Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Pirimiyeer Liigii Ingilizii: Maan Siitiin Niwkaasil irra aanuun falmii waancaa cimsate
Waancaa Chaampiyeens Liigii Awurooppaa irratti Riyaal Maadiridiin injifatamee waancaarraa kan hafe Maanchistar Siitiin Niwikaasil Yunaayitiid injifachuun Waancaa Pirimiyeer Liigiitti dhihaataa jira.
Liivarpuul Totanihaam waliin qixa bahuu kan itti dhimma bahan taphattoonni Maanchistar Siitii, Niwikaasiliin dirree isaarratti dhaqanii 5fi 0'n injifatan.
Kanaanis, osoo taphni sadii isaan hafuu qabxii 86'n Pirimiyeer Liigicha dursuutti deebi'aniiru.
Osoo kaleessa tapha hin taasisiin dura Liivarpuul waliin qabxii 83 qabatanii garaagartee galchiin caalamanii turani.
Injifannoo Niwikaasil booda qabxii sadiifi garaagartee galchii afuriin dursuutti jiru.
Kiriis Wuud silaa carraa duraa kilaba isaaf taatu fayyadamuu dhabe. Eegasii morkataan isaa Raahim Isteerliing daqiiqaa 19 booda galchii jalqabaa Siitiif galmeesse.
Isteerling galchii shanaffaas daqiiqaa 93ffaarratti galcheera. Kaan hafan Laapport, Rodriifi Foodan lakkoofsisaniiru.
Torban dura Riyaal maadiriid Bernaabootti duubaa ka'ee erga isa injifatee booda Maanchistar Siitii irratti gaaffiin ka'aa ture.
Akkaataan injifatan akkasumas mo'ichi isaanii garuu komii irratti dhihaateef deebii kenneera.
Maanchistar Siitiin hireen harka isaanii jirti.
Taphoota sadii isaan hafe Wolverhaampitan Waandarars, West Haam Yunaayitiid, akkasumas tapha xumuraa Aston Vilaa waliin taphatu.
Yoo milkaa'an Waancaa Pirimiyeer Liigii Ingilizii kaasuu danda'u.
Tapha piriimiyar liigii kaaniin Arsenaal Liids Yunaayitid goolii 2 fi 1n injifachuun carraa hirmaannaa Chaampiyeens Liigiif qabu cimsateera.
Arsenaaliif Eddie Nketiah goolii lama galchuun akka irra aanuuf ga'ee olaanaa gumaache.
Tapha kaaniin ammoo Evartan Leestar Siitii goolii 2 fi 1n mo'achuun carraa Pirimiyeer Liigii keessa turuuf qabu bal'ifateera, West Haam ammoo goolii 4 fi 0n Noorwich Siitii injifate.