Wanti Pir. Isaayaas ji'a lama keessatti biyyoota sadiitti isaan imalchiise maali?

Pirezidant Isaayyaas Sa'udi Arabiyaa keessatti

Madda suuraa, @hawelti

Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Isaayyaas Sa'udi Arabiyaa keessatti

Itoophiyaa waliin wal himachaa kan jiran Pirezidantiin Ertiraa Isaayyaas Afawarqii baatii lama keessatti daawwannaa yeroo sadaffaaf biyyaa bahaniiru.

Pirezidant Isaayyaas Ministirri Muummee Abiy Ahimad gara aangootti dhufuu hordofee irra deddeebiin gara Itoophiyaa imalaa turan.

Amma garuu dugdaafi garaa waliin erga ta'anii fuula isaanii gara biyyoota kaanitti garagalchaniiru.

Imallii Pirezidant Isaayyaas tibbanaa gara Sa'udi Arabiyaa taasisan marii dhimma biyyoota lamaanirra kan darbe dhimma maal irratti akka xiyyeeffate hin ibsamne.

Haa ta'u malee, michuu Ertiraas akkasumas kan Itoophiyaas kan taate Sa'udiin muddama biyyoota lamaan gidduu jiruurrati dhiibbaa ofii qabaaachuu malti.

Waliigaltee MM Abiy fi Pirezidant Isaayyaas gidduu Sa'udiitiin mallattaa'e kan eeran xiinxalaan Gaanfa Afrikaa Abdurrahimaan Sa'id Abu Hashim tilmaama isaanii kaa'u.

Hariiroo biyyoota lamaanii laafe karaatti fooyya'uu danda'uurratti ''carraan yoo jiraate'' hubachuu danda'u jedhu.

Itoophiyaafi Ertiraan keessumaa erga Ministirri Muummee Abiy Ahimad aangootti dhufanii booda hariiroon isaanii cimee ture.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Ta'us, booda keessa keessumaa waliigaltee waraana Kaaba Itoophiyaa dhaabe booda garuu hariiroon isaanii laafeera.

Addattimmoo Ministirri Muummee Abiy Ahmed ija isaanii galaana diimaa irratti buufachuun Ertiraa hin gammachiifne.

Inumaa dhimmichi muddama uumee biyyoonni lamaan waraana seenuu malu yaaddoo jedhu uumeera.

Naannichatti dhiibbaa qaban cimsuuf qaamolee garagaraa waliin michummaa isaanii cimsuuf morkii keessa kan jiran Sa'udiifi Yunaayitid Arab Emiireet, daawwannaa Pirezidant Isaayyaasiif sababa ta'uu akka malu Abdurraahimaan dubbatu.

Pirezidant Isaayyaas ji'oota muraasa darban biyyoota Giddugala Bahaa Yaman ala jiran waliin daawwannaan cimsan fedhiin ulaa galaana Diimaa Itoophiyaa cimaa dhufee waliin wal simata jedhu.

''Haalli kuni naannichatti yaaddoo waan uumeef dubbachuufis ta'uu danda'a,'' jechuunis tilmaama isaanii ibsu Abdurrahimaan.

Muddamni Ertiraafi Itoophiyaa gidduu jiru har'aa bor dhohuu danda'a yaaddoon jedhu jira.

Keessumaa muddamni biyyoota lamaan gidduu jiru waggaa kana cimaa dhufeera.

Gara caalu Ertiraa keessaa hammana alatti bahanii imaluu kan hin adeeffanne Pirezidant Isaayyaas, baatiiwwan lamaan darban garuu biyyoota Galaana Diimaa qarqara jiran sadii daawwataniiru.

Biyyoonni kunneenis Masrii, Sudaaniifi Sa'udi Arabiyaa yeroo ta'an, akkuma Ertiraa kallattiinis ta'e kallattiin ala Itoophiyaan Galaana Diimaa irratti qooda akka hin qabaanne warra fedhanidha.

Akkasumas, biyyoonni kuni miseensa Waltajjii Wal ta'insa Galaana Diimaa ejjennoo wal fakkaataa mul'isaniiti.

Odeeffannoon Ministeerri Beeksisaa Ertiraa yeroo yeroon baasan akka agarsiisutti daawwannaan isaan gara biyyoota kanatti taasisan affeerraa biyyoota kanaani.

Pirezidant Isaayyaas daawwannaa isaaniin aangawoota biyyoota kanneen waliin marii taasisuu isaaniiti malee addatti gadi fageenyaan wanti dubbatan hin ibsamu.

Pireezidant Isaayyaas Poort Sudaanitti

Madda suuraa, @hawelti

Ibsa waa'ee suuraa, Pireezidant Isaayyaas Poort Sudaanitti

Kaayyoon maali?

Pirezidant Isaayyaas ALI xumura baatii Sadaasa 30 2018, biyya jabduu Giddugala Bahaafi qarqara Galaana Diimaatti argamtu, Sa'udi Arabiyaatti kan imalan.

Pirezidant Isaayyaas affeerraa Mootii Salmaan Bin Abdulaziiz al Sa'udiin guyyoota afuriif Sa'udii turu jedhame.

Daawwannaa isaaniin dhimmoota waloo, naannichaafi idil-addunyaa akka mari'atan ibsameera.

Akkasumas jilli Pirezidantii Ertiraa Ilma Mootii Sa'udii akkasumas Ministira Muummee Sa'udii kan ta'an Mohaammad Bin Salmaan akka dubbisan eegama.

Gabaasonni dhihoo bahan Sa'udi Arabiyaan gaaffii buufata Asab Itoophiyaan naaf mala jettee kaafturratti akka invasti tolchitu Ertiraan gaafachuun ishee ibsu.

Dinagdee ishee boba'arra hirkateen alatti dameewwan kaan irratti bobba'aa kan jirtu Sa'udiinis Galaana Diimaatti dhiibbaa ishee guddisuuf Asab irratti fedhii akka qabdu ibsama.

Tarii, daawwannaa Pirezidant Isaayyaas kanatti gama biyyoota lamaanii Asab irratti mari'achuun waliigalteen mallattaa'uu danda'a.

Yoo kuni hojiirra oole Sa'udiinis gaaffii Itoophiyaan gaafachaa jirtu irratti harka sensisuu dandeessi jechuudha.

Gara Poort Sudaan

Pirezidant Isaayyaas ALII Sadaasa 19, 2018 waamicha Ajajaa Waraanaa Sudaan Janaraal Abdal Fattaah al Burhaaniin dhufe jedhameen Sudaan daawwataniiru.

Humna Addaa Sudaan Janaraal Hamdaan Dagaaloon hoogganamu waliin lola keessa kan jiran al-Burhaan, Pirezidant Isaayyaasiin kan simatan haleellaa baqachuun bakka buufata isaanii godhatan Port Sudaan keessadha.

Janaraal al-Burhaan sababa ijaarsa Hidha Haaromsa Itoophiyaatiin Itoophiyaa mormanii Masrii waliin dhaabatanii jiru.

Humna Addaa Sudaan kan deeggarti jedhamtee himatamtu Yunaayitid Arab Emireet waliin Itoophiyaan hariiroo cimaa waan qabduufis gammachuu hin qaban.

Dureewwan Sudaan waliin michummaa bara dheeraa kan qabdu Ertiraan garee al-Burhaan ifatti deeggarti.

Pirezidant Isaayyaas fi jilli isaanii haleellaa diroonii Humna Addaa Sudaaniin irra deddeebiin rukutamaa kan jirtu Poort Sudaanitti kan imalan konkolaataa akka ta'e ibsameera.

Daawwannaa isaanii kanaan qaamolee lamaan gidduu dhimmoota waloorratti mari'achuu malee gadi fageenyaan wanti ibsame hin jiru.

Haa ta'u malee, bakkeewwan Sudaan caalaattii to'achaa kan jiru waa'ee Humna Addaa Sudaan ajandaa isaanii tokko akka ta'u ni amanama.

Dhimmoonni naannichaa kaanis ajandaa isaanii keessaa tokko akka ta'an yaadama.

Pirezidant Isaayyaas Masriitti
Ibsa waa'ee suuraa, Pirezidant Isaayyaas Masriitti

Gara Kaayiroo

Pirezidant Isaayyaas hariiroo Ertiraan Itoophiyaa waliin qabdu erga laafe booda sababa Hidha Abbayyaan Itoophiyaa waliin dhibdee kan qabdu Masrii waliin hariiroo isaanii cimsaniiru.

Irra deddeebiin gara Masrii imaluu isaaniin alatti Pirezidant al-Siisiinis gara Asmaraa deemanii Somaaliyaa dabalachuun tumsa farra Itoophiyaa ijaaraniis turan.

Ji'a lama kana keessattis Pirezidant Isaayyaas guyyoota shaniif Masrii keessa daawwannaa taasisaniiru.

Daawwannaan isaanii kunis ALI Onk. 21, 2018 taasifame.

Isaan waliin Ministirri Dhimma Alaa isaaniis turan.

Dureewwan lamaan dhimmoota waloo, naannichaafi idil-addunyaa mari'achuun isaanii ibsamees ture.

Ministirri odeeffannoo Ertiraa dureewwan lamaan ''marii bal'aa'' taasisuu ibsanii turan.

Pirezidant Isaayyaas eebba muuziyeemii biyyaalessaa Masrii irrattis hirmaataniiru.

Masriin ''birmadummaafi daangaa tookkummaa'' Ertiraa akka deeggartu Kaayirootti yeroo mari'atan kan al-Siisiin dubbatan.

Yeroo muddamni Itoophiyaafi Masrii gidduu hammaate jirutti masaanuun Itoophiyaa Masriin Ertiraa bira akka dhaabbattu beeksisuun ishee ni yaadatama.