Gaazexeessaan warra Biriitishitu Hindii qaroomse jedhee mufii guddaa uume

Lammiileen Hindii yaada gaazexeessaa kanaa sanyummaa qaba jechuun qeeqan

Madda suuraa, Getty Images

Ibsa waa'ee suuraa, Lammiileen Hindii yaada gaazexeessaa kanaa sanyummaa qaba jechuun qeeqan

Qopheessaan sagantaa oduu Tv Ameerikaa warra Hindi kan qaroomsan warra Biritiishidha erga jedhee booda lammiileen Hindii qeeqa jabaa irratti kaasan.

Gaazexeessaan Fox News Taakar Kaarlisan eega Biritiish Hindii bituu dhaabdee biyyattiin ogummaa arkiteekcharii hawwataa asuu hin baafne jedhee dubbate.

Kaarlisan dubbii kana yeroo Giiftiin Elizaabet II du’an sagantaa gubbaa dubbate.

Haa ta’u malee, dubbiin isaa kuni sanyummaa kan qabu, kan hubannoo malee dubbatame jedhamuun namoota siyaasaafi miidiyaa hawaasummaa gubbaa jiraniin qeeqame.

Booda kana hayyuuleen beekamoo addunyaarratti argaman kan Hindii dabalatee mootummaa gonfoo Biritiish miidhaa dhaqqabsiise hanga ammaa hin hubanne jechuun qeeqaniiru.

Kaarlisan qeeqa irratti ka’e mormuun impaayera Biritiish duguuggaa sanyiitti qixxeessuun sirrii miti jedhee falme.

‘’Biyyoonni jajjaboo biyyoota laafoo irra-aanu. Haalli kuni ammas hin jijjiiramne,’’ jechuun dubbiin dubbate tiwiitara gubbaa ijoo dubbii ta’eera.

Dabaluunis, warri Ingilizii akka Ameerikaa miti, ‘’itti-gaafatama bara kolonii isaanii fudhatu,’’ jechuun ibse. Impaayera addunyaa bulche keessaa warri Ingilizii haala namaaf yaadun bulchani jedhe.

‘’Yeroo warri Biritiish Hindii keessaa bahan, qaroomina turan akkuma jiruun dhiisanii bahan. Afaan, sirna seeraa, manneen barnootaa, manneen amantii fi gamoowwan ummataa hanga har’aa jiran dabalatee,’’ jechuun ibse.

Gaazexeessichi yaada isaa jabeessuuf buufata baaburaa Viktooriyaa warra Biritiishiin bara 1887 ijaarameefi bara 2016 Chhatrapati Shivaji Maharaj jedhame moggaafame kaasuun falme.

‘’Eega Hindiin waggoota 75 dura walabummaa argattee, hamma gamoo baaburaa Moombee koloneeffattoota Biritishiin ijaarameeefi bareedu tokko ijaaraniiruu? Haala gaddisiisuun tokkoyyuu hin ijaarre,’’ jechuun hime.

Maxxansa X irra dabri
Qabiyyee X hayyamtaa?

Barreeffamni kun qabiyyee [social_media-site]n dhiyaatan qaba. Tarii 'cookies' fi teknolojiiwwan biraa fayyadamuu waan danda'aniif, osoo tokkoonsaa gadi hin buufamiin dura hayyama keessan gaafanna. Osoo hin simatin dura Ximaammata cookies fi imaammata mateenyaa dubbisuu barbaadda ta'a. Qabiyyee kana ilaaluuf 'waliigaluun itti fufi' filadhu.

Hubachiisa: Qabiyyee marsariitiiwwan alaatiif BBCn itti gaafatamummaa hin fudhatu.

Xumura maxxansa X

Dubbiin isaa namoota siyaasaa gameeyyii dhaaba mormituu Shaashi Taaroor dabalatee namoota hedduu Hindii keessa jiran mufachiise.

Nami biraan immoo dubbii gaazexeessaa kanaa ‘’nama kofalsiisa’’ jechuun ibse.

Gamoowwan babbareedoo Hindii keessa jiran ‘’warruma Hindiin ijaarame,’’ jedhe.

‘’Sirni kolonii Hindii addaan diige malee hin ijaarre,’’ jedhe.

Ispoorteessituun beekamtuu Teenisii Martinaa Navraatilovaa illee kanneen yaada isaanii ibsan keessaati.

Gaazexeessichi seenaa quba hin qabu jechuun qeeqxe.