Maraatoonii Landan 2021: Atileet Siisaay Lammaa yoo mo'atu Atileet Mossineet Garramoo lamaffaa baheera

Atileet Siisaay Lammaa

Madda suuraa, Getty Images

Maraatoonii Landon 2021 Dilbata gaggeeffame Atileet Siisaay Lammaa sa'aatii 2:04:01 ta'een ijnjifate.

Atileetiin Keeniyaa Vinsent Kimpchumbaa lamaffaa atileetiin Itoophiyaa biroo Moossineet Garramoo ammoo sadaffaa ba'eera.

Atileetonni Itoophiyaa biroon Birhaanuu Laggasaa 5ffaa yoo bahu, Maraatoonii Landan bara 2020 kan mo'ate Shuraa Qixxaataa ammoo 6ffaa ta'uun xumureera.

"Maraatoonii Landan mo'achuu caalaa gammachun namatti haga'amu hin jiru," jedhe Atileet Siisaay akkuma mo'ateen yaada kenneen.

Milkaa'inni argate kun yeroo dheeraaf kan irratti hojjeteef leenjii dheeraa irratti fuhate akka ta'e hima Atileet Siisaay lammaa.

Dorgommii Maraatoonii dhiirotaa Landan kana mo'achuun Atileet Siisaayiif dogommii taasisaa ture keessatti injifannoo hunda caalu kan isaaf ta'edha.

Akka World Athletics gabaasetti Atileetiin kun bara 2016 irraa kaasee dorgommiiwwan irratti hirmaate hunda irratti yeroodhaa gara yerootti foyya'insa agarsiisuudhaan Maraatonnii Landan kana irratti 1ffaa bahuun injifachuu danda'eera.

Bra 2016 Maraatoonii Landan irratti 7ffaa, bara 2016 Maraatoonii Barliin irratti 4ffaa, bara 2017 Maraatoonii Chikaagoo irratti 4ffaa, bara 2019 Maraatoonii Bostan irratti 30ffaa, bara 2019 Maraatoonii Barliin irratti 3ffaa, bara 2020 Maraatoonii Tookiyoorratti 3ffaa, bara 2020 3ffaa, bara kana 2021 Maraatoonii Landan irratti 1ffaa baheera.

Garee dubartootaatiin ammoo Maraatoonii Landan kana kan mo'atte lammii Keenitaa Atileet Jaasiliin Jeepkosjii jedhamtudha.

Joyciline Jepkosgei

Madda suuraa, Reuters

Atileetiin Keeniyaa kun sa'aatii 2:17:43 ta'een galuun injifatte.

Maraatoonii Landan dubartootaatiin Atleetiin Itoophiyaa Daggituu Azmaraaw lamaffaa ta'uun yoo injifattu, atileetiin Itoophiyaa kan biroo Asheetee Barakat ammoo sadaffaa ta'uun mo'atteetti.

Maraatoonii Landan kunkanan dura ji'a Ebla keessa kan gaggeeffamu ture, amma garuu falmii kaasisus sagantaalee ispoortii saba COVID-19 jijjiirameen Onkoloolessa keessa ta'eera.