Gaalaafi warqii gurguruun maallaqa guddaa argate, amma walakkaa Sudaan to'ateera

Ajajaan RSF Mohaammad Hamdan Dagalo uffata waraanaa uffatee fi Kishaafa ijaa uffatee

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Ajajaan RSF Mohaammad Hamdan Dagalo uffata waraanaa uffatee fi Kishaafa ijaa uffatee

Mohaammad Hamdaan Dagaaloo maqaa masoo Hemeetii jedhamuunis beekamudha.

Hogganaa Humna Dafee Dhaqqabaa Sudaan (RSF) amma giddugala biyyattii to'achuun haala siyaasaa Sudaan keessatti gurraa horatedha.

RSF dhiheenya kana magaalaa el-Fasher kan waraana Sudaan fi michoota ishee biyya keessaa naannoo dhiha Daarfuur keessatti yeroo dheeraf qabatan dhuunfachuun injifannoo guddaa galmeesseera.

Mormitoota isaatiin kan sodaatamuu fi jibbamu, Hemeetiin kutannoo, cichoominaa fi ejjannoo mootummaa Sudaan diiguuf qabuun deeggartoota isaa biratti kabaja guddaa qaba.

Hemeetii jechuun michuu xiqqaaf guddaa ykn nama namootaaf jedhee gad ofdeebisu akka jechuuti.

Maatiin isaa kutaa Mahaariyaa hawaasa Rizeigat kan tifkattoota Gaalaa ta'anii fi afaan Arabaa dubbatan kan Chaadiif Daarfuur keessatti babal'chuutti argaman irraa kan dhufedha.

Bara 1974 ykn 1975 akka dhalate himama. Akkuma namoota baadiyyaa hedduu guyyaan dhalootaa fi bakki inni itti dhalate ifatti hin galmoofne.

Gosti maati isaa essuma isaa Jumaa Daagaalootiin hoogganamuun bara 1970 fi 80 keessa waraana baqatee lafa dheedichaa magariisa barbaadaa gara Daarfuritti ce'uun qubatan.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Hemeetii jalqaba umrii dargaggummaa isaatti mana barumsaa erga adda kutee booda, gaala gammoojjii Liibiyaa fi Masrii qaxxamursee daldaluudhaan jireenya isaa gaggeessa ture.

Yeroo sanatti Daarfuur gara dhiha lafa bosonaawaa Sudaan namootni hiyyeeyyiin keessa jiraatan turte.

Naannawa seerri mootummaa keessatti hin beekamnee fi mootummaa biyyattii yeroo sanaa pirezidaantii duraanii Omar al-Bashiriin kan gadhiifamte turte.

Milishoonni Arabaa Jaanjawiid jedhamuun beekaman , humna Jumaa Dagaalootiin durfamu dabalatee gandoota sabni Fur keessa jiraatan haleelaa turan.

Marsaan jeequmsaa kun bara 2003tti gara fincila guutuutti kan guddate yoo ta'u, loltoonni Fur garee Masalit, Zaghawa fi gareewwan biroo kanneen hayyoota Araboota biyyattiitiin tuffatamaa jirra jedhan waliin walitti makaman.

Kana haaloo ba'uuf mootummaan Bashir garee Janjawiid haalaan babal'isee wal waraansi, qabeenya gubuu, saamicha, gudeeduu fi ajjeechaan naannowa sanatti beekamaa ta'e.

Sudaan ganda Chero Kasi jedhamt milishoonni Janjaweed jeequmsa kaasuun Fulbaana 7 bara 2004 naannawa ibiddi gubaa jira lolttuu ilaalaa jiru

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Sudaan ganda Chero Kasi jedhamtu milishoonni Janjaweed jeequmsa kaasuun Fulbaana 7 bara 2004 naannawa ibiddi gubaa jira loltuu ilaalaa jiru

Hemeetiin namoota naannawa san jiraatan keessaa tokko yoo ta'u, gabaasni nagaa eegdota Gamtaa Afrikaa irraa bahe akka ibsutti ji'a Adoolessaa bara 2004 naannoo Adwaa irratti haleellaa raawwatameen daa'imman 36 dabalatee lubbuun namoota 126 darbeera. Qabeenyi hedduus manca'eera.

Qorannoo Ameerikaan gaggeessiteen warri Janjawiid duguuggaa sanyii raawwatameef itti gaafatamummaa akka qaban ibse.

Manni Murtii Yakkaa Idil-addunyaa (ICC) waldhabdee Daarfuur keessaa harka qabu kan jedhe, Bashir Alasaad dabalatee namoota dhuunfaa afur kan himate yoo ta'u, Mootummaan Bashir duguuggaa sanyii raawwachuu ni haale.

Hemeetin hoggantoota Janjawiid hedduu yeroo sanatti mana murtiittii hin dhiyaanne muraasa keessaa tokko ture.

Hoggantoota waraanaa Janjaweed, keessaa Ali Abdel Rahman Kushayb mana murtiitti dhiyaachuun baatii darbe yakka waraanaa fi yakka dhala namaa irratti raawwataman 27'n kanraawwachuun kan itti murtaa'e yoo ta'u, adabbiin isaas Sadaasa 19tti itti murtaa'a.

Erga jeequmsi bara 2004tti hammaateen booda, Hemeetiin ogummaadhaan ol ba'uun, hogganaa garee waraanaa gargaaraa cimaa, impaayera daldalaa fi humna siyaasaa ta'e.

Gaaffii finciiilaa ka'e, kan abbootii qabeenyaa loltoota, kaffaltii fi guddina sadarkaa gama siyaasan akka deebi'ee gaafate.

Bashir Alasaad gaaffii isaa keessaa harka caalu innumti akka deebisuuf, gara hoggansa isaatti fide, Hemedtiinis mootummaaf amanamummaatti deebi'e.

Gareewwan Janjaweed biroo fincilan, Hemedti humna mootummaa isaan injifate ajajee, bakka albuudni warqee harkaan baafamu guddaa jiru Daarfuur kan Jebel Amir jedhamu to'ate.

Daldalli warqee Sudaanis sadarkaa olaanaan guddate.

Bara 2013tti Hemedti hogganaa garee waraanaa RSF kan kallattiin Bashiriif gabaasa dhiyeessu ta'uun muudame

Janjawiid RSF keessatti walitti makamuun, uffata haaraa, konkolaataa fi meeshaa waraanaa, qondaaltota waraana idilee irraa dhufan kanneen ce'umsa kana gargaaruuf fidaman waliin argatan.

Namni lammii Sudaan tokko miseensota Humnoota Dafee qaaqabaa (RSF) waliin, magaalaa guddoo Kaartuum keessatti gaafa Waabajjii 18 ,2019 suuraa ofii kaasu

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namni lammii Sudaan tokko miseensota Humnoota Dafee qaaqabaa (RSF) waliin, magaalaa guddoo Kaartuum keessatti gaafa Waabajjii 18 ,2019 suuraa ofii kaasu

RSF finciltoota Daarfuur irratti injifannoo guddaa galmeesse, garuu fincila gaarreen Nuubaa naannoo Sudaan Kibbaatti uumame waliin qabsaa'ee, daangaa Liibiyaa waliin bulchuuf waliigale.

Godaansa seeraan alaa Afrikaa irraa gammoojjii qaxxaamuree gara galaana Meditiraaniyaaniitti taasifamu dhaabsisuuf ibsanillee hoggantoonni Hemedtii maallaqa saamuu fi daldala namaa keessattis kan hirmaatan fakkaata.

Bara 2015 Sa'udii Arabiyaa fi Yunaayitid Arab Emireet (UAE) waraanni Sudaan loltoota erguun Huutii Yaman keessa jiran irratti akka lolu waamicha dhiyeessan.

Loltoota kana kan hoogganu jeneraala Daarfuur keessatti lolaa ture Abdel Fattah al-Burhan, amma itti gaafatamaa waraanaa RSF waliin waraana irra jiruun ture.

Hemedti carraa argateen Sa'uudii Arabiyaa fi UAE waliin waliigaltee addaa,taasisuun loltoota dhiyeessuuf walii gale.

Walitti dhufeenyi Abu Daabii waliin qabus baayyee barbaachisaa ta'uu eere. Pirezidaantii Emiraat, Mohaammad Bin Zaayid waliin hariiroo cimaa akka jalqaban taasise..

Dargaggoonni Sudaan fi yeroo baayyee biyyoota dhiyoo irraa - gara wiirtuuwwan qacarrii RSF imaluun yeroo mallatteessanitti kaffaltii maallaqaa hanga doolaara 6,000 argatu turan.

Hemeetii dhaabbata Raashiyaa 'Waagner Group' waliin tumsa uumuun, daldala warqee dabalatee waliigaltee daldalaa jijjiirraa leenjii argate.

Waliigaltee kana xumuruuf gara Moskoo kan deeme yoo ta'u, guyyaa Raashiyaan Yukireen weerarte achi ture. Waldhabdeen Sudaan erga jalqabee booda RSF'n gargaarsa Waagner irraa argachaa akka hin jirre himate.

Kutaaleen lolaa gurguddoon RSF caalaatti ogummaa qabaatanis, ammallee milishoota sabaa fi sablammootaa akkaataa durii walitti makame of keessaa qaba ture.

Mootummaan mormiin ummata irraa dabalaa dhufe waan mudateef, Bashir humna Hemedtii gara magaalaa guddoo Kaartuumitti erge.

Ebla 2019 keessa gareen mormitootaa mirga isaa gaafatu masaraa mootummaa marse. Bashiir waraanni akka dhukaasa itti banuuf ajaje. Jeneraalonni olaanoon isaan keessaa Hemedti fi kaanis wal arganii haleellaa mormitoota irratti raawwachuurraa Bashir aangoo irraa kaasuuf murteessan.

Omar al-Bashir waajjira muummee waraana gargaaraa humna dafee qaqqabaa (RSF) Mohamed Hamdan Daglo, waliin

Madda suuraa, AFP via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Omar al-Bashir waajjira muummee waraana gargaaraa humna dafee qaqqabaa (RSF) Mohamed Hamdan Daglo, waliin

Yeroo muraasaaf Hemedti abdii haaraa egeree Sudaan ta'uun kabajamaa ture.

Dargaggeessa, michuu, gareewwan hawaasummaa adda addaa waliin wal qunnamuuf carraaqqii kan godhe yoo ta'u, hoggantoota biyyattii yeroo dheeraaf dorgomaa ta'ee of dhiyeessuuf yaala tureedha.

Haa ta'u malee, karoorri kun yeroo muraasaaf qofa ture.

Inni fi hogganaan mana maree waraanaa kan biraa Abdul fattah Al-Burhaan aangoo gara bulchiinsa siiviliitti dabarsanii kennuu dhabuu isaanitiin mormiin itti fufe.

Deebii kanaaf tarkaanfiin humnoota RSF kan du'a namoota dhibbaan lakkaa'amani fi dubartoota irratti miidhaa saalaa raawwatameef Hamdeettinn itti gaafatamummaa qabu jechuun gabaasni dhabbata mirga namoomaf falmu Humaans Raayit Waach (HRW) kan ibse..

Hemdetin RSF gocha suukaneessaa kana raawwachuu isaa haaleera.

Dhiibbaa garee biyyoota afur - US, UK, Sawudi fi UAE - kan nagaa fi dimokiraasii Sudaan deeggaruuf kaayyeffate irraan kan ka'e hoggantoonni waraanaa fi lammiileen nagaa araara jaarsummaa Afrikaatiin uumame irra ga'an.

Waggaa lamaaf mana maree waraanaan durfamuu fi mootummaa siiviilii gidduutti tumsa guddatu ture

Achiis waraana Sudaan ' gocha basaasaa fi reebichaan himatame'. Viidiyoon milishaan RSF magaalaa ijoo Sudaan erga to'atanii booda magaalaa Sudaan keessatti booji'amtoota irratti ajjeechaa raawwatan agarsiisa.

Koreen kaabineen muudames gabaasa dhaabbilee abbummaa waraanaa, humnoota tikaa, fi RSF irratti dhiheesse xumuruuf yeroo jedhitti, Burhaan fi Hemedti hoggantoota siiviilii hojii irraa ari'anii to'annoo jala oolchan.

Al Burhaan fi Hemetiin buchiinsa sivilii Abdallaa Hamdok aangoorraa erga ari'anii booda Mana-mare Walabaa waliin hogganaa turan.

Garuu boodarra hoggantoonni kunneenis walitti gargagalan. Burhaan RSF ajaja waraanaa isaa jala akka galu cimsee dubbate.

Hemedti kana ni morme. Dhimma kana furuuf yeroon xumuraa Ebla bara 2023 guyyoota muraasa dura kutaaleen RSF waajjira muummee waraanaa marsanii buufataalee barbaachisoo fi masaraa biyyoolessaa Kaartuum jiru fudhachuuf yaaluu jalqaban.

Yaaliin fonqolcha mootummaa hin milkoofne yaalame.. Inumaayyuu humnoonni mormituu daandii irratti walitti bu'uun Kaartuum gara dirree waraanaatti jijjiiramte.

Daarfuur keessatti jeequmsi kan ka'e yoo ta'u, kutaaleen RSF ummata Masalit irratti duula gara jabinaa banan.

Dhaabbanni UN akka tilmaametti namoonni nagaa hanga 15,000 ta'an kan ajjeefaman ta'uu fi US ammoo duguuggaa sanyii jechuun maqaa itti moggaafte. RSF'n garuu himata kana haale ture.

Masaraa biyyaalessaa keessatti haleellaa meeshaa waraanaa fi qilleensaatiin kan miidhame Hemeti, yeroo muraasaaf, ija uummataa duraa badeera.

Namoota kilinika yeroo UN keessatti wal'aansarra turan

Madda suuraa, Reuters

Ibsa waa'ee suuraa, Waraana Sudaan keessatti geggeeffamaa ture ummanni miliyoonaan lakkaa'aman qe'ee isaaniirraa akka baqatan dirqisiiseera

RSF meeshaa waraanaa haaraa kan argate yoo ta'u, kanneen akka diroonii sadarkaa olaanaa qaban, kanneen magaalaa guddittii to'annoo Burhan harka jiran Sudaan poortii haleeluuf itti fayyadamaniiru, dirooniin kun haleellaa el-Fasher irratti raawwatame keessattis ga'ee guddaa taphata.

Hojiin qorannoo New York Times fi kanneen biroo akka agarsiisutti meeshaaleen waraanaa kun karaa buufata xiyyaaraa fi buufata dhiyeessii UAE Chaad keessatti ijaramee kan dhiyaatedha. UAE'n garuu RSF'f meeshaa waraanaa akka hin kennine haalti.

Meeshaa waraanaa kanaan RSF waraana Sudaan kan duraan michuu isaanii turan waliin wal dhabdee keessa jiru.

Hemedti garee siyaasaa jaarmayoota siiviilii fi garee hidhannoo tokko tokko of keessatti hammate, keessattuu diinota isaa durii gaarreen Nubaa irraa dhufan uumuuf yaalaa jira.

Amma RSFn el-Fasher erga fudhatee booda lafa namoonni laga Naayilii irraa gara dhihaatti jiran hunda ta'ate.

Hemedti ajjeechaa jumlaa fi qeeqa hedduuirratti dhiyaatuuf loltoonni isaa badii hojjetan akka hin jirree qorannoon akka taasifamu gaafate.

Namoonni Sudaan keessa jiran Hemedtiin akka pirezidaantii mootummaa adda ta'etti of ilaala yookaan ammallee Sudaan guutuu bulchuu barbaada jedhanii yaadu.

Haa ta'uu malee himni siyaasaa fi badii waraanni isaa qaqqabssiise jedhamu danqaa itti ta'uu danda'a.

Hidhattoonni RSF hospitaala el-Fasher haleeluun namoota 460 ajjeesuun himanna cimaa isaa fi loltoota humna dafee dhaqqabaa kana irratti dhiyaatudha.