'Haadha warraa, kabaja dhabeera, maaltu naaf hafe?': Shakkamee waggaa 39 booda bilisa ta'un mirkanaa'e

Jaageshwar Praasaad Avadhiya, maanguddoo lammii Indiyaa mana keessa taa'anii jiran.

Madda suuraa, Alok Putul/BBC

Magaalaa xiqqoo Indiyaa qilleensa qabbanaa'aa qabdu Raapuur keessa manni dulloomaan tokko ni mul'ata. Innis kan maanguddoo umuriin waggaa 84, Jaageshwaar Pisaasaad Avaadhiyaati.

Maanguddoon kunis yakka ittiin himataman irraa waggaa 39 booda tibbana bilisa jedhaman.

Aab Avaadhiyaan Dhaabbata Geejiba Daandii Mootummaa kan bulchiinsa Maadhyaa Piraadesh keessa hojjetaa turan. Bara 1986tti malaammaltummaa doolaara 8 ykn Birrii Itoophiyaa ammaan 1,232 fudhachuun himataman.

Maallaqichi xiqqaa fakkaata, garuu himatamaa kana gatii hedduu baasise. Erga waggootaaf sodaa hidhamuutiin jiraatanii booda, bara kana baatii Onkololeessaa keessa bilisa ta'unsaa mana murtiin labsame. Ta'us miira gammachu hin qaban.

''Murteen kun anaaf amma hiikaa hin qabu. Hojiikoo dhabeera. Hawaasni dugda natti garagalcheera. Ijoolleekoo barsiisuu hin dandeenye. Akka fudhan ykn heeruman gargaaru hin dandeenye. Firoonnis narraa hafaniiru. Haatii warraakoo hanqina wallaansaatiin duuteetti. Namni kana hunda naaf deebiisu jiraa amma?''

Sirni haqa Indiyaa himannaa haarkisuufi wal xaxaa ta'usaatiin hamaadha. Kanaan dura ministeerri haqa biyyatti himannaawwan miiliyoona 52 biyyattii guutuutti manneen murtiin qabamanii akka jiran himan.

Aab Avaadhiyaan mana saanii keessa taa'anii

Madda suuraa, Alok Putul/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Aab Avaadhiyaan dhaabbata isaan mindeesseen himamtamu dubbatan

Galmeen mana murtii maanguddoon kun wayita dhaabbata geejibaa keessa akka gargaaraa kanfaltii ta'un hojjataniitti malaamaltummaa fudhachuun himatamanii garee farra malaamaltummaan hidhamu agarsiisa.

"Hojjetaan tokko kaffaltii isaa hin kaffalamiineef akka herrega qopheessuuf na qunname," jedhu Aab Avaadhiyaan.

"Anis faayilli kun qajeelfama barreeffamaa qondaala olaanaa irraa erga naa kennameen booda qofa akka na bira gahu, sana booda ani ammoo akkan kaffaltii qopheessuuf danda'u itti hime. Kana booda hojjetaan kun ruuppii 20n malaammaltummaa naaf kennuuf yaale. Kana irratti mufannaa koo ibsee lammata gara waajjiraatti akka hin dhufne gaafadhe."

Hojjetaan kunis waanan isa dideef akka natti mufate kan dubbate yoo ta'u, taatee kanaan booda guyyoota muraasa booda "osoo waajjira keessaa ba'u hojjetaan sun na duubaan ol bahee waan tokko kiisiikoo keessa kaa'e" jedha.

Waan ta'aa jiru osoo hin hubatin duras poolisoonni uffata idilee uffatan isa qabanii malaammaltummaa fudhachuu isaatiin to'annoo jala oolee itti himan.

Haqaaf imala dheeraa

Ilma Aab Avaadhiyaa, Neeraaj

Madda suuraa, Alok Putul/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Himannaan malaamaltummaa Aab Avaadhiyaa mudateen ijoolleen isaa arfanu (Neeraaj kan suraaratti mul'atu dabalatee) mana barnootaa adda dhaabuuf dirqaman
Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Aab Avaadhiyaan, guyyaan sun guyyaa jalqaba lola dheeraa haqaafi adabbii isa qofaafi maatii isaa hunda mudatee akka eegale dubbatan.

Hanga bara 1988tti waggoota lamaaf dabalataan hin himatamnee, bara 1988 hanga 1994tti ammoo hojii irraa dhorkame.

Sana booda ammoo Raayipur irraa gara Rewaatti kan gara kaabaatti gara Km 460 fagaatuutti, haadha warraafi ijoollee isaa afur irraa faggeefamuun jijjirame, mindaan isaas walakkaan hir'ate.

Yeroo sanatti, guddina sadarkaas ta'e daballi mindaa tokkollee akka hin arganne dubbatan. Ijoolleen isaas waluma jalaan hundisaanii barnoota addaan kutuuf dirqaman.

Ilmisaa quxisuun Neeraaj yeroo sanatti umuriin isaa waggaa 13 kan ture yoo ta'u, amma umuriin isaa waggaa 52dha. Ijoollummaa isaa akka jalaa fudhatameetti yaada.

"Yeroo sanatti hiika malaammaltummaatu hin beeku ture, garuu namoonni: 'Ilma nama malaammaltummaa fudhatuuti' jedhu turan," jechuun BBC'tti hime.

Imimmaan ijasaa irraa haxaawwachaa akkas jedhe: "Ijoolleen natti qoosu turan. Mana barumsaatti hiriyyaa argachuu hin dandeenye, ollaa fi firoottan nurraa adda citan. Sababiin kaffaluu dadhabuuf yeroo hedduu mana barumsaatii ari'ameera."

Malaammaltummaan tajaajila mootummaa argachuuf Hinditti bal'inaan raawwatama: fakkeenyaaf, namoonni ibsaa, ragaa dhalootaa ykn hojii mootummaa argachuuf malaammaltummaa kaffaluuf dirqamu. Garuu qondaaltonnii fi namoonni siyaasaa himannaa akkasiitiin yakkamaa ta'an baay'ee muraasadha.

Haati warraa Aab Avaadhiyaa Induunis, salphina hawaasummaa ishee mudataa ture, dhumarratti bara 1997tti dhukkuba onneetiin duute.

''Haatii warraakoo sababii baayyee yaaddooftuuf duute'' jedhu maanguddoon kun. ''Sababiin ani hojiirraa harii'ameefi himannaa malaamaltummaatiin dhiphina keessa seentee turte yeroo dheeraaf. Akkan haalaan hin yaalchiifne maallaqa gahaa hin qabuun ture. Guyyaa isheen duute mataasaa awwaalchaaf maallaqa hin qabuun ture. Hiriyaatu birrii naaf kenne sirna awwaalchaatiif.'

Qabsoo maqaa qulleessuu

Avaadhiyaan taa'anii gaazeexaa dubbisaa osoo jiranii

Madda suuraa, Alok Putul/BBC

Ibsa waa'ee suuraa, Aab Avaadhiyaan haqni argammeera garuu yeroo bade deebiisanii akka hin arganne dubbatu

Bara 2004tti manni murtii tokko Aab Avaadhiyaan yakkamaadha jechuun murteessee hidhaa waggaa tokkoo fi addabbii maallaqa ruuppii 1,000 akka adabamu murteesse (garuu ragooleen hundi yaadasaanii kaasanii ture).

Mana murtii olaanaa kutaa biyya Chhattisgarh dhaqee akka hin hidhamneef himannaan akka addaan citu taasise, garuu dhimmichi harkifachuu itti fufe.

Maatiisaa jiraachisuuf jecha hojii adda addaa hojjataa turan. Yeroo tokko bakka bu'aa imala, yeroo kaan immoo konkolaachisaa atobusii ta'ee hojjetaa ture. Umurii dullumaa isaattillee guyyaatti sa'aatii saddeet hanga 10 hojjeataa ture.

Himannaan dolaara 8 kunis gara guyyoota 14,000f mana hidhaa ijaan hin mulʼanne keessa isa tursiseera.

Manni murtii olaanaatiis bara 2004 hanga 2025tti dhimmicha kan ilaale yoo ta'u, yeroo sanatti ragaa qorataa, jecha ragaa dhaga'aa fi falmii seeraa gama lachuu ilaalaa ture.

Bara 2025 dhimmi abbaa alangaa badiin kun hin mirkanoofne jechuun Aab Avaadhiyaa bilisa baase.

"Haqni argameera, garuu yeroon hin deebi'u. Haati warra koo hin deebitu, ijoollummaan ijoolleekoo hin deebi'u," jedhu Aab Avaadhiyaa.

Abbootiin seeraa amma beenyaa argachuu danda'uu fi dhiisuu isaa ilaalaa jiru.

Aab Avaadhiyaan mootummaan soorama isaa fi galii inni hojiisaa irraa dhabe akka isaaf kaffalu barbaadu, garuufalmii biraa eegaluu akka hin barbaanne dubbata.

"Manni murtii olaanaa akkan qulqulluu ta'e naaf labseera" jedha gaddaafi dhukkubbii guddaadhaan.

"Garuu ragaan mana murtii irraa argame kun rakkoo guddaa aniifi maatiikoo guutuu waliin waggoota 39f baadheen yoo wal bira qabamee ilaalamu baay'ee xiqqaadha."