Indiyaatti rooba kadhachuuf ijoollee dubaraa qullaa oofan

Madda suuraa, Getty Images
Gidduugala Indiyaatti kadhannaa roobni akka roobuuf taasifamuun ijoolleen dubaraa jaha qullaa akka adeeman taasifameera.
Dhimmi kuni ganda Bundelkhand naannoo Madhya Pradesh jedhamu iddoo hongeen mudatetti raawwate.
Viidiyoowwan miidiyaa hawaasaa irratti gadhiifaman ijoolleen dubaraa kunneen muka loccuun itti hidhame gateettii isaanii irratti baatanii qullaa deemaa akka turan agarsiisa.
Gochaan kuni Waaqa roobaa isa isaan jedhan gammachiisee rooba nuu fida jedhu hordoftoonni amantichaa.
Koomishiniin Eegumsa Mirga Daa’immanii Indiyaa bulchiinsa Damoha dhimma kanarratti gabaasa nan barbaada jedheera.
Poolisiin Madhya Pradesh hamma yoonaa himannaan isaan bira gahuu baatus dhimmicha qulqulleessuuf qorannoo jalqabeera jedheera.
‘’Ijoolleen dubaraa kunneen qullaa akka adeeman taasifameera taanaan tarkaanfiin ni fudhatama,’’ jechuun miidiyaatti himeera poolisiin naannichaa.
Akka viidiyichi agarsiisutti ijoolleen waggaa shanii illee otoo hin hafiin qullaa dubartoota faarfatan biroo waliin adeemaa turan.
Ijoolleen qullaa yaa'an ganda sana keessatti mana nama tokko tokkoo irra deemuun midhaan nyaataa funaanu kunis boodarra mana amantaaf kennama.
‘’Kuni rooba nuu fida,’’ jettii dubartiin sirna kana irratti hirmaaatte.
Qondaalli Damoh S Krishna Chaitanya akka jedhanitti,’’ maatiin ijoollee kana sirna kadhannaaf eeyyama kennaniiruu, ofiiyyuu irratti hirmaataniiru,’’ jedhan.
‘’Haala kanaan bulchiinsichi barmaatileen akkanaa faayidaa akka hin qabneefi bu’aa barbaadame akka hin argamsiisne itti himu qofatu danda’ama,’’ jedhan.
Qonni Indiyaa rooba irratti kan hundaa’e yoo tahu, kanaafis kadhannaan Waaqa roobaaf taasifamu naannoo garaagaraa keessa jira.
Hawaasa kana keessatti rooba roobsuuf kadhannaan ibiddaa jira, loccuu yookiin sirna harree waliin gaa’ela raawwachuu jedhamuun kadhannaan kuni Waaqa roobaaf taasifamaa jechuu dha.
Amantoonni kadhannaan kuni namoota yeroo rakkoo isaan gargaaara yoo jedhan qorattoonni aadaa garuu abdii kutachuurraan kana raawwatu jedhan.














