'Hojiin keenya ajjeesuu qofa' - Milishaan Sudaan akkamiin jumlaan ajjeese?

Akeekkachiisa: Qabiiyyeen odeessa kanaa miira keessan jeequu mala.
Loltoonni konkolaataa Piik aappii irra taa'uun kolfu, reeffa namoota sagalii ajjeefamanii bira darbuun gara Lixa biyyattiitti imalaa turan.
''Hojii kana hundaa ilaali. Dugugguuggaa sanyiii kana ilaali,'' jedhe tokko.
Kaameeraa ofii fi loltoota kaanitti qabuun kolfa, baajiin Humna Dafee Dhaqqabaa isaanii ni mul'ata.
''Hundi isaanii kunoo akkuma kanatti dhumu'' jedhe.
Loltoonni kunneen isa qondaalonni deeggarsa namoomaa magaalaa el-Faasher jeessatti ji'a darbe namoota 2000 ajjeesaniiru jedhu sanaaf waan gammachuu isaanii ibsatan fakkaata.
Wiixata darbe Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa loltoonni Humna Dafee Dhaqqabaa ''yakka waraanaa fi yakka namoomaa raawwachuu isaanii nan qoradha'' jedhe.
Humnoota Dafee Dhaqqabaa RSF jedhamaniif magaalaan El Faasher xiyyeeffannoo guddaadha.
Sudaan Daarfur keessaa bakka humni waraana mootummaa Sudaan qabate isa guddaa turte.
Erga bara 2023 humnoonni lameen wal waraanuu jalqabanii magaalaa kana irra miidhaa guddaan dhaqqabeera.
Erga waraanni kun jalqabee gama lamaaniinuu namoonni nagaa 150,000 ol ajjeefamaniiru.
Erga magaalaan El Faasher harka RSFtti kuftee ammoo yakki kun inumaa hammaachuun irra deebiin hojjetame.
Mgaalaa addunyaa irraa citte
Magaalittiitti marsuun yoo xiqqaate waggoota lamaaf turaniiru. Erga ji'a Hagayyaa as RSF magaalittii to'achuun sochii namoota nagaa kaan dhorke.
Suuraan saatalaayitii akka agarsiisutti loltoonni RSF naannoo magaalichaatti dahoo ykn akka dallaa guddaa ijaarrachaa jiru.
Deeggarsa namoomaa irraa kutaniiru. Hulaawwan hundaa jalaa cufaniiru.
Erga ji'a Onkolooleessaa as ammoo magaalittii geengoo wayii keessa galchuun itti marsaniiru.

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Akkuma marfamni magaalittii hammaataa deemeen Fulbaana 19 namoonni 78 tahan Masjiida keessatti humnoota RSF'n ajjeefaman.
UN ammoo haleellaa diroonii kaampii irratti raawwateen namoonni 53 ajjeefamaniiru jedhe.
Viidiyoon BBC'f ergame akka agarsiisuttis humnoonni RSF akka deeggarsi namoomaa fi wantoonni barbaachisan magaalicha hin galleef dhorkaniiru.
Viidiyoon ji'a Onkoloolessaa keessa qoodamaa ture tokko namni tokko harkaa fi miilli isaa duubatti hidhamuun muka irratti gadi garagalfamee fannifamee agarsiisa.
Namni kun cancala sibiilaan hidhame. Namni viidiyoo isa waraabaa ture ammoo nyaataa fi deeggarsa namoomaa dhoksitee magaala marfamtee jirtu kanaaf galchuuf turte jechuun isatti dubbatee dhaadata.
''Maqaa waaqaan nan kakadha. Namittii saree nana gochaa kee kanaaf gatii baasta,'' jechuun itti iyya.
Namni duubatti harkaa fi miila hidhamuun fannifame kun lubbuu isaaf isa kadhata.
Loltoonni RSF kunneen daandii irratti dhukaasaa gara magaalittiitti imalaa turan.
Viidiyoo yeroo namoonni hin hidhanne ajjeefaman agarsiisu
Onkoloolessa 26 aduun yeroo baatu RSFn ejjennoo waraanaa isa dhumaa humnaan guutee fudhachuun waajjira muummee Kutaa Waraana Lafoo 6ffaa, magaalittii keessa jiru qabate.
Loltoonni boombii harkaa qabatanii waajjira muummee loltoonni keessaa baqatan yeroo daawwatan kolfaa viidiyoo waraabaa turan.
Booda guyyaa sana obboleessi hogganaa RSF Mohammad 'Hemedti' Dagalo - ajajaan RSF naannichaa kan tahe Abdul Rahim Dagalo - buufata kana yeroo sakatta'u argame.
RSF - milishaa Janjaweed jedhamna irraa kan bahan bara 2003-2005 gidduutti Daarfuur keessatti namoota kuma dhibbaan lakkaa'aman ajjeesuun himatame ammas yakka waraanaa gaggeessuun himatamaa jira.
Yeroo dheeraaf guutuu Sudaan keessatti gareewwan Araba hin taane irratti gochaa hammeenyaa raawwachuu isaatiin himatamaa ture.
Waraanni RSF kun osoo magaalittii kun qabatiin dura ji'ootaaf odeeffannoon magaalattii keessaa ba'aa ture baay'ee xiqqaa ture.
Garuu erga waraanni kun kufee sa'aatii muraasa keessatti suuraan gocha hammeenyaa RSFn raawwate agarsiisu toora interneetii irratti mul'achuu jalqabe.
Viidiyoowwan baay'ee qoodaman BBC Verify adda baase keessaa tokko ajjeechaa gamoo yunivarsiitii magaalattii gama dhihaatti argamu keessatti raawwatamedha.
Gamoo sana keessa reeffa namootaa hedduutu bibittinnaa'ee mul'ata.
Maanguddoon uffata adii uffate tokko reeffa gidduutti kophaa taa'ee ul'ata.
Loltuun qawwee hidhate tokko yeroo gara isaatti deemu ofirra mil'atee ilaalaa ture.
Loltuun RSF kunis meeshaa waraanaa isaa ol kaasee, namicha irratti dhukaasuun, namichi sochii tokko malee lafatti kufe.
Loltuun biraa tokkos gochaa kanaan gammadee osoo dubbatuu battaluma sanatti reeffa baay'ee gidduuti osoo miilli nama tokkoo socho'uu argee iyye.
"Kun ammoo maaliif hamma yoonaa hin duune? jedhee iyye. ''Baddu baasi, itti dhukaasi'' jedha inni tokko. Kanumaan ajjeesan.
Suuraaleen saatalaayitii Onkoloolessa 26 kaafaman daandii el-Fasher irrattis ajjeechaan raawwatamuu kan mirkaneessan tahuu Gidduugalli Qorannoo Yale maxxanseera.
Xiinxaltoonni isaa reeffi namootaa walirra tuulamee akka mul'atu himan. Suuraan kun isa satalaayitiin kana dura ka'e keessatti hin mul'atu ture.
Namni ijaan argee BBCtti dubbate tokko, ''firoota keenya walitti qabuun bakka tokkotti ajjeesan'' jedhe.
Nmani biraa BBCtti himes, loltoonni RSF dubartii tokko rasaasaan laphee irra dhahuun yeroo ajjeesan argeera jedhe.
Waan qabdu erga irraa fudhatanii reeffa ishee darbatan jedhe.

Yeroo loltoonni RSF magaalaa el-Faasher qabatanii seenan gareen tokko ammoo naannoo qarqara magaalichaatti hafuun namoota nagaa meeshaa waraanaa of harkaa hin qabne ajjeessaa turan.
Irra caalaan yakka kanaa kan raawwate magaalittii irraa fageenya km8 hin caalle irrattidha.
Viidiyoo BBC mirkaneesse akka argisiisutti reeffi namoota hedduu uffata siivilii uffatee mula'ta.
Gar-tokkoon isaanii dubartootadha. Viidiyoo biraa ammoo kan agarsiisu, osoo dhukaasni dhagahamuu mancaatii isaan dhaqabsiisaa turanidha.
Konkolaattota osoo gubanii reeffi namoota adda addaas konkolaattota gidduu faffaca'ee mul'ata.
Qondaalli tokko BBC'n kana dura viiidyoo isaa ilaaluun adda baasu kan maqaa Abbu Lulluu jedhuun of waamudha. Ajajaa waraana RSF keessaa tokko.
Viidiyoo lama irratti yeroo namoota meeshaa waraanaa hin hidhanne osoo ajjeesuu argameera.
Namni ijaan arge akka BBCtti yoo himu,''loltoota isaaf ajaja ijoollee dabalatee namoota nagaa hedduu ajjeesuu kenneera,'' jedhe.
Viidiyoon tokko akka mul'isutti osoo Abbuu Luulluu nama miidhame tokko ajjeesuuf jedhuu loltuun gara biraa tokko gidduugaluu agarsiisa.
Namni loltoota kanneeniin qabameeru ammoo ''Sin beeka. Guyyoota muraasa durayyuu sii bilbileera'' jedhee kadhata.
Abbuu Luulluu garuu isa inni kadhatuun kana harka facaasee dhagahuu dida. ''Ani homaa araara namaaf hin godhu. Hojiin keenya ajjeesuudha,'' jedheen.
Kana dubbatee rasaasa itti naquun nama uffata waraanaa hin uffanne ajjeese.
Viidiyoo biraa irratti ammoo osoo namoota uffata waraanaa hin uffanne sagal ajjeesuu argameera.
Viidiyoon ergasii bahe ammoo gammoojjii Daarfuur awwaaraan guutame sana keessatti akkuma tarree galuun ajjeefaman sanatti reeffi isaanii osoo hin ka'iin mul'ata.
Namoonni baay'een ajjeechaa kana raawwatan ammoo baajii RSF uufatu. Gareen kun boodarra ''duguuggaa sanyii'' jechuun gammachuu isaanii osoo ibsatanii mul'atan.

Ajajoonni RSF miidhaa dhaqabe to'achuuf yaalii godhan
Duguuggaa Sanyii'' raawwatan kana hordofee Ajajaan RSF Jeneraal Mohaammad Hamdaan Dagaaloo, loltoonni isaanii ''yakka'' hojjechuu amanuun gochaa kana ni qoranna jedhan.
Qondaalli UN torban darbe RSF loltoota isaanii gochaa kanaan shakkaman akka to'atan nutti himaniiru jedhan.
Isaan keessaa akkuma BBC'n qorannoo gaggeessee yakka ajjeechaa isaa saaxilee Abbuu Luulluu to'annoo jala ooleera.
Viidiyoon gulaalamee fi of eeggannoon agarsiifame fuula Teelegiraamii RSF irratti maxxanfame ueroo inni gara mana hidhaa qarqara el-Faasher jirutti geeffamu agarsiisa.
Xiinxaltoonni Yaalees ''yakka guddaa hojjetan kana irraa of qulqulleessuuf jecha waan godhan'' jechuun RSF himatu.
Kun kanaan osoo jiruu RSF fi miidiyaaleen hawwaasaa isaanitti dhiyeenya qaban, seenessa yakka raawwatee jijjiiruu barbaadu.
Maxxansi isaanii tokko tokko yeroo loltoonni RSF deeggarsa namoomaa namoota nagaaf kennan agarsiisa.
Isaan gochaa isaanii kana maxxansa miidiyaa hawwaasaan dhoksuuf yaalanis akka addunyaatti dheekkamsa kaaseera.
BBC Verify gareen RSF himata isaan irratti dhiyaatuuf deebii akka kennuuf gaafateera. Isaan garuu deebii osoo hin kenniin hafan.














