Pirezidant Isaayyaas fi hogganaan Sudaan Al-Buraan maal mariyatan?

IsaayyaasAawarqiifi Abdul Fattaah Al-Burhaan

Madda suuraa, Fuula X Yamaanee Gabremasqal

Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii Sanbata waaree booda Poort Sudaan deemee aanga'oota Sudaan waliin mariyachuu ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaanee Gabremasqale beeksiseera.

Pirezidant Isaayyaas hogganaa mana-maree olaanaa Sudaan Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan waliin, akkasumas ministira muummee biyyattii Kamiil Idiris fi hoggantoota biroo waliin wal arguun mariataniiru akka miidiyaaleen Sudaan fi Ertiraa gabaasanitti.

Akka ibsa ministirri beeksisaa Ertiraa Yamaaneen Gabremasqal fuula X irratti barreessetti, Piresidant Isaayyaas fi Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan hariiroo gam-lamee Sudaaniifi Ertiraa jabeeffachuu, dhimmoota misoomaafi dhimma wal waraansa Sudaan keessa deemaa jiruu, akkasumas dhimmoota naannoofi addunyaa kaasuun mariyataniiru.

Akka maddi oduu Sunnaa jedhutti, Pirezidant Isaayyaas fi Jeneraal al-Burhaan waraana Sudaan keessa waggoota lamaafi walakkaa turerratti dubbachuun akkaataa nagaafi tasgabbiin dhufuu danda'urratti mariyatan.

Pirezidant Isaayyaas, tokkummaafi walabummaa Sudaan akka cimsee deeggaru himuun, deeggarsa Asmaraan kaartumiif taasiftu akka itti fufu dubbateera.

"Tasgabbiin Sudaan tasgabbii naannichaatiif haaldureedha," jedhe Pirezidant Isaayyaas.

Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan gamsaatiin, yeroo rakkinaatti ummata Sudaan cinaa dhaabbachuu filachuu isaaf Isaayyaas galateeffachuun, hariiroo seena-qabeessa ummata biyyoota lamaan gidduu jiru jabeessuuf cimanii akka hojjetan dubbate.

Wal waraansa Caamsaa 2023 Sudaan keessatti baname hordofee Humnoota Addaa Sudaan (RSF)n magaalaa guddoo biyyattii Kaartum keessaa kan baafame Jeneraal Abdul Fattaah al-Burhaan, magaalaa ulaa galaanaa Poort Sudaan keessa qubachuuf dirqameera.

Jeneraal Abdul Fattaa al-Burhaan Caamsaa darbe Asmaraa daawwachuun Pirezidant Isaayyas Afawarqii waliin wal arguun "gumaacha guddaa walitti fufuun" ummata Sudaaniif taasisuuf galateeffatee ture.

Al-Burhaan Ertiraan gargaarsa akkamii akka guutuuf garuu adda baasuun ifa hin goone, garuu ajajoonni waraanaa Sudaan gara garaa deeggarsa Ertiraatiif galata yeroo galchan dhaga'amaniiru.

Kana malees, pirezidant Isaayyaas ministira muummee Kamiil Idiris waliin wal arguun dhimoota misoomaafi hariiroo gam-lameerratti dubbataniiru.

Pirezidant Isaayyaas Afawarqii yeroo Sudaan rakkina keessa jirtu kana keessaa bahuuf tattaafachaa jirtu kanatti Ertiraan deeggarsa gochuufiif akka itti fuftu dubbate.

Caamsaa 2025 ministira muummee Sudaan ta'uun kan muudame Kamiil Idiriis, ejjennoo seena qabeessa Ertiraan ummata Sudaan cinaa dhaabacuu cimsee jajateera.

Koreen waloo tumsa gam-lamee qindeessu hundeeffamuus dubbateera kamiil Idiris.

Pirezidant Isaayyaas bulchaa Naannoo Daarfur dabalatee hoggantoota biroo waliin wal arguun kan mariyate yoo ta'u, haala keessa jiraniif fala ta'a kan jedhan kaasanii mariyachuu miidiyaaleen gabaasaniiru.

Isaayyaas Afawarqii Dr. Kaamil Idiriis waliin

Madda suuraa, Fuula X Yamaanee Gabremasqal

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Wal waraansi Sudaan Ebla 2023 jalqabame, dhumaatii hummataa, rakkoo namoomaafi buqqaatii namoota nagaa qaqqabsiisuu miidiyaaleen gabaasaa turaniiru. Rakkoo biyyattii keessatti dhalate kana ammoo biyyoonni biroo keessa seenuun falli salphaatti akka hin argamne taasisuu dubbatu xiinxaltoonni.

Humni waraanaa Sudaan deeggarsa Masrii, Raashiyaa, Iraan, Tarkii fi Ertiraa irraa argata jedhamee amanama. RSF ammoo UAE, Chaad fi Keeniyaarraa akka argatu yaadama.

Ilmi mootii Sa'ud Arabiyaa Mohaammad bin Salmaan torban darbe Waayit Haawus daawwatee kan ture yoo ta'u, haala Sudaan keessa jiru Pirezidant Tiraampiif ibsuun akka gidduu seenuun waraana kanaaf fala barbaaduuf gaafatee ture.

"Haala Sudaan keessa jirurratti hojjechuu ni jalqbna," jedhe Tiraamp.

"Sudaan keessatti ajjeechaa hamaatu gaggeeffamaa jira. Dacheerratti yeroo ammaa bakka baayyee hamaa ta'edha," jechun Masirii, Sa'ud Arabiyaa fi YTunaayitid Arab Emiratis waliin akka hojjetan waadaa gale.

Hogganaan RSF Jeneraal Mohaammad Hamdaan Daggaloo (Hemeetiin) erga al-Fasher to'ateen booda yaada nagaa buusuu dhiyaate fdhateera.

Jeneraal Abdul Fattaah Al-Buraan kan humna waraanaa Sudaan hogganu garuu yaada dhukaasa dhaabuu dhiyaate fudhachuu diduun akka itti fufanii lolan dhaadate.

Xiinxaltoonni tokko tokko akka jedhanitti, yeroo Pirezidanti Isaayyaas Poort Sudaan itti daawwatan kun haala biyyattii keessatti yeroo ammaa deemaa jiru kana waliin wal qabata jedhu.