Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
Maanchiser Yuunaayitid Joosee Moorinhoo hojii leenjisummaa irraa gaggeesse
Maanchister Yuunaayitid waggaa lamaa fi walakkaa booda leenjisaa isaa Joosee Mooriinhoo leenjisummaa irraa kaase.
Leenjisaan lammii Poorchugaal kun turtii isaanii Oldi Tirafoorditti waancaa liigii Awurooppaa tokkoo fi liig kaappi tokko injifataniiru.
Dorgommii Piriimerligii bara kanaan ammoo dursaa liigichaa Liiverpuul'n qabxii 19'n caalamanii sadarkaa 6ffaa irratti argamu.
Ibsa kilebichi kennen leenjisaan yeroodhaafii hanga xumura bara kanaatti ramadamuun leenjisaan dhaabbiin kilebicha leenjisu ammoo kan qacaramu tahuu beeksiseera.
Kilabichi Mooriinhoo hojii gaarii kilebichaaf hojjeteen galateeffachuun fuuldurattis milkaa'ina hawwinaaf jedheera.
Leenjisaan yeroodhaaf kilebichaaf qacaramu gargaaraa leenjisaa ammaa Maayikil Kaarik ykn leenjisaa Akkaadaamii guddattootaa Niik Buut tahuu hin danda'u jedha gabaasni bahe.
Akkasumas Arsene Weenger as keessa akka hin gallee fi ala irraa namni haaraan akka dhufus ni eegama.
Maanchisret Yuunaayitid bara kana erga bara 1990-91 yeroo jalqabaaf taphoota 17 irraa qabxii 26 walitti qabachuun sadarkaa gadi aanaa galmeessera.
Sadrkaa 4ffaa irra kan jiru Cheelsii irraas qabxii 11'n duubatti hafaniiru. Leenjisichi taphataa paawondii mln 89'n mallatteesisan Pawul Poogbaa waliin erga wal dhabanii bubbulanis tapha 3 fi 1'n Liiverpuul injifate irrattis jijjiiranii galchuu dhabuun isaanii akka haalichi hammaatu taasiseera.
Moohriinoon taphattota hedduu mallatteesisanis hunda isaanii irraa gahumsa ol aanaa argachuu hin dandeenye.
Taphattotni akka Aleeksis Saanchees, Lukaakuu, Fireed, Eerik Beelii fa'a maallaqa guddaan gara kilebichaa haa dhufaniyyuu malee qabxii barbaachisu garuu galmeessuu hin dandeenye.
Leenjisaan Chelsii, Riyaal Maadirid, Inter Miilaan fi Poortoo duraanii Mooriinhoon kilebii tokko waliin waggaa sadii ol turanii hin bekan.
Kaleessa ramadii Shaampiyoonsiliigii baheen Yuunaayitid, PSG waliin ramadameera.
Bakka bu'aan leenjisaa kanaa Hoorhee Meendes Moohriinoon hojii isaatti gammadaadha, kilebichis hojii leenjisichaatti gammadaadha jechuun jalqaba ji'a kanaa haala ture tasgabbeessuuf yaalee ture.
Sar Aleksi Fergusan booda Deevid Mooyes, Luwis Vaan Haal fi Moohriinoon kilebicha leenjisanis milkaa'inaa fi seenaa kilebichaa garuu itti fufsiisuu hin dandeenye.