Shamarree Indiyaa huccuu jiinsii uffachusheetiif maatiidhaan ajjeefamte

Neha Paswan

Madda suuraa, Rajesh arya

Ibsa waa'ee suuraa, Neha Paswan uffannaa ammayyaa uffachuu jaallatti

Indiyaa keessatti shamarranii fi dubartoonni miseensota maatii isaaniin haala suukanneessaan reebamuun yeroo dhiyoo as mata duree oduu ta'eera.

Taateen kun shamarranii fi dubartoonni nagaa fi tasgabbiidhaan mana keessa akka hin jiraanne yaaddoo guddaa uumeera.

Torbee darbe shamarreen umurii waggaa 17 Neha Paswan jedhamtuu Kaaba Indiyaa bulchiinsa Uttar Pradesh keessatti miseensa maatii isheen reebamtee ajjeefamte.

Kunis sababa miseensi maatii kun uffannaa ishee, jiinsii, hin jaallanneef qofa ture.

Haati shamarree kanaa, Shakuntala Devi Paswan, BBC Hindiitti akka himtetti, intalli ishee dhimma uffannaasheerratti akaakayyuu fi eessumashee waliin walfalmaa erga turtee booda uleedhaan reebamtee ajjeefamte.

"Guyyaa guutuu soomaa ooltee halkan wayita kadhannaa gootu uffata jiinsii uffattee turte. Akaakayyuun ishee wayita itti dheekkamu, Nehan huccuun jiinsiis akka uffatamuuf hojjetame jechuun itti deebiste. Ammallee akka uffattu itti himte,'' jette haati kun.

Dubbii walitti deddeebisuun heddummaachuun gara wal loluutti geeddarame.

Haatii kun akka jettutti, intallishee akka malee rukutamtee of wal'aaltee osoo lafarra ciistuu soddaan ishee argee gara hospitaalaa geesse.

"An mataankoo akkan ishee waliin deemu naaf hin eeyyamne. Booda firrakoo achi jiru akka intalakoo hospitaalatti naaf ilaalu itti himee wayitan ergu, isheen argamu hin dandeenye,'' jette.

Borumtuusaa garuu reenfi shamarree tokkoo riqicha irratti rarraafamee jiraachuu namoonni arganii oduu tamsaasan.

Wayita isaan deemanii ilaalan reenfa Neha Paswan ta'ee argame.

Poolisiin namoota yakka kana raawwatan jedhee shakke 10 irratti himata baneera.

Namoonni yakka ajjeechaa fi ragaa dhoksuun himataman kunneen akaakayyuu, eessuma, adaadaa, eessummanii fi konkolaachisaa isaaniiti.

Shakuntala Devi

Madda suuraa, Rajesh arya

Qondaalli poolisii Shriyash Tripathi BBC Hindiitti akka himanitti, hanga ammaatti namoonni afur hidhamaniiru, kanneen hafan qabuufis hordofaa jiraachuu himan.

Hojii ijaarsaa keessatti galii guyyaan argataniin ijoolleesaanii guddisaa jiraachuu kan himan abbaan Neha, Amarnath Paswan, Neha dabalatee ijoolleesaanii mana barumsaatti erguuf aarsaa kaffalaa akka jiran himu.

Intallisaanii miseensa poolisii ta'uuf karoora akka qabdu kan himan haati Nehaa, amma garuu abjuunshee karaatti hafeera jedhan.

Intallisaanii soddootii isheetiin hacuucamaa jiraachuu akka turte kan himatan haati kun, barnootashee akka dhiistuu fi uffata aadaarraan kan hafe uffata biraa akka hin uffanne dhiibbaa irraan ga'u jedhan.

Nehan uffata ammayyaa uffachuu jaallatti, suuraashee maatiin BBC'f qoodan irratti shamarreen kun uffata jiinsii uffattee jirti.

Gareen dhiittaa mirga dubartootaa hambisuurratti duula eegalan akka ibsanitti shamarranii fi dubartoonni manasaanii keessattillee nagaan jiraachuu dadhabaniiru.

Dubartoonni aadaa fi duudhaa saba amantiin buluu keessatti guddatan hundi qoqqobbii jaarrolee jala jiraachuus eeran.

Shamarran osoo hin dhalatin durallee ilaalchi namoonni isaaniif qaban badaa ta'uufi sababa namuu ijoollee dhiiraa argachuu fedhuuf qofa hacuucamaa jiraachuus himan.

Indiyaa, keessattuu naannawa kanatti, haleellaan dubartootarra ga'u akkaan hammaateera. Sababa maallaqa ga'aa abbaa manaasaaniif kennuu dhabaniif qofa guyyaa guyyaan giddugaleessaan dubartoonni 20 ta'an ni ajjeefamu.

Indiyaa keessatti gosti huccuu jiinsii Denim filannoo jalqabaati, maatiin garuu ijoolleen akka hin uffannu dhorku

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Indiyaa keessatti gosti huccuu jiinsii Denim filannoo jalqabaati, maatiin garuu ijoolleen akka hin uffannu dhorku

Shamarranii fi dubartoonni Indiyaa sababa huccuu uffatan, nama itti haasa'anii, bakka deemanii fi ergaa isaaniif ergamuutiin haleellaa cimaatu isaan mudata.

Ji'a darbe keessa shamarreen umurii waggaa 20 abbaa fi durbiiwwan isheen wayita haala suukanneessaan reebamtu viidiyoon agarsiisu lammiilee biyyattii akkaan rifaasise.

Torbee dura ammoo shamarran lama bilbilaan dhiiratti haasoftan jedhamuun miseensota maatiinsaaniin gara jabinaan reebaman.

Viidiyoon taatee kana agarsiisu erga gadi dhiifamee booda poolisiin namoota torba hidhe.

Tarkaanfii reebichaa shamarran irratti fudhatamaa jiru hammaachaa jiraachuu kan hime poolisiin, namoota yakka akkanaa raawwatan hordofee seeratti dhiyeessuu fi dhimmicharratti maanguddoota biyyaa waliin akka dubbatus himeera.