa dhiiraanis, shamarraniinis xumuraaf darbaniiru.

    Gareen dubartootaa Itoophiyaa bakka bu'uun xumuraaf darban mana barumsaa Gadaa Roobalee Adaamaa irraati.

    Tapha Yugaandaa waliin taphatan goolii malee erga xumuramee booda barattoonni Itoophiyaa rukuttaa peenaalitiin 3 fi 2n injifachuun xumuraaf darban.

    Gareen dhiirotaa mana barumsaa Daakoo Garaadoo Asallaa irraa Itoophiyaa bakka bu'uun dorgommii kanarratti hirmaataa jiran ammoo taphi isaan Burundii waliin taphatan goolii malee erga xumuramee booda rukuttaa peenaalitiin 14 fi 13n injifachuun xumuramaaf darban.

    Qopheessituu dorgomichaa Yugaandaa dabalatee biyyoonni Afrikaa saddeet koorniyaa lachuunuu hirmaachaa kan jiran yoo ta’u, dorgomichi Kibxata har'aa goolabama.

    Dorgommii kanaan gareen injifate badhaasa doolaara kuma 100 (birrii miiliyoona 15 ol), lammaffaan doolaara kuma 75 (birrii miiliyoona 11 fi kuma 325) fi sadaffaan ammoo doolaara kuma 50 (birrii miiliyoona 7 fi kuma 550) argatu.

    Haala amma jiruun gareen Itoophiyaa koorniyaa lamaanuu xumuraaf waan darbaniif walumatti birrii miiliyoona 22 fi kuma 650 akka argatan mirkaneeffataniiru.

    Gareen dhiirotaa Itoophiyaa dorgommii Chaampiyoonaa manneen barnootaa CECAFA xumuraaf darban

    Madda suuraa, Cecafa Football

  17. Poolisiin federaalaa tiktookaroota Itoophiyaa 'safuu cabsan' to'ate

    Tiktookaroota poolisiin qorataa jiru

    Madda suuraa, Ethiopian Federal Police

    Ibsa waa'ee suuraa, Tiktookaroota poolisiin qorataa jiru

    Poolisiin Federaalaa Itoophiyaa tiktookaroota akkaataa uffataa ''aadaafi safuu biyya keenyaa cabse'' uffatan jechuun shakke to'achuu beeksise.

    Namoonni kunneen uffata aadaa hawaasaa hin madaalle kan uffatan addabaabayiifi sagantaa televijinii kallattiin ummataaf tamsa'anirrattidha jedheera.

  18. 'Haadha warraa, kabaja dhabeera, maaltu naaf hafe?'

    Jaageshwaar Pisaasaad Avaadhiyaa

    Madda suuraa, Alok Putul/BBC

    Ibsa waa'ee suuraa, Maanguddoon kuni hidhaa kanaan waan guddoo dhabuu dubbatan

    Magaalaa xiqqoo Indiyaa qilleensa qabbanaa'aa qabdu Raapuur keessa manni dulloomaan tokko ni mul'ata. Innis kan maanguddoo umuriin waggaa 84, Jaageshwaar Pisaasaad Avaadhiyaati.

    Maanguddoon kunis yakka ittiin himataman irraa waggaa 39 booda tibbana bilisa jedhaman.

  19. Akkamiin kaansariin dhiigaa hin fayyine wal'aansa addaan 'fayye?'

    Dhibeen kuni hin fayyu ture

    Wal'aansi kanaan dura asoosamoota saayinsii keessatti mul'atu dhugoome kaansarii dhiigaa hamaa, dhukkubsattoota tokko, tokkoo fayyisuu gabaasni hakiimotaa agarsiisa.

    Yaaliin kuni DNA seelii adii gulaaluun 'qoricha lubbuu qabeessa' seeliiwwan kaansarii lolutti geeddaruu fa'i dabalata.

  20. Mootummaan US marsaa lammataan garee lammiilee Iraan 50 caalan biyyaa ari'e

    Mootummaan US lammiilee Iraan 50 ari'e

    Madda suuraa, ABEDIN TAHERKENAREH/EPA/Shutterstock

    Mootummaan US garee lammiilee Iraan of keessatti qabate yeroo lammaffaaf ari'uusaa ibsan aanga'oonni Tehraan.

    Tarkaanfiin kun wayita bulchiinsi Tiraamp godaantota humnaan biyyaa baasuurratti bobba'ee jirutti fudhatame.

    Lammiileen Iraan 50 caalan Mesa, Arizoonaa keessaa xiyyaaraan fe'amuun Kaayiroo fi Kuweet keessa darbuun Iraan seenaniiru jedhu gabaasonni.

    Ministeerri dhimma alaa Iraan lammiileen biyyattii gara Iraan deebi'uu mirkaneesseera.

    Aanga'oonni immigireeshinii US sababa nageenyaaf jecha dhimma lammiileen Iraan xiyyaaraan US keessaa baafamuu kana ''hin mormines hin mirkaneessines.''

    US garee lammiilee Iraan kan jalqabaa biyyaa kan ari'e Fulbaana darbe gara xumuraa ture. Lammiileen Iraan kunneen biyyasaaniitti adabbii du'aa jalaa dheessuuf gara US kan baqataniidha.

    Tarkaanfii lammiilee Iraan biyyatti deebisuu kana keessatti mariin US fi mootummaa Iraan gidduu tureera.

    Aanga'oonni Iraan akka lammiileen kunneen biyyasaaniitti deebifaman haala mijeessaniiru.

    Qondaalli qonsilaa Iraan tokko akka jedhanitti duula godaantota irratti eegalame booda lammiileen Iraan gariin biyyasaaniitti deebi'uuf fedhii agarsiisaniiru.

    Duula lammiilee alaa US keessaa ari'uurratti eegalame keessatti bulchiinsi Tiraamp kanneen irratti xiyyeeffate keessaa lammiileen Iraan dura irratti argamu.