Masiriin baqattoota Ertiraa hedduu hiite, kaan ariite

Madda suuraa, Anton Aleksenko
Masiriin dhiheenya kana sababa ''ammatti ifatti hin beekamneen'' baqattoota Ertiraa 150 caalan biyyasheetii ari'uu lammiileen Ertiraa biyyattii keessa jiran BBCtti himan.
Tarkaanfiin kun baqattoonni Ertiraa bakka baay'inaan jiraatan, magaalaa guddoo Masirii, Kaayiroo, keessaa baafamuun manneen hidhaa keessa akka turan erga dirqamsiifamanii booda ta'uu lammiin Ertiraa Masirii jiraatu Adil (maqaan jijjiirameera) BBCtti hime.
Lammiileen Ertiraa kaan ammoo baqattoota kunneen baasuu ilaalchisee duula eegalame akkaan yaaddessaa kan godhu, dubartootaa fi baqattoota eeyyama qabanirrattillee xiyyeeffachuusaati jedhan.
Gariin iddoo hojiitii akka qabamanfaa Adil BBCtti hime.
Adil akka jedhutti dubartiin tokko bakka hojiisheetii qabamtee daa'imashee dhiistee hidhamteetti.
Daa'imi ishee yeroof erga hiriyoota ishee bira turee booda haati kun Masirii keessaa ari'amuu dandeessi sodaa jedhuun hiriyoonni ishee daa'ima mana hidhaatti geessan.
Garuu, poolisoonni walagarsiisuu waan didaniif yeroo ammaa haati kuniifi daa'imi adda adda ba'anii jiraachuu hime Adil.
Baqattoonni BBC Afaan Tigireetti dubbatan akka jedhanitti baqattoonni Ertiraa hedduun ji'a tokkoo hanga ji'a sadii erga hidhamanii booda gara Ertiraatti kan deebifaman karaa imbaasii Ertiraati.
Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma
Asiin seenaa
End of podcast promotion
Baqattoonni Ertiraa, keessattuu kanneen waggaa dheeraaf Masirii keessa turan, rakkoo hamaaf saaxilamuu dubbatan.
Hidhaa fi tarkaanfiin biyyaa ari'uu ammoo waggoota lamaan darban keessa hammaachuu ibsan.
Sodaa nageenyaaf jecha maqaasaa jijjiiruun kan itti fayyadamne baqataan Ertiraa Shaamdihaan jedhamu waggoota dheeraaf Masirii keessa jiraate.
Keessattuu rakkoo Sudaanitti mudate booda baqattoonni hedduun gara Masirii seenuun rakkoo duraan ture daran hammeesse jedha.
''Kanaan dura eeyyama baqattootaan walqabatee hidhaa fi biyyaa ari'amuun tureera. Kan ammaa jijjiirama diinagdee fi sharafaa biyyattii keessatti mudateen walqabata.''
Shaamdihaan akka jedhutti paawondiin Masirii ji'oota sadan darban akkaataan itti gara doolaara Ameerikaatti sharafamu akkaan dabaleera. Mootummaanis gabaa sababa kanatti daddaaqame to'achuuf jecha lammiilee Ertiraa fi Sudaan sharafa maallaqaa irra hojjetan adamsuu eegale jedha.
Gatiin maallaqa Masirii akkaan gadi bu'uun gatiin meeshaalee bu'uuraa fi kiraa manaa baayyee akka dabalu taasiseera.
Sababa kanatti lammiileen Masirii baayyee mufachuurraa kan ka'e ka'umsi rakkoo kanaa lakkoofsi baqattootaa biyyasaaniitti heddummaachuu akka ta'e dubbachuu eegalan.
Baqattoonni Ertiraa akka jedhanitti yeroo garii lammiileen Masirii kufaatii diinagdeen mufatan miidhaa geessisu.
Lammiileen Masirii akkaataa uffannaa, dhugaatii alkoolii fi hookkara kaasuudhaan baqattoota Ertiraa himatu.
Yeroo tahe lammiilee Masriifi Ertiraa gidduu gareedhaan wal-lolanii ture. Dhimma kanarrtti embaasiin Ertiraa Kaayiroo jiru gidduu seenee humna nageenyaa biyyattii waliin waliigaltee uumuu baqattoonni ni yaadatu.
Yeroo ammaa kana baqattoota Ertiraa Masrii irraa dirqamaan biyya isaaniitti deebisuufi tarkaanfiiwwan biroo lammiillee Ertiraa irratti yaaddoo uumeera. Kunis beekamtii embaasii Ertiraa achi jiruun akka adeemsifamu Adiil dubbateera.
Ji'oota darban keessa yoo xiqqaate lammiileen Ertiraa 150 tahan Masrii irraa kan arii'aman yoo tahu, kunis baqattoota biyyattii keessa jiran keessaa lakkoofsa guddaa tahuu himeera.
Lammiilee Ertiraa arii'uun kuni kan raawwatu erga embaasii isaan dhaqatanii booda yoo tahu, gara biyya isaaniitti deebi'uu dirqamaan akka fudhatan akka taasifamaniifi kanneen deebi'uu hin barbaanne ammoo murtii tokko malee mana hidhaa akka turan taasifamu jechuun lammiileen Ertiraa kunneen haala jiru dubbatu.
Haa tahu malee embaasichi waraqaa eeyyana baqataa kanneen qaban gara biyya isaanii akka deebi'an akka hin dirqamsiifne himaniiru.
BBC Tigrinyaa embaasii Ertiraa Masrii jiru dubbisuuf yaaliin taasise hin milkoofne.
Lammiileen Ertiraa Masrii irraa arii'aman gara biyya isaanii yeroo deebi'an rakkoon kan isaan hin mudanne yoo tahu, baayyeen isaanii garuu kara Sudaan ykn Itoophiyaa deebi'anii baqaaf akka saaxilaman dubbataniiru.
Masriin baqattoota biyyaa baasuun waan haaraa dalagde tahuu baatus, kanaan dura karaa UN dhaan abukaatoon isaaniif dhaabbatee kara mana murtii furmaata argatu ture. Amma garuu ''kan nu dhagahu hin jiru,'' jechuun hadheeffatu baqattoonni.
Haalli mana hidhaa jiru rakkisaa akka tahe kan himan baqattoonni kunneen baqattoota gaafachuufi deeggarsa kennuuf poolisiifi qondaalota mootummaaf matta'aa kennuun barbaachisaa tahuu ibsaniiru.
Hariiroon Masriifi Ertiraa haala gaariirra kan jiru yoo tahu hogganooti biyyoota lamaanii yeroo gargaraatti ifatti wal arganiiru.












