Kan argaa jirtan oduu barreeffamaan qofa marsaritii keenya daataa xiqqaan hojjetudha. Fuula isa guutuu suuraaleefi viidiyoowwan qabate banadhaa.
Gara fuula marsariitii guutuutti na geessi
Filannoo daataa qusatu fayyadamu kanarratti hubannoo dabalataaf
'Mirgi mucaakoo garaa keessaa sarbame': Dubartii ulfaa labsii Tiraamp komatte
Aadde Meeniin baatiiwwan ulfaa ishee hafe waa'ee nageenya daa'ima ishee kan dhuma bara kanaarratti dhalachuuf jiru maal akka ta'u malu yaaddi.
Hunda caalaas yaaddoonshee inni guddaan waa'ee mucaanshee gaafa dhalatu lamummaa ni qabaataa? kan jedhuudha.
"Mucaankoo gara addunyaa kanaattillee hin dhufne, garuu mirgi isaa qaata sarbameera," jetti, haat sababii dhimma seeraa Tiraamp tibbana labsee yaadda'uun kan maqaa biraatiin BBC'tti dubbatte.
Honduraas irraa godaanuudhaan bara 2021 irraa kaastee kolugaltummaadhaan kan Kaaliforniyaa keessa jirtu Meeniin, akkuma baqattoon biraa imaammata baqattootaa dhiheenya labsameen yaadda'aa jirti.
Innis ajaja hojii raawwachiiftuu guyyaa jalqabaa pirezidaantummaa Doonaald Tiraamp mallattaa'e irraa kan madde yoo ta'u, kunis mirga lamummaa dhalootaan argamu kan Fooyya'iinsa 14ffaa (14th Amendment) irratti kenname faalladha jedhan.
Lamummaan Ameerikaa nama biyyattii keessatti dhalate kamiifuu kan kennamudha. Kunis waggoota 160'f dhagaa bu'uuraa seera Ameerikaa ta'un tureera. Garuu sun hundi amma jijjiiramuu danda'a.
Tiraamp maal barbaada?
Ajajni Tiraamp kun ijoollee godaantota seeraan ala ykn viizaa yeroof US keessa jiraniif lammummaa dhorkuuf seerri akka jijjiiramuu barbaada. Daa'imman Fulbaana 19 fi sana booda dhalataniif kan ilaallatu yoo ta'u, daa'imman guyyaa kana dura dhalatan irrattis hin hojjetu.
Biyyoonni 30 ol ta'an, irra caalaan isaanii bulchiinsoota Ameerikaa keessatti, nama daangaa biyyattii keessatti dhalate kamiifuu daangaa tokko malee mirga lamummaa ni kenna.
biyyoonni biroo kan akka UK fi Awustiraaliyaa ammoo yoo warra keessaa tokko lammii ykn jiraataa dhaabbataa biyyichaa ta'e battalumaan lamummaa kennu.
Ajajni Tiraamp kun mormii seeraa bal'aa kan kaase yoo ta'u, maatiin akka Meenii fa'is yaaddoo fi burjaajii keessa galcheera.
Isteetiiwwan 22 kanneen sirna dimokiraasiitiin durfaman, magaalaa Saan Firaansiiskoo, Bulchiinsa Kolumbiyaa fi gareewwan mirga siviil waliin ta'uudhaan mootummaa federaalaa himachuudhaan ajaja hojii raawwachiiftuu kana mormaniiru.
Ajajni Tiraamp kunis jalqabumaan mormiin kan mudate, guyyaa afraffaa pirezidaantummaa isaarratti Abbaan Murtii Mana Murtii Aanaa Ameerikaa, Joon Kofenar "ifaan ifatti heera mootummaa kan faallessudha" jechuun akka hojiirra hin oolle dhorku ajaja dhorkaa yeroo baaseera.
Amma adeemsa seeraa dabalataa eeggachuuf kan dhorkame yoo ta'u, garuu abukaatonni mootummaa federaalaa murtii kana ol'iyyannoo dhiheessuuf karoorfachuu isaanii, akkasumas dhimmichi Mana Murtii Olaanaa Ameerikaa fuulduratti geessaina jedhanii eegu jedhan.
'Maagineetii godaansa seeraan alaa'
Tiraamp yeroo dheeraadhaaf lamummaa mirga dhalootaa dhaabuudhaaf dhaadachaa kan turan yoo ta'u, warri godaansa cichanii balaaleefatan ammoo imaammatichi "godaansa seeraan alaatiif maagneetii guddaadha" jechun qeequ.
Akkasumas dubartoonni ulfaa waraqaa eenyummaa hin qabne da'uuf jecha daangaa akka qaxxaamuranii biyyattii seenaniif jajjabeessa jechuun falmu.
Akka qorannoo dhaabbata yaada Waashingitan Pew jedhutti, daa'imman gara 250,000 ta'an bara 2016tti godaantota hayyama hin qabne irraa Ameerikaatti kan dhalatan yoo ta'u, kunis bara 2007tti sadarkaa olaanaa irra ture irraa %36n hir'ateera.
Bara 2022, bara dhumaa odeeffannoon itti argameetti ammoo, lammiileen Ameerikaa miliyoona 1.2 ta'an warra godaantota hayyama hin qabne irraa dhalatan.
Ijoolleen kunneenis ijoollee mataasaanii sababii godhataniisf, bu'aan kuufamaa lamummaa mirga dhalootaa dhaabuu, bara 2050tti lakkoofsa godaantota hayyama hin qabne biyyattii keessatti gara miiliyoona 4.7tti akka ol guddisu Dhaabbanni Imaammata Godaansaa, dhaabbata (think tank) ibseera.
Tiraamp af-gaaffii NBC sagantaa 'Meet the Press' waliin taasisan irratti, ijolleen maati hayyama jireenya hin qabne irra dhalatan, UStti dhalatanis maatiisaanii waliin gara biyyaa irraa dhufaniitti deebiifamu qabu jedheen yaada jedhan.
''Tiraamp Muddee darbe ''maatii addaan baasuu hin barbaadu,'' jedhe. "Kanaaf karaan maatii itti adda hin baafne hunda walitti qabdanii deebisuudha."
Mormii seeraa
Hayyoonni tokko tokko Fooyya'iinsi 14ffaan (14th Amendment) ajaja hojii raawwachiiftuutiin jijjiiramuu akka hin dandeenyee fi fooyya'iinsa heera mootummaa akka barbaadu yoo falman, adeemsi isaas sagalee mana maree Kongireesii lamaan keessatti harka sadii keessaa lama, dabalataan ammoo isteetiiwwan Ameerikaatiin raggaasifamuu barbaachisa.
Ogeeyyiin dhimmi dhumarratti manneen murtiitiinmurtaa'u isaa akka hin oolu dubbatu.
Maatiin godaantotaa gamasaanitiin haalli kun dhiphinaafi yaaddoo guddaa uumeera jedhu. Ijoolleen isaanii mirga bu'uuraa dhalootaaf eegamu dhorkamuu danda'u jechuun yaadda'u ibsan.
Meeniin, ''kun akka hin milkoofne ani amantaan qaba'' jetti. ''Garuu maal ta'u akka mulurratti sodaa cimaatu jira.''
Dhimmi Meenii himata Pirojektii Abukaatoo Koolugaltummaa (ASAP) jedhamu kan walumaa galatti miseensota koolu galtoota 650,000 ol bakka bu'uun dhiyaate keessatti hammataman keessaa isa tokkodha.
"Ajajni hojii raawwachiiftuu kun waan ta'e akka labsamu barbaanna, innis heera mootummaa kan faallessuu fi seeraan aladha," jetti haatii seeraa fi dubbi himtuun ASAP, Leyidy Pérez.
Itti dabaluudhaanis, ajajni hojii raawwachiiftuu Tiraamp kun kan garmalee ifa hin taanee fi gaaffii deebii hin arganneen kan guutame ta'uu dubbatti.