Fiilmii waaqa doqdoqqee Indiyaa irratti hundaa’uun hojjetame guddoo milkaa'e

Fiilmichi kahumsa kan godhate mana sagadaa daandii cinaa Jodhpur keessa argamu kana

Madda suuraa, Mint via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Fiilmichi kahumsa kan godhate mana sagadaa daandii cinaa Jodhpur keessa argamu kana

Fiilmiin haaraa seenaa ajaa’ibaa mana waaqeeffannaa waaqa doqdoqqeef ijaarame irratti hundaa’ee hojjatame, feestivaala idil-addunyaa irratti beekamtii argachaa jiraachuu, Faayizal Kaan barreessiteetti.

Mataduree Dug Dug jedhuun, fiilmiin hojjetame kun, seenaa addaa jaarraa tokkoo duraa himudha.

Seenaa namicha doqdoqqee utuu oofuu daandii irratti konkolaataan rukutamedha. Guyyaa itti aanuu doqdoqqeen isaa to’annoo poolisii jala ture haala hin beekamneen daandii namichi du’e irratti mul’ate. Motorri kun buufata poolisiitti deebifamus, irra deddeebiin daandii sana irratti deebi’uu itti fufa.

Gandicha keessatti namootni isa akka nama qulqulluu doqdoqqee isaa ammoo akka waaqaatti ilaaluun bulchiinsa Rajastaan keessatti beekamaa dhufe.

Fiilmiin Afaan Hindiin hojjatamee kun shaakala amantaa adda ta’eenii fi daldala amantiin hojjatamu kan ibsudha.

Haasaa salphaa ta’en fiilmiin himamu kun, taateewwan fi seenaa addaa namootni shakkii malee amantaa isaanii adda ta’etti akka maxxanan taasisu kan himudha.

“Yoo wanta tokko garaakee guutuun amante, siif milkaa’a jedheen amana,” jedha qajeelchaa (direektarri) filmii Dug Dug, Ritwiik Pareek, kan magaalaa guddittii bulchiinsa Rajastaan, Jaayipuur kan dhalate.

Fiilmiin dheerina daqiiqa 107 qabu kun, ji’a darbe Feestivaala Filmii Idil-Addunyaa Torontoo 40ffaa irratti kan eebbifame yoo ta’u, seenaan isaa mana waaqeffannaa Paalii keessa jiru irratti kan hundeeffamedha.

Namoonni gariin motorri kun humna adda tahe qaba jedhanii itti amanu

Madda suuraa, Mint via Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Namoonni gariin motorri kun humna adda tahe qaba jedhanii itti amanu

Mana waaqeeffannaa kana keessa waaqni jiru, doqdoqqee ol kaafamee kaa’amedha.

Doqdoqqeen kun kan namicha Oom Siing Ratoor jedhamuu kan ture yoo ta’u, Oom gara waggaa 30 dura daandii Joodpuurraa irra gara magaalaa Jeeypuur geessu irratti balaan uumameen du’e.

Manni waaqeeffannaa “Bulleet Babaa” jedhamuun beekamu kun, konkolaachistoonni hedduun daandii isaanii dheeraa irratti akka isaan eeguuf jecha kadhata isaani bakka itti gaggeessanidha.

“Indiyaa keessatti manneen waaqeeffanna hedduu qabna, inni tokko isa kaan caalaa adda kan ta’eedha,” jedha Pareek, kan waggaa ja’a dura hojii isaa idilee Mumbaayi keessa ture dhiisee, fiilmii hojjachuu eegale.

Magaalaa Booliwood keessatti beekamu Mumbaayi dhiisee, gara mana isaa Jaayipuuritti deebi’e.

Guyyaa tokko utuu kitaaba The God Delusion jedhamu, kan Richaard Doowkins barreessee fi waa’ee amantii ofii xinxaluu jedhu yemmuu dubbisu, waa’ee waaqa doqdoqqee Joodpuur keessa jiruu yaadate.

“Yaadnii fiilmii Dug Dug achitti dhalate,” jedha. Sana booda ji’oota shaniif qorannoo gaggeessuuf Pareek gara mana waaqeffannaa “Bullet Baba” fi biroo Raajastaan keessa jiranitti imale.

Erga fiilmii isaa barreesee booda, Pareek kanneen taatoo ta’an barbaaduuf namoota 100 ol dorgomiisee ture. Hedduun isaani taatoo gandoota naannaa Ramgaar jiran keessa jiraatan turani.

“Indiyaa keessatti, namni hundi seenaa waa’ee ajaa’iba uumame wayii ijoollummatti dhaga’an qabu,” jetti obboleettiin Pareek fi qopheessituun filmichaa Pireerna Ritwiik.

“Filmiichi eenyuttiyyuu kan ga’isu miti, amantiin hagam cimaa akka ta’e kan mul'isudha,” jedha fiilmichaaf muuziqaa kan qindeesse Rohaan Rajadyaakshaa.

Filmichii fi namootni fiilmicha hojjatan amma feestivaala idil-addunyaa kan biraa irratti agarsiisa argachuuf eegaa jiru.

“Aadaan hundi wanta aadaa kan biraatti waan addaa fakkaatu of keessaa qaba,” jedha Piitar Kupwooskii, kan feestivaala Torontoo irratti fiilmiin Dug Dug akka agarsiifamuuf filate.

Fiilmii kanas kan filate seenaa addunyaa adda ta’anii fi hawwatoo ta’an waggaa waggaan dhiyeessu keessaa tokko akka ta’uufi.