'Balaa xayyaaraan namoonni hundi na biraa dhumanii ana qofatu lubbuun hafe'

Viiswaashkumaar Rameesh. Nama diimaa koofiyyaa gurraachafi qomee gurraacha keewwateeru.

Namni kun balaa xayyaaraa Daandii Qilleensaa Hindii mudaterraa lubbuun hafe. Imaltoonni xayyaarichaan imalan 241 biraa du'anii inni qofaan hafe - Viiswaashkumaar Rameesh.

Namoota kana hunda keessaa lubbuun hafuusaatti "carra qabeessa" ta'uu himus miidhaa hamileefi qaamaf saaxilamuusaatti ammoo gadda akka qabu hima.

Xayyaarri Daandii Qilleensa Hindii namoota 242 fe'atee buufata xayyaaraa Ahaamaadabaad irraa ka'uun gara Landan imaluuf akkuma ka'een kufee caccabee namoonni hunduu dhumanii Viiswaashkuumaar qofaan hafe.

Caccabaa xayyaaraa keessaa gaafa bahu namuu hin amanne.

Obboleessa isaa wajjin xayyaaricha keessa teessudhuma xiqqoo walirraa hiiqanii taa'anii ture- namoota balaasanaan dhuman keessaa tokko obboleessa isaati.

Balaarraa hafee bakka jireenyaasaa UKtti deebi'ee as godaannisa xiinsammuurraa fayyuu hin dandeenya.

Xayyaarri Boeng 787 Indiyaa buufata xayyaaraatii akkuma ka'een sakandiiwwan muraasa booda kufee caccabe. Carraa lubbuun hafuu kan argate Viiswaashkumaar qofa ture.

Xayyaara gubatee aara samiitti qajeelu keessa osoo as bahuu viidiyoon agarsiisu qoodamee ajab jechisiise.

Balaa xayyaaraa kanarraa inni qofaan hafuusaa ilaalchiseefi miira yeroo sana ture Viiswaashkumaar BBCtti himeera.

"Ana qofatu lubbuun hafe; akkamitti akkan oole ammayyuu naaf gaaffidha. Waanuma dinqiidha.

"Obboleessa koos dhabeera; obboleessi koo anaaf lafee dugdaati. Amma qophaa ta'eera, haadha manaa koofi mucaa koottuu hin dubbadhu; qophaan mana keessa callisee taa'a," jechuun erga balaa xayyaaraa irraa inni qofti hafee rakkoo xiinsammuun rakkataa akka jiru hime.

Ibsa waa'ee viidiyoo, Ilaalaa: Viiswaashkumaar yeroo xayyaara kufee caccabe keessaa bahee deemu

Yeroo balaa xayyaaraa irraa lubbuun oole sana akkamitti qabattoo ofirraa hiikee foqoqee bahee akka of oolche hospitaala keessa taa'ee yaada kenneen ibsee ture.

Miidhaa irra gaheef waldhaaansi osoo godhamaafii jiruu MM Indiyaa Nareendiraa Moodiin illee akka isa daawwatanii isa dubbisanis ibsee ture.

Namoota xayyaaricha keessa turaniifi balaa mudateen du'an keessaa 169 lammiilee Indiyaa yoo ta'an, 19 ammoo lammiilee Biriiteeni. Namoonni 19 ammoo yeroo xayyaarri kufee caccabu watta lafa turaniidha.

Erga balaa xayyaaraa kanarraa hafee inniifi maatiinsaa haala rakkisaa keessa akka jiran hima.

"Balichaa booda anaaf baay'ee rakkisaadhaYeroo ammaa inniifi maatiinsaa haala rakkisaa keessa akka jiran hima balaa guyyaa sanaa yaadachuun.

"Miidhaa qaamaa, hamilee, maatii kiyyaaf baay'ee rakkisaadha," jechuun dubbata.

Miidhaa qaamaa irra gaherraa ammayyuu guutummaan hin bayyananne. Miila, gateettii, jilbaafi dugdisaa miidhamuurraa kan ka'e erga balaasanarraa hafee hojii hojjachuu ykn konkolaachisuu akka hin dandeenye hima.

Viiswaashkumaar balaa xayyaaraa kanarraa hafuu booda miidhaa xiinsammuuf akka saaxilame manni yaalaa itti himeera.

Daandiin Qilleensa Indiyaa miidhaa Viiswaashkumaar irra gaheef beenyaa paawundii 21,500 beenyaa kaffalus fedhiisaafi waan isa barbaachisuuf akka hin geenye hima gorsaan isaa.