'Qarshiif itti heerumte'- Misirroo sababa biftisaa gurraacha ta'eef arrabsame

Rishaab Raajpuut and Sonaalii Chooksii

Rishaab Raajpuut and Sonaalii Chooksii waggaa 11 dura kooleejitti wal arganii, wal jaalatan. Baatii darbe ammoo wal-fuudhan.

Suuraaleefi viidiyoowwan cidhasaaniirraa qoodaman gidduugala Hindii bulchiinsa Maadyaa Piraadeesh keessatti yeroo jarri sirna aadaa garagaraa yeroo raawwatan agarsiisu.

Tahus gammachuu isaanii yeroo miidiyaa hawaasaa irratti qoodan baga gammaddaniidhaan hin dhaabbanne. Bifti misirrichaa ''qoosaa fi meme'' keessummeesse.

Hindii keessatti nama bifa diimaa qabu caalsifachuun dhimma baramaa galmaa'ee jiru yoo tahu yeroo gariin miidhaa qabaachuus mala.

Misirrichi onlaayinii irratti ''sababa bifa gurraacha qabuuf,'' akka qaana'u taasifameera.

Ergaan aarsuufi qoccollaan misirrittiifis hin hille ''qarshiif isatti heerumte'' ishee jedhan.

''Dirqamteeti malee...'' jechuun barreesse tokko. Kaan ammoo ''abbaa warraa akkasii wajjin gammadduu hin taatu.'' Kanneen kaanis ''qabeenyaafi hojii mootummaa argachuuf jetteeti,'' jedhan. Yaadni biraa miidiyaa hawaasaa irratti kenname ''abbaansaa ministeera mootummaa tahuu hin oolu,'' fa'i jedha.

Jarri Sadaasa 23 erga wal-fuudhanii as sababa qeeqaan itti duulameef viidiyoon isaanii baayyee ilaalame. Miidiyaaleen biyya keessaa torbee lamaan darbaniif barbaadanii af-gaaffii taasisaafi turan.

''Namoonni qoosaafi meme barreessaa turan, waanuma sirrii hin taane akka tahettiin hubadhe,'' jedhe Raajpuut BBC Hindiitti yoo dubbatu.

''Yeroo gammachuu keenyaa waggaa dheeraaf eegne dha. Waan gammachuudha tahuu qaba ture, yeroon waan namoonni barreessan argu garuu baayyeen nahe,'' jedhe.

''Waggoota dheeraa waliin turreen namni bifti koo gurraacha gatii taheef jaalalaaf walii hin taatannamni nuun jedhee beeku hin jiru,'' jedhe.

Skip podcast promotion and continue reading
Chaanaalii WhatsApp BBC Afaan Oromoo

Oduufi xiinxala kallattiin bilbila keessan irratti argachuuf ammuma

Asiin seenaa

End of podcast promotion

Koomantiin jibbisiisaa kun misirroota hojii dhaabbata dhuunfaa keessatti hojjetan kana rifachiise.

Sonaaliin dhimmi kuni akka ishee 'yaaddeesse' himuun, ''namni akkasitti nu ilaalaa? Isaatiin waan jibbisiisaa yeroo isa jedhan, anaanis qarshiif jetteeti yoo naan jedhan nan aara,'' jette.

Raajpuut deebii miidiyaa hawaasaa irratti kenneen, ''isini gaddisiisuu koof dhiifama. ani mootummaaf hin hojjedhu, maatii koof garuu dhama'een hojjedha, jireenya gaariifi kabajamaa isaaniif kennuuf,'' jette.

Misirrittiin yeroo inni homaa hin qabne akka isa jaallatte himee, ''kooleejii hamma har'aa hamaafi gaarii keessatti na waliin dhaabbatte. Dubbiin hamaa namootaa homaa natti hin fakkaatu,'' jedhe.

Raajpuut kuni sababa bifa isaatiin yeroo baayyee loogiin irra gahaa akka ture hime.

''Akkaan gogaa gurraacha qabu beeka beeka. Garuu iji haadha warraa koon abbaa warraa gaarii tahuufan yaala, isatu hunda caala. Kanaaf waan hamaa dubbachuun hin barbaachisu,'' jedhe.

Mr Rajput said he pushed back when the trolls began commenting on one of the photos that also had his mother and his and his wife's sisters.

Boodarra arrabsoon haadhasaa biras geenyaan, ''maatii koo arrabsuudhaaf isin eenyuyyuu miti,'' jechuun itti deebise.

Sonaaliin yeroo heerumtu gandi hundi akka isheef baru barbaaddi ture garuu amma waan addunyaan ishee daawwachaa jiru fakkaata.

Raajpuut Hindii keessa uummati harka 70-80 tahu gogaa gurraacha qaba garuu lammiileen Hindii baayyee garuu nama diimaa caalsifatu

Namoota waliin taatani jedhaniif, ''yeroo nu agarstan waan gammachuu hin qabne isinitti fakkaannaa? Waan namni baayyeen hin qabne, nuti waliif jirra,'' jedhe.