Gabaasa qorannoo daa’imman gurguramanii BBCn hojjate booda Keeniyaatti namoonni sadi to'ataman

Poolisiin Keeniyaa ogeessota fayyaa gameeyyii garee daddabarsa daa’immanii irratti hojjetu ni hogganu jedheen, gabaasa qorannoo BBC’n dhimma hannaafi gurgurtaa daa’immaniirratti baaseen booda to’annoo jala oolcheera.
Gabaasni BBC Africa Eye daa’imman kiliinikoota eeyyama seeraa hin qabneefi hospitaalota mootummaa Naayiroobiirraa akka hataman saaxil-baaseera.
Daa’imman kunneen qarshii 15,000 fa'in gurguramu.
Poolisiin hospitaalawwaniifi manni ijoolleen keessa jiran akka sakatta’amu ajaja baaseera.
Sakatta’insi kun qondaaloti ogummaa fayyaa gameeyyii otoo hin hafin, daddabarsa daa’immanii kanarratti akka hirmaatan saaxileera jedhu hogganaan poolisii olaanoo Hilaarii Mutaayaambii.
Shakkamtoonni dhimma kanarratti hanga yoonaa homaa yaada hin kennine.
Gabaasni BBC Africa Eye, Naayiroobii keessatti daa’imman haadholii daandiirra jiraatanirraa akka hatamaniifi kiliinikooti eeyyama seeraa hin qabne akka jiran, gurgurtaa daa’imman kanaaf gatiin inni xiqqaa doolaara 400 ykn birrii 15,000 akka tahes saaxileera.
Gabaasni qorannoo kun malaamaltummaa hospitaala Maamaa Luusii Kibaakii jedhamus ifatti baaseera.
Tajaajilaan fayyaa hawaasaa hospitaalichaa Fireed Lepaaraan rippoortaroota daa’ima bituuf fakkeessanii hojjetaa turanitti, daa’ima dhiiraa torbee lamaa doolaara 2700 ykn birrii 100,000 oliin gurgureera.
Fireedis tahe hopitaalichi dhimma kanarratti yaada kennuuf eeyyamamoo miti.
Ministerrii Dhimma Hojjetaafi Eegumsa Hawaasummaa Keeniyaa Saayiman Cheeluguyaa yakkamtoonni ''gatii seeraa isa dhumaa'' ni argatu jedhan.
Kana malees eegumsa daa’immanii irratti foyya’insi barbaachisaa tures jedhan.
Ministirri Dhimma Biyya Keessoo biyyattii Fireed Maatiyaangii, waan hospitaala Maamaa Luusii saaxiluu isaaf gabaasa BBC Africa Eye galateeffataniiru.
Keeniyaan kana dura daddabarsa namoota gurguddoo fi qoricha sammuu namaa si’eessu waliin rakkataa turte jedhan.
Afrikaa Bahaa keessatti daddabarsi daa’immanii hangam akka tahe qorannoon qabatamaa agarsiisu hin jiru.
Haa tahu malee dhaabbati miti mootummaa ‘Missing Child Kenya’ waggooti sadeen darbanitti daa’imman badan 600 galmeessuu hima.
















