Namoota Indiyaatti jiraatti du'an: 'Akkuma ekeraatti ija babaasanii na ilaalan'

Paadesar Yaadav

Namni du'e, lafa qabaachuu hin danda'u. Dhimma kanaan Indiyaatti namoonni hedduu du'aniiru jedhamuun galmaa'uun, lafti isaanii irraa mulqameera.

Hedduun isaanis waa gochuu akka hin dandeenye baranii harka maratanii taa'aniiru jechuun gaazexeessituun BBC Chloe Hadjimatheou akkasiin barreessite.

Maanguddoon Paadesar Yaadav jedhaman kun fayyaa guutuu qabu. Tahus garuu waraqaa irratti duutee jirta jedhamanii galmaa'uu wayita dhagahan guddoo nahan.

Jaarsi gannisaanii 80'tti dhiyaachaa jiru kun, erga intallisaaniifi abbaan warraashee du'anii booda, ijoolleessaanii lama guddisuuf dirqaman. Daa'imman kana guddisuuf jecha lafa abbaa isaaniirraa dhaalan gariin gurguran.

Ji'a muraasaan booda bilbilli adda tahe itti bilbilame.

''Namtichi ani lafa itti gurgure naa bilbilee, dhimmikoo mana murtii akka jiru natti hime. Firakoo keessaa tokko namootatti ani akkan du'e itti himuufi namni laficha gurgures nama sobaati jedhee akka haasawu natti hime.''

Maanguddoon kun battaluma kana dhagahanitti bakka amma jiraatan Kolkaataa irraa gara mandara Azamgarh jedhamtu kan kutaa Utaar Piraadesh'tti argamtutti imalan. Wayita achi gahan, namuu isaan arguutti guddoo nahe.

''Akkan ekeraa wayii tahetti ija babaasanii na ilaalan. 'Ati duuteetta! Sirni awwaalcha keetis raawwateera!' naan jedhan.''

Akka Yaadav jedhanitti gurbaa eessuma isaaf tahan kanaan walitti dhiyaatu turan. Gara magaalaa oggaa dhufus isaaniin dubbisa ture. Garuu oggaa laficha gurguruuf yaada akka qaban wayita itti himanitti, isaan dhufee dubbisuu dhiise.

Ergasii akka baranitti gurbaan kun laficha akka dhaaletti fakkeesse. Jennaan maanguddoon kun fuulduratti itti dhiyaatanii haasofsiisan.

'''Nama kana tasumaa argee hin beeku. Eessumni koo du'eera.' jedhe. Baay'een nahe,'' jedhan Aabba Yaadav. ''Anis 'Kunoo ani jira, isin fuuldura dhaabbadhee. Akkamiin na wallaaltan?' ittiin jedhe.''

Maanguddoon kun guyyootaaf erga boo'anii booda, gaddasaanii garaatti qabachuun 'Indiyaatti Waldaa Namoota Jiraatti Du'anii' jedhamu qunnaman.

Lal Bihaari Mritaak uffata asxaa 'Waldaa warra jiraatti du'an' qabu uffatanii
Ibsa waa'ee suuraa, Lal Bihaari Mritaak uffata asxaa 'Waldaa warra jiraatti du'an' qabu uffatanii

Dhaabbanni kun nama ganna 60'moota keessatti argaman Lal Bihaari Mritaak jedhamaniin hoogganama. Namni kun jiraatti du'uuf haaraa miti, jireenyasaanii gara caalu du'aniiru jedhamanii jiraatan.

Bihaariin maatii harka-qalleeyyiirraa dhufan. Barnootas hin seenne, dubbisuufi barreessuullee hin danda'an. Ijoollummaa isaaniirraa qabee warshaa keessa hojjechuu eegalan.

Dargaggummaa keessa warshaa uffataa hundeessan. Tahus garuu daldala itti fufsiisuuf maallaqni isaan barbaachise. Baankiin ammoo liqeessuuf qabeenya wabiin qabatu barbaade.

Kana raawwachiisuuf gara waajjira mootummaa mandarasaanitti argamu dhaqan. Hojjetaan mootummaa achi keessa jiru dokumentii isaanii argeef.

Dokumenticha wajjiinis waraqaa ragaa du'aas wajjumaan argate - ragaa Laal Bihaari'n du'uusaanii mirkaneessu.

Aabba Bihaariin lakkii ani hin duune jedhanis namni isaaniif birmatu hin turre. ''Waraqaa kanarratti duuteetta kan jedhu ifatti taa'eera,'' jedhamuu isaanii yaadatu.

Wayita duutisaanii mootummaa biratti galmaa'u, lafaafi qabeenyi abbaa isaaniirraa dhaalan hunduu maatii eessuma isaanitti cehe.

Haga guyyaa har'aattillee kun dogoggora uumame tahuu yookaan ammoo daba eessumni isaa irratti raawwate tahuun ifa miti jedhu. Sanas tahu kana, jireenyi Bihaarii jeeqame.

Warshaan banan ni cufame, maatiinis rakkoo hamaaf saaxilame. Tahus garuu Aabba Bihaariin taatee kana harka maratanii hin ilaalle. Dhimmisaanii kun kan isaanii qofa akka hin taane baran.

Biyyattii keessatti gochaan akkasii baay'inaan akka gaggeeffamaa jiru hubatan.

Kanaanis dhaabbata 'Association for the Living Dead' jechuunis 'Waldaa warra jiraatti du'an' jedhamu hundeessan.

Akka tilmaama kaa'ame tokkotti, kutaa biyyaa Uttaar Piraadesh keessa qofa namoonni 'jiraatti du'anii' 40,000 tahan jiru. Hedduun isaanis kan hin baranne, hiyyeeyyiifi kutaa hawaasaa (caste) gadaanurraa kan tahanidha.

Laal Bihaari Mritaak (gama mirgaan) 2015tti nama obboleessa isaan du'eera jedhame wayita argatan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Laal Bihaari Mritaak (gama mirgaan) 2015tti nama obboleessa isaan du'eera jedhame wayita argatan

Achis filannoo biyyaalessaarratti galmaa'uun, maqaa nama du'ee waraqaa filannoorratti galmeessan. Kunis hin gahu jechuun, yeroo sadiif nyaata lagachuun qondaaltonni jiraachuusaanii akka beekan qabsaa'an.

Dhumarrattis ijibbaatanii seera cabsan. Akkam jennaan, ilma eessuma isaanii ugguran. Maaliif kana godhan? jechuu maltu.

Namni wayita butamutti poolisiin inuma birmata waan taheef, poolisiin akka to'annoo jala isaan oolchu barbaadan.

Kanaanis yoo poolisiin hidhaa buusa taanaan, jiraachuusaanii mirkaneessa jechuudha - silaa nama du'e danda'anii qabanii hin hidhan. Haatahu malee poolisiin kan dursee beekee, kana keessa lixuu dhiise.

Dhumarrattis Aabba Bihaariin haqa argatan. Garuu maloota haaraa isaan fayyadamanii hinturre garuu - mootummaarraa.

Akkam jennaan, manni murtii dhimma isaanii akka haaraatti ilaaluun, ganna 18 duutee jirta erga jedhamanii booda, amma lubbuun jirta jedhaman.

Aabba Bihaariin jedhanitti waldaasaanii 'Waldaa Namoota Jiraatti Du'anii' jedhamu kanaan namoota biyyattii keessa jiran kumaatamatti lakka'amaniifi dhimmi walfakkaataa isaan mudate qarqaaruu himu.

Hedduun kaan ammoo akka isaanii carraa akka hin arganne dubbatu. Muraasni isaanii baroota dheeraaf yaalanii dadhabnaan of ajjeesaniiru, kaan ammoo otuma qabsaa'anii haqa osoo hinargatin lubbuun isaanii darbeera.

Abukaatoon namoota akkasii hedduuf falme Ani Kumaar, naannoo Azamgarh jedhamtutti namoonni odoo jiranii hinjirtan jedhaman yoo xiqqaate 100 akka tahan ni dubbata.

Dhimmi hunduu gargari jedha. Gaaf kaan dogoggorri hojimaataa ni mudata, gaaf biraa ammoo kanneen hojii mootummaa hojjetan matta'aa nyaachuun waraqaa ragaa du'aa kan sobaa baasu.

Dubbi-himtuun paartii Indiyaa bulchuu Bharatiya Janata Party (BJP) kan taate Shaina NC BBCti akka himteetti, mootummaan ammaa kun malaammaltummaa dhabamsiisuuf hojii guddaa hojjechuu himte.

''Biyya guddaa akka Indiyaa kan keessa taateen muraasni yeroo yeroo yeroon mudachuu danda'a. Garuu harki caalu bulchiinsa gaarii MM Naarendiraa Moodiin sirraa'eera,'' jette.

Erga Laal Bihaari Mritaak lubbuun hinjirtu jedhamanii galmaa'an ganni 45 darbeera. Erga irra deebiin lubbuun jiraachuu mirkaneessan ammoo barkurnee lama darbeera.

Haa tahu malee, har'as waggaa waggaan guyyaa dhalootaa 'irra deebiin itti dhalatan' ni kabaju - keekii guddaas ni muru. Garuu wayita keekichatti albee qabanii wayita muran, kan kaartoonii irraa tolfame malee, keekii dhugaa miti.

Lal Bihaari keekii yoo muran
Ibsa waa'ee suuraa, Lal Bihaari keekii yoo muran

Akka Bihaariin jedhanitti, har'allee namoota kutaa biyyaa garagaraa keessa jiraatanirraa bilbilli isaanii bilbilama. Isaanis akka lubbuun jiran akka mirkaneessuuf qarqaarsa isaanii gaafatu. Tahus ganna 66'tti humna dhabaa akka jiraniifi qabsoo kana dhaabuuf yaadaa jiru.

''Maallaqaafi humna waldicha ittin gaggeessu hinqabu. Namni na harkaa fuudhus hinjiru,'' jedhan.

Yeroo dheeraaf miidiyaan gurguddoon biyyaaleessaa harka-qalleeyyiif akka dhaabbatan abdii godhatanii turan. Mootummaanis kanneen matta'aa fudhatan akka adabu abdii qabu turan, garuu akka hawwii isaanitti hin taane.

Namtichi 'ani lubbuun jira' jechuuf ganna 18 itti fudhate, gaaf tokko isuma dhugaan du'uun isaanii hin oolu - tarii waan falmaa turaniif otoo hin milkeessin darbuu danda'u.

line

Isin seenaa kanaan walfakkaatu qabduu? Yookaan dhageessaniittuu? [email protected] irratti nu qunnamaa