Humnoonni alaa waraana Sudaan keessatti hirmaatan eenyu fa'i?

Waldhabdeen Jeneraalota lama gidduutti uumame akkamitti biyyoota heddu garee lamatti qoodaa jira?

Madda suuraa, Getty Images

Waldhabdeen jeneraalota lama gidduutti uumame akkamitti biyyoota hedduu garee lamatti qoodaa jira?

Waraanni biyya keessaa Sudaanitti eegalamee waggaa lamaa fi walakkaa booda ammallee akkuma itti fufetti jira.

Kanaaf sababni ammoo humnootni alaa paartilee wal waraanaa jiraniif deeggarsa siyaasaa fi waraanaa kennuun gidduu seenuun isaanii akka ta'etti yaadama.

Akka dhaabbileen mirga namoomaa jedhanitti sababa waraanaa kanaan lubbuun namoota kuma 150 ol darbeera.

Namoonni miliyoona 12 ol ammoo qe'ee isaaniirraa baqachuuf dirqamaniiru.

Uggurri meeshaa waraanaa idil-addunyaa jiraatus, waraanni Sudaan fi Humni Dafee Qaqqabaa RSF meeshaalee waraanaa baay'inaan biyya alaa irraa argachuu itti fufaniiru.

Dantaan jeneraalota waraanaa biyyattii wal faallessuun waldhabdee kana gara waraana walxaxaa gaanfa Afrikaa fi qaxanaa guutuutti gara jeequmsa guddaatti geessuuf sodaachisaa ta'etti jijjiireera.

Waraanichi daranuu kan hammaate dhiheenya kana erga RSF magaalaa guddoo bulchiinsa Lixa Darfur magaalaa El-Fasher bakka garichi ajjeechaa gara jabinaa itti raawwate jedhamuun himatame dhuunfatee boodadha.

Mootummaa waraanaa Sudaan eenyutu deeggara?

Masrii, Iraan fi Turkiin akka deeggartoota gurguddoo waraana Sudaanitti ibsamu.

Madda suuraa, Tribune du Sudan

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Waraanni Sudaan deeggarsa biyyoota hedduu, kanneen akka Masrii, Turkii, Iraan, Raashiyaa, fi Eertiraa dabalatee, kanneen gargaarsa waraanaa kallattiin hirmaatan keessaati.

Ebla bara 2023 waraanni kun erga jalqabee booda hogganaan waraana Sudaan Jeneraal Abdel Fattah Al-Burhaan daawwannaa isaanii yeroo jalqabaatiif Masrii kan taasisan yoo ta'u, tarkaanfiin kun hariiroo cimaa biyyoota lamaanii kan mirkaneessedha.

Kaayiroon waraana Sudaan deeggaraa akka turte gabaasaaleen hedduun ni mul'isu.

Hogganaan RSF Letenaanti Jeneraal Mohaammad Hamdan Dagalo (Hemeeittiin) Masriin xiyyaara waraanaa dabalatee meeshaa waraanaatiin humna waraanaa Sudaan deeggartee jirti jechuun irra deddeebiin himatan.

Sadaasa 5, 2025, RSF haleellaan diroonii Lixa Daarfuur keessatti raawwatame "humnoota biyya alaa" kan Masrii hirmaachise akka ta'e himateera.

Kaayiroon garuu akka harka keessaa akka hin qabne haalti.

Turkiinis ejjennoo loogii kamuurraa bilisaa akka qabdu ibsitus, Kaartuum dabalatee naannoolee giddu galeessaa deebisee to'achuuf tattaaffii waraanni gochaa ture keessatti shoora olaanaa kan taphattee fi diroonii dhiyeessuu isheetu gabaafame.

Sadaasa bara 2025 keessa miidiyaaleen Turkii akka gabaasanitti, dhaabbatni meeshaa waraanaa guddichi biyyattii Baykar jedhamu diroonii fi misaa'ela dhibbaan lakkaa'aman dabalatee meeshaa waraanaa balaafamaa waraana Sudaanif dhiyeessaa turte.

Dhaabbanni oduu 'Middle East Eye' jedhamu Sadaasa 6, 2025 akka gabaasetti Turkii fi Masriin erga RSF magaalaa El-Fasher qabatanii booda deeggarsa waraanaa isaanii cimsaniiru.

Kana malees, Raashiyaa fi Iraan xiyyaara waraanaa fi diroonii waraanaa Sudaaniif kennaa akka jiran himanni dhiyaatera.

Waxabajjii bara 2024 keessa Hemeetiin Tehraan diroonii humna waraanaa Sudaaniif kennite jechuun himate. Iraan garuu dhimmicha irratti deebii ifa ta'e hin kennine.

Gabaasni Biluumbergi Waxabajjii 2024 akka ibsetti Iraan fi Raashiyaan waa'ee buufata waraanaa qarqara galaana Diimaa irratti ijaaruu irratti marii waraanaa taasisaniiru.

Iraan kana haaltus, Raashiyaan hawwii ishee bara 2017 irraa kaasee qabdu milkeessuf, mootummaa waraanaa Sudaan waliin Guraandhala 2025tti buufata waraana galaanaa biyyattii keessatti hundeessuuf waliigaltee mallatteessitetti.

Eertiraan gama isheetiin waraana Sudaan deeggaruun ishee dhoksaa hin qabdu.

Amajjii bara 2025 keessa humnootni waraana Sudaan miseensonni isaa Ertiraa irraa leenjii fi meeshaa waraanaa akka fudhatan ibseera.

Sa'uudii Arabiyaanis ejjennoo giddu galeessa ta'e akka qabdu ifatti cimsitee yoo dubbatte iyyuu, waraana kana deeggaraa jirti jedhameera.

RSF eenyutu deeggara?

Hogganaan RSF Pirezidaantii Keeniyaa Wiliyaam Ruutoo waliin mari'atan

Madda suuraa, Marsariitii Akhbar Sudaan

Gareen RSF meeshaalee waraanaa, meeshaalee yaalaa fi meeshaalee waraanaa biroo dabalatee, Yunaayitid Arab Emireets (UAE) irraa deeggarsa guddaa argateera jedhameera.

Gabaasaaleen adda addaa UN akka agarsiisanitti, UAE konkolaattota hidhannoo, diroonii fi meeshaa waraanaa gurguddaa karaa Chaad, Sudaan Kibbaa, Liibiyaa, Rippabiliika Giddugaleessa Afrikaa fi Somaaliyaa ergiteetti.

Keeniyaan hoggantoota RSF fi sochii siyaasaa isaanii keessummeessiti jedhamuunyeroo hedduu maqaan ishee kaafama jira.

Guraandhala 2025 Keeniyaan waltajjii siyaasaa sadarkaa olaanaa Naayiroobii keessatti qopheessitee RFS mootummaa haaraa ijaaruu labse.

Sababa kanaan mootummaan Sudaan kan jeneral Abdulfattah ambaasaaddara ishee Naayiroobii keessaa baase.

Saniumaan mootummaan waraanaa Sudaan kanneen RFS deeggaran jedhu UAE, Keeniyaa fi Chaad waliin hariiroo dippilomaasii addaan kute.

Biyyota kanas RSF deeggaru jechuun himate. Akkasumas Waraanni Biyyaalessaa Liibiyaa (LNA) fi Sudaan Kibbaa qabsaa'otaaf deeggarsa taasisuu fi RSF's madaa'an yaaluun himate.

Haata'u malee, biyyotni kunneen hundi harka keessaa akka hin qabne haalaniiru.

Gurgurtaa meeshaa waraanaa fi hokkora uumuu

Biyyoonni kunneen kallattiin waraana biyya keessaa Sudaan keessatti hirmaachuu baatanis, lammiileen isaanii waraana kana keessatti hirmaachuu fi madda meeshaa waraanaa ta'uu isaanii ibsameera.

Waxabajjii bara 2025 Paakistaan ​​fi waraanni Sudaan "waliigaltee humna ittisaa Sudaan cimsuu doolaara miiliyoona 230 mallatteessaniiru.

Kunis leenjii xiyyaaraa, diroonii, konkolaattota hidhannoo, suphaa fi waliin oomisha meeshaalee waraanaa dabalata.

Miidiyaaleen Sudaan hedduun dhiheenya kana akka gabaasanitti, waraanni kun ''jeettiiwwan waraanaa Raashiyaa Sukhohi sadarkaa olaanaa qaban Kaazaakistaan ​​fi Uzbeekistaan ​​irraa argachuuf'' fedhii qaba.

Kana malees, FRS meeshaa waraanaa Chaayinaa fi diroonii UAE irraa argame jedhamee amanamu hidhatee akka jiru gabaasaleen kan himatan.

Humni hidhate kun "teeknishaanotaa fi balaliistota" biyyoota Afrikaa tokko tokko, akkasumas Yukireen fi Kolombiyaa irraa dhufanis baay'inaan akka fayyadaman himameera.

Adoolessa 5 bara 2025 Ministirri Ittisaa Somaaliyaa xiyyaaronni kan eenyummaan isaanii hin beekamne Buufata Xiyyaaraa Boosaasoo irraa, gara Daarfuritti "waan tokko fe'uuf" akka balali'an gabaaseera.

Gabaasaaleen biroo akka mul'isutti ammoo UAE buufata xiyyaaraa kana fayyadamuun meeshaa waraanaa fi loltoota gara RSF geejjibsiisuu himate.

Mariin nagaa maalirra jira?

Ameerikaan miseensota michuu gareewwaan wal lolan lamaan Sa'uudii Arabiyaa, Masrii fi UAE waliin ta'uun dhukaasa dhaabuu akka taasifamu yaalaa jirti.

Dhukaasa dhaabuun ji'oota sadiif taasifamuun gargaarsa namoomaa akka itti fufu yaadni jedhu dhiyaatera.

Haata'u malee, "garaagarummaan" biyyoota Arabaa gidduu jiru (kan hin ibsamne) tattaaffii araara taasifamaa jiru kana gufachiisaa akka jiru himameera.

RFS Al-Faashir erga to'ateen booda Sadaasa 6 yaada araaraa dhihaate fudhachuu isaa kan ibse yoo ta'u, waraanni Sudaan garuu hanga ammaatti deebii hin kennine.

Waraanni Sudaan marii kana keessatti hirmaannaa UAE akka mormu fi Turkii fi Kaataar akka itti makaman gaafachuu isaatu himama.

Yeroo ammaa kana ejjennoo garmalee gama lameenii fi tumsi kallattiifi dhokataa qooda fudhattoota biyya alaa cimuu irraa kan ka'e abdiin waraana dhiigaa dhangalaase kanaa dafee akka xumuramu abdiin jiru xiqqaadha.