Pirimiyeer Liigii Ingilizii: Imalli Livarpuul waancaaf taasisu Totanhaamin danqame

Leenjisaan Liivarpuul Yargan Kiloopp erga kilabiin isaanii Totanhaam waliin taphatee qabxii qooddatee booda Maanchistar Siitiin of dagatee qabxii dhaba jedhanii akka hin yaadne himan.

Livarpuul erga baatii Onkololeessaatii yeroo duraaf dirree isaa Anfilditti qabxii murteessaa dhabe.

Tapha Sambataa booda Liivarpuul caalmaa galchiin Pirimiyeer Ligicha dursuu eegaluus gareen Peep Gaardiyoolaa gaafa Dilbataa Niw Kaasil yoo injifatan qabxii 3'n isaan caalu.

Osoo taphoonni pirimiyeer Liigii xumuramuuf taphoonni sadii hafanii kuni galmaa'un immoo abdii isaanii dukkaneessuu mala.

Totanhaamiif taphataan Kooriyaa Kibbaa Son Heng-min daqiiqaa 56ffaarratti erga galchee booda Luwiis Diyaaz tumsa Tiyaagoo Alkaantiraan daqiiqaa 74ffaa gubbaa Livarpuliif galchee ture.

Ta'ullee Liivarpuul garee Antoniyoo Kontee irra aanuu hin dandeenye.

Leenjisaan duraanii Chelsii imala Yargan Kiloppiifi ijoolleen isaanii waancaa Pirimiyeer Liigiif taasisanitti danqaa ta'aniiru.

Torbanuma kana tapha Chaampiyeens Liigii Awurooppaa irratti Riyaal Maadiridiin injifatamanii waancaarra kan hafan Peep Gaardiyoolaan tapha har'aa si'ominaan eegu.

Tapha Siitiin har'a Niiw Kaasil waliin taasisuun ni mo'ama yookiin qabxii barbaadu dhaba jettanii yaadduu kan jedhaman leenjisaan Livarpuul Yargan Kiloopp ''natti hin fakkaatu,'' jedhan.

''Rakkoon koo Siitiin Niiw Kaasil ni injifata osoo hin taane, yaaddoon koo waa'ee tapha Aston Viilaa waliin gaafa Kibxataa taphannudha,'' jechuun deebisan.

''1fi 0'n durfamurraa tokko galchineerra. Galchii murteessituudha. Garuu, waan barbaanne hin turre. Furmaata barbaaduufi qabna,'' jechuun gahaa akka hin turre himan.

Liivarpuul Pirimiyeer Liigii gubbaa taphoota 16 irratti osoo hin injifatamiin taphataa jiru. Kudha jaha keessaa kudha sadii yoo injifatan, sadii qixa bahani.

Garuu waancaa Pirimiyeer Liigii dhuunfachuuf morkii taasifamu keessatti Totanhaamin injifatamuun hangam akka hamaa ta'e baruuf yeroon amma ganaadha.

Leenjisaan Totanhaam Antooniyoo Kontee garuu qixa bahuu isaaniitti gammachuu akka qaban himan.

Totanhaam qabxii 62'n sadarkaa shanaffaarratti argama.

Guyyaa Sambataa Maanchistar Yunaayitid gara Biraayitan imaluun 4fi 0'n injifatameera.

Chelsiin immoo Woolvis waliin yoo qixa bahu, Astoon Viilaan immoo dirreen ala Barnileey imaluun 3fi 1'n mo'ate.

Taphoonni Pirimiyeer Liigii Ingilizii bara dorgommii baranaa xumuramuuf taphoota sadii qofatu hafe.

Pirimiyeer Liigicha Liivarpuuliifi Maanchistar Siitiin galchin walcaalanii qabxii 83'n tokkoffaafi lammaaffaarra jiru.

Maanchistar Siitiin har'a Niw Kaasil waliin tapha torban 35ffaa isaa taphata.