Keemikaal injinara liistiroo ta'ee jireenyaan wal'aansoo qabe

Ibsa waa'ee viidiyoo, "Wantin gatii gudda itti baasee homaa irraa dhabe barnoota"

Waggaa waggaatti barattoonni kumaatamaan lakkaa'aman ni eebbifamu, hojii argachuun garuu daran rakkisaadha.

Seenaa barataan keemikaal injinariingiin eebbifamee wayita ammaa kana kophee qulqulleessee jiraata jiru tokko isinitti himna

Chakkol Manbaruu jedhama. Wayita ammaa magaalaa Bahirdaar keessa jiraata.

Abbaan isaa daa'imummaan waan irraa du'eefi haati nama biraatti waan heerumteef nama isa barsiisu hin arganne ture.

Mana abbeera isaatti horii tiksaa barnoota eegale, haa ta'u malee haalli mijataa waan hin turreef achii bahee ofiin of gargaaraa of barsiisuu eegale.

Hiriyaa kophee qulqulleessuu isaa tokko waliin mari'atee, baargamoo abbaan isaa dhaabee ture gurguree meeshaa hojii liistiroof isa barbaachisu bitatee hojii eegale.

Kutaa sadaffaa irraa eegalee kophee qulqulleessaa barachuu itti fufe.

"Barachuuf hojiin na gargaara jedhee yaade liistiroo ture. Guyyaa walakkaa nan baradha, walakkaa ammoo nan baradha. Kaardii moobaayiliis gurguraan ture."

"Ebeluufaa akkuma kanatti baratanii doktora ta'an jechuun namoonni na jajjabeessaa turani, kuni humna naa ta'eera" jedha.

"Barumsatti gatii guddaan baase, daran rakkadheen baradhe. Irbaata daabboo gogaa nyaadheen, sanumarraa cireefis bulfadheen baradhe."

Kutaa 8 fi 10 yoo eegalu uffata dambii haaraan isa barbaachisa waan tureef daran dhiphachuu hima.

Yuunivarsiitii wayita galus wantoota isa barbaachisan guuttachuuf daran rakkateera.

Imala barnootaa isaa keessatti yeroon kunneen sadan 'kanan baay'ee itti dhiphadhe ture' jedha.

Chakkol Manabaruu

Kutaa 3ffaa hanga 12 kophee qulqulleessaa rakkinaan kan barate Chakkol, qabxii seensa yuunivarsiitii argatee yuunivarsiitii Bahirdaar seene.

Ulaagaan gosa barnootaa ittiin filate 'dafee kan isa qacarsiisu' akka ta'e hima.

Kaanaaf jalqabarratti elektirikaal injinariingi lammatarratti ammoo keemikaal injinariingi barachuuf filate.

Filannoon isaa lammataa kennameefi barnoota eegale.

Mooraa yuunivarsitii keessatti jireenyi fooyyee qaba ture jedha.

"Deeggarsa akkan hin qabne gandarraa barreesisee waanan tureef, ji'atti birrii 100-200 naaf kennu turan. Hiriyoonni koos na gargaaraa turani."

"Oduutu ture, biyyattiin injinaroota hagana barbaaddi jedhamee waan odeeffamaa tureef kana filadhe" jedha.

Haguma guyyaan eebba isaa dhiyaatu garuu yaaddoon isaa dabalaa akka deeme hima.

"Hojii dhunfaa hojjechuuf maallaqa waanan hin qabneef, jalqabumarraa qacaramee hojjechuufan yaada ture."

Keemikaal injinara liistiroo ta'ee jireenyaan wal'aansoo qabe

Madda suuraa, Keemikaal injinara liistiroo ta'ee jireenyaan wal'

Erga eebifamee booda garuu haalli akka inni eegaa ture hin taane.

Bara 2010 A.L.I eebbifame, ji'oota sadiif Finfinnee keessa miilan deemee hojii barbaadaa ture. Paarkiiwwan indastirii hunda waliin gahera jedha.

Warshaa tokko keessatti guyyaatti birrii 29'n hojii eegalee akka ture hima. Garuu ittiin jiraachuun rakkisaa waan tureef dhiise.

Hojii digirii hin gaafanne mara irratti dorgomee, hedduun booda guddina nu gaafata jedhanii na didani jedha.

Hojii dhabdoota waliin gurmaa'ees yaalera garuu itti hin milkoofne.

Dhumarrattis filannoon inni qabu tokko qofa akka ta'e hubate. Sunis hojii kophee qulqulleessuu duraan hojjetaa ture.

"Filannoo dhabeen liistirootti deebi'e" jedha.

Ammallee osooma liistiroo hojjetuus hojii barbaaduu hin dhiifne.

"Wantin ani gatii guddaa itti baasee, gatii homaa irraa dhabe barnoota" jedha.

Hojiin dhabamuu isaaf xiyyeeffannaan mootummaa dargaggootaaf hojii uumuu caalaa, nageenya irratti fuulleffachuudha yaada jedhus qaba.

"Barsiisonni koo yoo na argan anarra isaantu rifata. Boquu gadi cabsanii, ija narraa qabanii darbu."

Gariin ammoo kan na jajjabeessanis jiru jedha.

"Hiriyoonni koo yoo na argan osoo hin barbaadiin kophee qulqulleessifatanii, waan qaban naa kennanii deemu" jedha.

"Lakkii dhiisi dhaloota abdii hin kutachiisiin kan naan jedhanis jiru" jedha. Isaaf garuu filannoon inni qabu kana qofa.