Indiyaa: Suuraa mucaa ganna 5'f hiree barnootaa argamsiise

Madda suuraa, Eenadu newspaper/A Srinivas
Harkatti meeshaa nyaata itti qopheessan qabattee, balbala daree barnootaarra dhaabattee suuta gara daree barnootaa osoo ilaaltuu namni wayii suuraa ishee kaase.
Mucaan ganna 5 lammii Indiyaa kun magaalaa Hayiderabad jedhamtu keessa jiraatti.
Diviyaan ammaan kana maagaala ishee keessatti nama beekamtuu taateetti.
Suuraan ishee osoo dhokattee gara daree barnootaa ilaaltuu kaafamte daran qoodamee, namoota hedduu bira gahe.
Sadaasa 7 barruu biyyatti Telugu jedhamu irratti maxxanfame namoota hedduu biratti ijoo dubbii ta'e.
Rogeessi mirga daa'immaniif falmu daa'ima waan nyaattu fi hiree barnootaas dhabde jechuun 'Facebook' irratti maxxanse.
Dhiibbaa suuraa kanaatiinis manni baruumsichaa mucaa kana galmeessee barnoota eegalchiise.
Abbaan mucattii Lakshman garuu suuraan ishee sadarkaa kanatti iyya uumuun isaafi haadha warraa isaaf gaarii hin turre jedhe.

"Yeroon suuraa sana argu nan gadde" jedhee BBC'tti hime. "Diiviyaan maatii egeree ishee tolchuuf halkanii guyyaa dhama'an qabdi, garuu akka haadhaafi abbaa hin qabneefi beeloftetti fakkeeffamte."
Obbo Lakshman hanga umuriin ishee waggaa 6 guututti eegaa akka ture hima.
Shamarran isaa biroo lama mana barumsaa mootummaatti barataa jiru. Ilmi isaa ammoo barumsa fixee kolleejii galuuf qophiirra jiraachuu hima.
Ofirra darbee ijoollee obbolaa isaatii shan deeggaraa jiraachuullee hima.
Suurichi attamiin kaafame?
Diviiyaa fi maatiin ishee magaalaa Hayiderabad keessa lafa warra hiyyeeyyii jiraatu.
Gandi isaanii mana baruumsaa isheen suuraa itti kaafamte irraa meetira 100 caalaa hin fagaatu.
Warri achi jiraatan hundi bilisaan ijoollee isaanii mana barumsaa kanatti barsiifatu. Manni barumsicha ijoolleef laaqana bilisa kennaaf.

Ijolleen xixiqqoon umuriin isaanii barumsaaf hin geenyes wayita laaqanaa dhaqani waan angafoota isaanii irraa hafe nyaatu.
Diviyaanis gaaf hunda hin deemtu garuu gaaf tokko tokko dhaquun ishee hin oolle.
Akka kanaan gaaf isheen dhaqxe tokko namni hin beekmne duubaan suuraa ishee kaase. Kun dhugaa ta'u barsiisonni mana barumsichaas BBC'f mirkaneessanii jiru.

Sababa suuraa ishee kanaan xiyyeeffannaan manni barumsichaa argate hanqinawwan kaan akka furaman hiree uuma jedhu barsiisonni.
Ammoo daa'imman umurii isheerra jiran hundi mana barnootaa akka galanis karra baneera.
Diviyaan hiree barnootaa argachuu ishetti baay'ee gammadde. Boorsaan ishee yeroo hunda dugda isheerraa hin bu'u.













