Hindii: Daa’imni baatii lamaa kun maaliif yeroo lama hatamuu danda'e?

Daa’imni erga dhalatee reefu guyyaa lama ta'eefi maatiin isaa hojjattoota humnaa ta’an, Indiyaa bulchiinsa lixaa Gujaraat keessatti si’a tokko miti si’a lama hatameera. Gaazexeessaan BBC Gujaraat, Bargava Pariik kun attamiin akka uumame qorateera.
“Amma ilmakoo ijakoo duraa hin kaasu,” jetti haatii mucaa kanaafi hojjattuu harka qalleeyyii kan taate, magaalaa Gandinagar keessa jiraattu Aaddee Meena Wadii.
Harmeen ganna 25 kun ilmishee ji’a lama keessatti si’a lama jalaa hatamuu isaatiin ammayyuu gadditee jirti.
Rakkoon Meenaa kan eegale, wayita daa’ima kana deessee hospitaalaa gara manatti itti deebiteen guyyaa tokkoon booda gaafa Ebla 1 jechuudha.
Dubartiin, narsii hospitaala isheen itti deesseedha ofiin jettu tokko, mana ishee dhuftee ilmi ishee talaallii fudhachu akka qabu itti himi.
Kanaaf Meenaan ilma ishee qabattee dubartii kana waliin gara hospitaalaatti qajeelte. Dubartiin kun ilma ishee harkaa fuudhuun hanga inni suuraa kaafamutti eegii jetteenii fuutee deemte.
Sa’aatiin hedduun deemulleen garuu dubartiin sun asi hin deebine. Meenaan naasuudhaan mucaashee barbaaduu eegalte. “Boo’ichakoo dhaga’anii eegdonni maal taate jedhanii na gaafatan. Yeroon itti himu, poolisii waaman,” jetti.
Akka gabaasa Ministeera Guddina Daa’immaniifi Dubartootaatti, bara darbe qofaa Hindii keessatti daa’imman 43,000 ol ta’an hatamaniiru ykn achi buuteen isaanii dhabameera.
Gujaraat keessatti waggaa waggaan ijoolleen 3,500 ta’an akka badan gabaasi ni ibsa.
Rogeessonnii mirga daa’immaniif falmanis, maatiiwan harka qalleeyyii daa’imman isaanii baduu yeroo hedduu waan hingabaafneefu baay'inni kanarra guddaa ta’a jedhu.
Meenaa fi abbaan warraa ishee Aab Kanuun garuu hatattamaan poolisiitti gabaasaniiru.
Haala barbaacha turee
“Meenaan waa’ee dubartii kanaa homaa hin beektu, maqaasheeyyu hin beektu. Kana fakkaatti jettee ibsuuyyu hin dandeenye,” jedha qoraataan poolisii Inispeektar HP Zalaa, qorannoo kana hoogganaa ture.
Kanaaf Zalaafi gartuun isaa viidiyoo kameeraawwan naannawa hospitaalicha jiran ilaaluu filatan.
Achirrattis agarsiistuu jalqabaa argatan. Innis dubartii saarii (wandaboo aadaa Indiyaa) ishee jalatti waa dhoksaan baattee daandii guddaa irra darbaa jirtu tokko shakkan. Garuu ammoo daa’ima kana ta’uu adda baasuun ni cima ture.
Erga konkolaachistoota gaarii namaan oofamanii 500 ta’an waliin gaaffii fi deebii taasisanii booda maal akka uumame baran: Dubartiin viidiyoo irratti argamte kun gaarii kanaan fayyadamuun gara ganda biraatti deemte.

Madda suuraa, Getty Images
Namoonni ijaan argan daa’ima baattee arguu isaani himaniiru.
Ammas poolisiin viidiyoo CCTV gandicha jiru ilaaluun, abbootii suuqii waliin gaaffii fi deebii taasisaniin odeeffannoo kana hordofuun bakka dubartiittin argamteetti jedhame ganda biraatti isaan geesse.
Lafa qonnaa garuu kan namni keessa hin jirre tokkotti uffata dubartii fi waraqaa eenyumaa ishee argatanii dukaa bu'uun, bakka jireenya isheetti imalan.
Achi gahaniis dubartiifi mucaa argatan. Garuu mucaan kan Addee Meenaa hinturre.
Dubartiittiinis abbaan warraa ishee dubartii biraa akka fudheefi haatii warraa haaraa tunis waraqaa eenyummaa ishee dabalatee qodaa ishee akka jalaa hatte poolisiitti himte.
Daa’ima ishees ga’eela ishee lammataa irraa kan deesse akka ta’e himte.
“Odeeffannoo isheen nuuf kennite irratti hundaa'uunis abbaa warraa ishee barbaaduu eegallee. Achinis, jaalalleewwan lama daa’ima waliin bakka dubartiin isheen jalqabaa nutti himte keessa akka jiran arganne,” jedha Zalaan.
Qorannoon qaccee sanyii (DNA) taasifameen da’imni kun ilma Aaddee Meenaa kan badee sana akka ta’e barame.
Abbaafi haati warraa kunneenis to’annoo jala oolanis boodarra mirga wabiin gadhiifamaniiru.
Dubartiin kun ilma Meenaa hatuu isheefi sobaan dubartii ishee jalqabaa yakkamtuu fakkeessuu akka yaaluuf jecha uffataafi waraqaa eenyummaa ishee mana namni keessa hinjirreetti gatuu amanteetti.
Dubartiin kunis da’ima garaatti baattee garuu du’aa waan deesseefi abbaan warraa ishee yoo ilma hinkennituf ta’e na dhiisa jettee sodaachuun hanna daa'ima kanaa akka raawwatte himte. Poolisiinis seenaan ishee waan haaraa miti jedha.
“Maatii hedduun intala irra ilma godhachuu barbaadu. Akkuma fedhettuu ilma argachuu barbaadu. Ilaalcha badaa kanaan oofamanii maatiiwwan harka qalleeyyii jalaa ilma hatu,” jedhan qondaalli poolisii duraanii Deepaak Viyaas.
Yaalii hannaa marsaa lammataa
Meenaa fi Kanuun ilma isaanii argachuutti gammadanii turanis garuu gammachuun isaanii yeroo dheeraaf hin turre.
Ji’a lama booda Waxabajjii 9 irratti ammas jalaa hatame.
Yeroo kana Meenaan ilma ishee muka jala raffistee kosii funaanaa turte. Yeroo deebitutti garuu siree xiqqoo sana keessa hin jiru.
Yoo abbaan manaa ishee waliin deebi’anii buufata poolisii bira deeman, deebi'ee isaan argu isaatti akka ajaa’ibsiifame dubbata Zaalaan.
Amma vidiyoon nannichaa yeroo ilaalamu shakkamaan, namicha daa’ima qabatee bishkileeta oofaa turetti isaan baasee.
Poolisiin faana dhawee namicha argatuus garuu kan bishkileeta oofaa ture isa osoo hintaane hirriyyaa isaa kan bulchiinsa Raajaastaan keessa jiraatu akka ta’e itti hime.
Gartuun Zaalaa poolisii Raajaastaan qunnamuun mana namicha yeroo sakkata’an – daa’imichi waliin ture.

Namichi fi haati warraan isaa ofii ijoollee waan hinqabneef ilma Meenaa akka hatan poolisiitti himaniiru, sana boodas to’annoo jala oolan.
“Namtichi mucaa hate kunis abba manaa Meenaa waliin dirree ijaarsaa keessaa hojjataa ture. Waa’ee mucaa isaa yoo dhaga’u jalaa hatuuf karoorfate,” jedha Zaalaan.
Guyyaa afur booda Meenaan ilma ishee deebiteef argatte.
Amma poolisiin yeroodhaa yerootti daa’ima kana deemanii ni daawwattu – Meenaan kennaa fiduun waliin akka taphatan himti.
“Poolisoonni nu caalaa jaallatuun,” jetti. Zaalaanis kana hin haalu: “Ija keenya irraa hin kaafnu” jedha.















