Atileetiksii: Namoonni maaliif Maraatoonii fiigu?

Namoota maraatoonii fiigan

Olompiikii yeroo jalqabaatiif Ateensitti bara 1896 adeemsifame irratti atileetota 17 qofatu hirmaate ture.

Ergasii as garuu dorgommiin fiigicha maraatoonii akkuma itti fufetti jira. Yeroo sana atileetiin maraatoonii fiigee injifate fageenyicha 2:58:50tti xumure. Haala ammaa waajjin yeroo ilaalamu sa'aatiin kun sa'aatii atileetiin reefu fiigicha jalqabu tokko itti xumurudha.

Sa'aatii saffisaa amma atileetonni fiigicha kana ittiin xumuran irraas garaagarummaa sa'aatii tokkotti dhihaatu kan qabudha.

Barreeffama kanaan fiigicha dheeraa maraatoonii fiiguun faayidaa fayyaa fi xiinsammuu akkamii akka qabaatu ilaalla.

Maraatoonii fiiguun faayidaalee akkamii qaba? Maalif daran beekamahoo ta'e?

Karoora meedaaliyaa Warqee ittiin injifachuu yookan galmee seenaa ispooortii irratti fiigicha Kanaan maqaa isaanii galmeessisuu yaada kan hin qabne namoonni tokko tokko maaliif fiigicha kana fiiguu akka jaalatan waan namaaf hin galledha.

Fiigichi maraatoonii kun ammoo cichoominaa fi dadhabii jabaa, anniisaa fi dafqa guddaa kan nama gaafatudha.

Faallaa kanaa US keessatti erga bara 1980 fedhiin namootni fiigicha maraatoonii irratti hirmaachuuf qaban harka 255'n guddateera.

Dorgommii maraatoonii London Yeroo darbe gaggeeffameefilleen namoota kuma 50 hirmaataniif jecha kan galmaa'ee ture gara namoota Ruubii miliyoonaati.

Bara 2018 namootni fiigicha maraatoonii fiiganii xumuran namoota 1,298,725 tti tilmaamama.

Sababni ifa galaan kan namoonni Fiigicha maraatoonii jaalataniif fayyummaa qaamaa fi sammuu inni qabuuf jecha. Ta'ulleen namoonni hedduun ammoo shaakala gahaa gochuu dhiisuudhaan miidhaa fayyaa irratti fidu ni yaadda'u.

Faagichaan jabaan inni qabu yoo sirnaan shaakala godhan furdina garmalee ofirraa ittisuuf baayyee gaariidha.

Furdina Hir'isuu fi fayyaa Onnee fi dhiigaa (Cardovascular) tiif faayidaan Maraatoniin qabu haalan kan beekaman ta'anis Qorattoonni ammoo faayidaalee dabalataa ifoomsaa jiru.

Isaan keessaa tokko Maraatoonii fiiguun ujummoowwan dhiiga deddeebisan dafanii akk ahin dulloomne yookan umriisaanii dheeressa kan jedhudha.

Qorannoon Yunvarsiitii Augsburg ammoo Maraatoonii fiiguun fayyaa ijaatiifilleen faayidaa guddoo akka qabu akeeke.

Dadammaqiinsi Xinsammuu inni kennuhoo maali kan jedhu atileetonni yaadota gara garaa kennu.

Matt Huff, Newyork tti barreessaan 'Marathoners' akkas jedha,"miira injifachuu yeroo sarara xumuraa kuttu sitti dhagahamu suni akkan deebi'ee fiiguuf waan nakakaasudha.miira addaa kan Ispoortii kaanirraa hin arganneetu namatti dhagahama."

"Sababni isaas yeroo fi anniisaan ati maraatoonii tokkorratti fixxu kan tapha kubbaa miilaa yookan Teenisaa kan caaludha. Humna qabdu hunda hamma fixaattutti maraatoonii xumuruf fiiguun gaaffii nama dhibudha," jedha.

Dubartii miidhaa qaamaa qabdu fiigaa jirtu

Atileetota kaaniif ammoo daangaa qaamni keenya kaa'u bira darbanii fiiguunuu dandeettii ofii akka qoruuti.

Lammiin Jarmanii Tom Eller fiigaa maraatoonii yoo ta'u yeroo dhalatu irraa miira dhageettii hin qabu. dorgommiiwwan maraatoonii 11 fiigeera. bara 2019 Maraatoonii Barliin Irratti 2:47:11 fiiguun atileetii gurraan hin dhageenye saffisaa Jarmanii ta'eera.

Eller namoota gurraan hin dhageenyee fi qaro dhabeeyyii kan barsiisu yoo ta'u "jireenya kiyya kan rakkoo gurraan dhagahuu qabu kana dirreewwan fiigichaa addunyaa adda irratti fiiguudhaan namni qaama miidhamaa ta'e milkaa'uu akka danda'un agarsiise" jedha.

Ijoollee xixiqqaa kan dhagahuu fi arguu hin dandeenyeef ani fakkeenya gaariin ta'eefis jedha.

Kailey Bennet Yunvarsiitii Harvaard irraa Fiigichi Maraatoonii rakkoo sirna elektirikaalaa sammuu ishee keessatti ture 'epilepsy" akka wayyeessef himti.

"Jireenyakoo keessatti yeroon baayyee dhukkubsadhee sochii qaamaa kamuu taasisuu hin dandeenyetu ture. kanaafuu maraatoonii fiigee yeroon sarara dhumaa qaxxaamuru milkii kiyyatti hedduun gammada," jetti.

Sababni ijoon isheen fiigicha maraatoonii jaalattuuf kan biraan ammoo aadaa namoota biroo baruuf waan ishee gargaarufi.

"Maraatooniin karaan ittiin addunyaa mil'adhudha. Akkan ani amanutti karaa sirriin ittiin magaala haaraa argitu guyyaa maraatooniiti," jetti.

Qorannoon Akkaadaamii Jabeenya Qaamaa Jerzy Kukuczkatti adeemsifame akka ibsutti ammoo Maraatoonii fiiguun taatee murteessaa jireenya namaatiif bu'aa qabudha. kanaan alattis ilaalcha naamootni gara fuula duraatti karoora isaanii galmaan ga'achuun qabaniifillene kan gumaachudha.

Dubartii fiigaa jirtu

Maraatoonii fiiguun fudhatama hawaasummaa qaban dabaluufilleen akka gumaachutu himama. Kunis Maraatoonii fiiguun dandeettii fayyummaa kan ibsuu fi ciminaa fi dandeettii namaa kan ibsu waan ta'eefi.

Maraatoonii fiiguun kaka'umsa namootaa kan cimsu ta'uun kan beekamu ta'ulleen kaka'umsi kuni garuu saala irratti garaagarummaa kan qabudha.

Qorannoo fiigdotaa Poolaanditti aadeemsifame akka mul'isutti dubartoonni maraatoonii fiiganii xumuran warra dhiiraa caalaa kaka'umsa qabaatu. Dorgomiidhaaf kaka'uuf garuu warra dhiiraatu caala.

Yeroo fageenya dheeraa fiigamu sammuun keenya miira dhukkubbii akka dagatuufilleen nigargaara. Bara 2019 Qorannoon Yuvarsiitii Poolaand tti adeemsifame akka agarsiisutti dhukkubbiin Yeroo Maraatooniin fiigamu namatti dhagahamu kan yeroo da'umsaatiin kan walitti dhihaatuu jedhu.

Dhukkubni lamaanuu erga bira darbameen booda akka salphaatti ilaalamus jedha qorannoon kuni. Sababni ammoo inni maraatoonii fiigu Meedaaliyaatti, deessuun ammoo Daa'imatti dhukkuba waan dagataniifi jedha.

Kuni Maraatoonii irratti fuula walfakkaataa irra deddeebiin akka arginuuf sababa ijoo taa'uus hima.

Si'a 18 maraatoonii kan fiigde Erin McBride, maraatoonii ishee jalqabaa kan fiigde bara 2005 ture. yeroo sana umriinshee waggaa 18. Yeroo sanatti maraatoonii si'a tokko fiigdee dhaabuuf akka turtelleen niyaadatti.

Ta'ulleen ergasii fiigicha maraatoonii kana fiiguu hin dhaabne. Yoo xiqqaate waggaatti si'a tokko nan fiiga jetti.

Atileetiin Liivarpuul Andy Glen ammoo fakkeenya namoota jaalala Fiigicha maraatooniitiin qabamaniitiin akka fakkeenyaatti kan kaafamuudha. Biyyoota 42'tti dorgommiiwwan maraatoonii 176 fiigee xumure.

Amma karoorri isaa lakkoofsa maraatoonii fiigee gara 200'tti biyyoota keessatti fiige ammoo 50 gahuuf ammallee kaayyoo qaba.

"Ergan Maraatoonii kana hunda fiigeen booda 'amma maraatoonii fiiguun siif salphaadha mitii' jedhanii nagaafatu. Deebiinkoo gabaabaadha. Salphaa miti. Maayiliiwwan gara dhumaa jaha ammas akkuman gaafa maraatoonii Fiiguu jalqabuutti ulfaatadha," jedha.