Filannoo abbootii murtii Waancaa Addunyaarratti 'gabaasaaleen bahan soba' - FIFA

Baamlaak Tasammaa murteessaa kubbaa miilaa Itoophiyaan qabdu keessaa ijoodha

Madda suuraa, Anadolu Agency

Ibsa waa'ee suuraa, Baamlaak Tasammaa murteessaa kubbaa miilaa Itoophiyaan qabdu keessaa ijoodha

Federeeshiniin Waldaalee Kubbaa Miilaa Idil-addunyaa (FIFA) filannoo abbootii murtii kubbaa miilaa Waancaa Addunyaa 2022 Qaataaritti taphatamu ilaalchisee gabaasaalee bahan guutummaatti soba tahuu BBCf mirkaneesse.

Guyyaa Kibxataa miidiyaaleen keessumaa Lixa Afrikaafi biyya keessaa muraasni murteessaan kubbaa miilaa lammii Itoophiyaa Baamlaak Tasammaa dabalatee Afrikaaraa murteessitoonni 8 filamuu FIFA waabeffachuun gabaasanii turan.

Kanaanis namoonni miidiyaa hawaasummaa gubbaa gammachuu isaanii ibsaa turaniiru. Baamlaakis gabaasota kana arguu himan.

FIFAn odeeffannoon kun "FIFA keessaa kan bahe miti. Gara fuulduraatti muudama murteessitoota kubbaa miilaa Waancaa Addunyaa ifa ni goona" jechuun BBCf yaada kenneera.

Roobii ganama Waancaa Addunyaa bara 2022 irratti akkan taphachiisu filatamuukoo hin beeku jechuun murteessaan kubbaa miilaa idil-addunyaa Baamlaak Tasammaa BBCtti himanii turan.

Murteessaan kubbaa miilaa Itoophiyaa dhihoo Waancaa Afrikaa irratti taphachisuun jajamanis dhimmicha quba hin qabu jechuun gaafa Roobii ganama BBC'tti himan.

''Ani homaa hin beeku. Wanti dhimma kanarra ifatti [officially] natti ergame hin jiru,'' jechuun ibsan.

Oduun kuni sobadha jechuudhaa jechuun kan gaafanne abbaan murtii kubbaa miilaa beekamaa kuni ''wanti kuni eessaa akka dhufu hin beeku,'' jechuun 'dogongora' ta'u ibsan.

''Anaaf homaa wanti na bira gahe hin jiru'' jechuun himan Baamlaak.

Waancaa Addunyaarratti hirmaachuun Baamlaak Tasammaaf waan haaraa miti. Waggaa sadiifi ji'a muraasa dura Waancaa Addunyaa Raashiyaan bara 2018 qopheessiteerratti yeroo jalqabaaf hirmaataniiru.

Baamlaak murteessitoota Waancaa Addunyaa taphachiisaan keessaa tokko ta'uun isaanii yeroos yeroo barame gammachuun kan isaanii qofa hin turre. Gammachuun kan biyyaa ture.

Biyya Waancaa Addunyaarratti hirmaattee hin beeknef waan guddaatti ilaalame.

Haa ta'u malee, Raashiyaatti murteessaa gidduu ta'uun hin taphachiifne.

''Moskootti gahee taphachiisuu hin arganne. Taphoota afur garuu murteessaa eeggataa tahen hojjedhee deebi'e,'' jechuun yeroos BBC'tti himan.

Murteessaa Kubbaa Miilaa Baamlaak Tasammaafi Abbooti murtii sadi biroo Waancaa Addunyaa 2018 irratti.

Madda suuraa, Sergei Fadeichev

Ibsa waa'ee suuraa, Baamlaak Tasammaan Waancaa Addunyaa Raashiyaatti gargaaraa murteessaa tahun tapha afur irratti hirmaatan

Eegasii garuu taphoota Waancaa Afrikaafi Chaampiyeens Liigii Afrikaa, Olompikii Tookiyoofi kaanirratti taphoota hedduu taphachiisaniiru.

Akka nama kana dura filametti hangam dursee filamuun keessan beekamaa gaaffii jedhu dhihaateef Baamlaak kana deebisan.

''Ji'a meeqatu hafe? Ganaadhaam,'' jechuun kolfa keessa fuudhan.

Kana dura yeroo Raashiyaatti taphatame FIFA'n murteessitoota taphicha taphachiisan kan beeksise wal morkiin eegaluu torban 10 dura ture.

Waancaan Addunyaa Qaxaar yookiin Kuwaataar qopheessitu ji'a sagal booda eegala. Kunis, ALI baatii Sadaasa bara 2015 yookiin ALA Sadaasa 21, 2022 - Mudde 18, 2022 jechuudha.

Biyyoota Afrikaa wal morkii kubbaa miilaa guddicha kanarratti hirmaachuu mirkaneeffatan shan; Senegaal, Kaameroon, Gaanaa, Morookoofi Tuniziyaan ta'un barameera.

Itoophiyaan Waancaa Addunyaa bara dhufu dorgomamuurratti hin hirmaattu.

Bara 2018 murteessitoota jaha Afrikaarraa filaman keessaa tokko kan turan Baamlaak Qaxaariif nan filama jettanii abdattuu jechuun gaaffii dhihaateef 'hojii isaanii waliin akka hin deemne' ibsuun deebii kennuurraa of qusataniiru.